Taatoon beekamaa Holiiwuud Jiin Haakmaaniifi haati warraasaa mana keessatti du'anii argaman

Jiin Haakimaan, haati warraasaa Betiisii Harakaawwii

Madda suuraa, Getty Images

Taatoon Holiiwuud keessatti beekamaa badhaafamaa Oscar ta'e Jiin Haakimaan, haati warraasaa Betiisii Harakaawwii, akkasumas sareen isaanii mana jireenyaasaanii keessatti du'anii argaman.

Reeffi haadha warraafi abbaa warraa, akkasumas sareesaanii mana jireenyaasaanii bulchiinsa Niw Meksiikoo, Saantaa F keessatti argamu keessatti argame.

Waggoota 60 oliif taatoo beekamaa fiilmiiwwan gara garaa keessatti hojjeteen gurra guddaa horate Hakimaan, 'The Friend Connection' akkasumas 'An Forgiven' fiilmiiwwan jedhaman keessatti akka addaatti jaallatameera.

Industirii Fiilmii keessattis badhaasa bakki guddana kennamu Oscar si'a lamaaf mo'achuu danda'eera.

"Haadha warraafi abbaa warraa kan ta'an Jiin Hakimaan fi Beetis Harakaawaa Roobii waaree booda mana jireenyaasaanii naannawaa Seent Tireeyil jedhamu keessatti kan du'anii argaman," jechuun poolisiin bulchiinsa Santaafee ibsa baaseen himeera.

"Akkaataa du'a isaanii ilaalchisee qorannoon kan itti fufe ta'ullee, hanga ammaatti ka'umsi du'a isaanii uumamaan aladha jennee hin amannu," jedheera poolisiin.

Taatoo beekamaa kan ta'e Jiin umuriin isaa wagga 95 ture. Taphattuu kilaasikaal Piyaanoo kan turte haati warraasaa ammo umuriin ishee wagga 64 ture.

Taatoon kun bara 1971 fiilmii sodaachisaa ba'e 'The French Connection' bakka nama Jiimii jedhamuu bu'ee taphateen dandeettii cimaa agarsiisuu isaatiin akaakuu taatoo cimaatiin badhaasa Oscar mo'achuu danda'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1992 keessa fiilmii 'Unforgiven' jedhamu keessattis cimina addaa agarsiiseen taatoo filatamaa ta'uun badhaasa Oscar lamaffaa argachuu danda'eera.

Dabalataan, bara 1967 fiilmii 'Bonii ende Kilaayid' jedhamu, akkasumas baroota 1970oota keessa 'I nver Sang for My Father', bara 1988 Misiisiippiirratti taatoo taphateen badhaasa OScar'tiif kaadhimamee ture.

Hakimaan industirii fiilmii keessatti taatoo kamiyyu ta'ee taphachuu ni danda'a ture.

Hakimaan waggoota kanneen keessatti taatoowwan 100 ol bakka bu'ee kan taphate yoo ta'u, isaan keessaa fiilmiiwwan Supperman bara 1970 fi 1980oota keessa bahan kanneen eeramanidha.

Hakimaan taatoowwan bebbeekamoo warra akka Al Paciinoo, Jiin Waayilder, Waaren Beetii fi Diyaan Kiiten waliinis taphateera.

Akkuma kanas, warra gurra guddaa horatan akka 'Run Away Jurry', 'Ze Rooyaal Teeneen Baawums' akkasumas fiilmii daarektara beekamaa Fitaansiis Foor Koppolaatiin hojjetame 'The Conversation' jedhamurratti hirmaatee dandeettii isaa agarsiiseera.

Hakimaan bara 1930 Kaalifoorniyaatti ture kan dhalate. Maatiin isaa ammoo magaalaa tokkoo gara magaalaa biraatti deemuun jiraachaa turaniiru.

Umuriin isaa waggaa 16 yeroo turetti umuriisaa sobuun Humna Galaanaa Ameerikaa keessa waggoota afuriifi walakkaatiif tajaajilee ture.

Chaayinaa fi Hawaay keessatti ramadamee kan hojjete yoo ta'u, bara 19521 Humna Galaanaa keessaa bahe.

Tajaajila loltummaa kennaa ture hordofee, Hakimaan hawwii yeroo ijoollummaa taatoo fiilmii ta'uu qabu milkeeffachuuf gara Kaalifoorniyaatti deebiyuudhaaf osoo hin milkeessiin dura Niw Yoork keessa jiraateera.

Yunivarsiitii Illiinooy keessatti ammoo gaazexeessummaafi TV Pirodaaksjinii baratee booda hojii gaazexeessummaatti bobba'ee tajaajilees ture.

Du'a taatoo beekamaa kana hordofee addunyaarratti dinqisiifattoonni isaa gadda isaanii ibsachaa jiru.