Kaataar deeggartoota baasii hunada danda'uun biyyoota garaa garaarraa fidderraa maal eegdi?

Madda suuraa, Getty Images
Sirna baniinsa waancaa addunyaa Kaataar irratti teessoowwan Al-Baayit Istaadiyeem hedduun duwwaa ta’anii mul’achusaaniifi deeggartoonni kubbaa miilaa "soabaafi fakkeessuu" baasiin isaanii hundi kaffalameefiif dhufan jedhaman daandiiwwan gurguddoo magaalaa Dohaa guutanii mul’achun isaanii dubbii ijoo ta’eera.
BBCn dhimma namoota kanfalamuufiin sobaan deeggaraa jiru jedhaman kanneenii ilaalchisuun qorannoo gaggeesseen, Kaataar sababii waancaa addunyaatiin maqaashee caalaa guddiftee agarsiisuuf yaalii taasisaa jirtu hubachu danda’eera.
Kanaanis Kaataar deeggartoota kubbaa miilaatiif tikeettii xiyyaaraa bilisaa fi baasii hoteela saanii danda'uun gara biyyaatti akka dhufan affeertee jirti.
Deeggartoonni kunneenis miidiyaalee hawaasaa isaanii irratti waa’ee taphawwanii irratti odeeffannoo gaarii akka qoodaniifi odeeffannoowwan wal fakkaatan kaan ‘Like’ fi ‘share’ akka taasisan irraa eegama.
Osoo sirni baniinsa qophichaa fi taphii jalqabaa hin eegalamiin duras deeggartoonni hedduun alaabaa mirmirsuun faarfachaa daandiiwwan Dohaa irratti mul’atanii ture. Viidiyoon toora miidiyaa hawaasaa Fifa irratti bahee akka agarsiiseetti, namoota mul’atan keessaa irra caalaan isaanii kan jidduugala bahaa fi Kibbaa Eshiyaa irraa dhufan ta’anii osoo jiranuu, attamiin deeggarsa saanii gareewwan addunyaa mara irraa dhufaniif taasisan gaaffii jedhu kaasee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Sagantaa deeggartootaa
Maatiinsaa Indiyaa irraa kan ta’e Aroon Farnaandeez namni jedhamu fi Kaataar kan jiraatu, yaadniiwwan akkasii kunis haala qabatamaa biyyoota naannichaa sirriin hubachuu dhaburraa kan madduudha jedhe.
Kanas yoo hubachiisuu, namoonni hedduun biyyoota garaa garaa irraa dhufuun Kaataar akka biyyasaaniitti lakkaa’uun baqattummaan kanneen jiraatan, yoo gareewwan adda addaa deeggaran kan baayyee wal nama gaafachiisu ta’u hin qabaatu.
Lammiileen biyyoota Kibba Eshiyaatti argaman jaalala ispoortii kirikeetiif qabaniin beekaman illeen, namoonni baayyeen ammo kubbaa miilaa ni jaalatu.
Kanaafis agarsiiftuun biyyoonni akka Indiyaa jiran dorgommii waancaa addunyaa irratti hirmaatanii beeku baatanilleen, gareewwan jaalatan hedduu deeggaruudhaafi taphawwan ilaaluuf ni imalu.
Aroon mataansaa deeggaraa kilaboota lamaa yoo ta’u, sagantaalee sochii deeggartoota Fifaa fi Kaataariittis sagantaa deeggartootaa keessatti ni hirmaata. Gareewwan kunneenis kan Fifa fi qopheessituu waancaa addunyaa bara kanaa kan taatee Kaataariin hundeeffamaniidha.
Aroon sagantaa deeggartoota Fifa keessatti hirmaachuuf waliigaltee mallatteessee yoo ta’e wayita gaafatameetti, ‘‘Sochiilee akkasii keessatti wayita hirmaatamu ittigaafatamaa ta’un kan hin oolleedha. Haata’u malee waanti hundinuu kan ispoortii waliin wal qabateedha. Kunis waggootaaf taasifamaa kan ture yoo ta’u, akka waan guddaatti ilaalamu hin qabaatu’’ jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Tikkeetii xiyaaraa bilisaafi hoteela
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aroon deebii ifaa ta’e kennuu baatulleen, miseensiinni sagantaa deeggartootaa keessatti hirmaatan waliigaltee kan mallatteessan yoo ta’u, qopheessitoota dorgommii irraa faayidaalee akka argatan BBCn ragaa argateera.
BBCn sanadoota ilaaleefi qondaaltoota dorgomiiwwan qopheessan hedduu irra mirkaneeffachuu akka danda’eetti, deeggartoonni biyya alaa hedduun gara Kaataar imaluuf tikeettii xiyyaaraa bilisaafi baasii hoteelaasaanii ni kanfalamaafi. Kunis ‘‘guyyoota deeggartoonni itti turan kan isaaniif mijatu taasisuudhaaf’’ jechuun qopheessitootaan kan raawwatame ta’u ibsameera.
Deeggartoonni kunneen ammo ‘‘miidiyaalee hawaasaa isaanii irratti qabiyyeewwan koree olaanaan qophii dorgomichaa baasan maxxansu’’ fi qabiyyeewwan warra kaanii jaalachuufi qooduuf akka waliigalan waliigaltee mallatteessu.
Koreen olaanaa kan jedhamuf dorgommii waancaa addunyaa Kaataariitti gaggeeffamaa jiru kana kan keessummeessudha.
Deeggartoonni affeerraman kunneenis, ‘‘akka gochaawwan koree olaanaa ykn waancaa addunyaa Fifa 2022 saaxilan hin raawwaneef’’ kan waliigalan yoo ta’u, ‘‘dubbi himtoota Kaataar ta’u irraa akka hin eegamnes’’ itti himameera.
Waldaan Kubbaa Miilaa Beeliyeemiitti oggeessa sabaa himaa kan ta’an, Piitar Korneez akka jedhaniitti, deeggartoota kanneenif ‘‘tikeettiin bilisaafi sirna baniinsaa bilisaan akka irratti argaman taasifamaniiru.’’
Kennaan kunis kan taasifame deeggartoota kubbaa miilaa Beelijiyeen qofaaf osoo hin taane ‘‘biyyoota waancaa addunyaa irratti hirmaatan hundaafiidha’’ jedhan. Hirmaattoonni haala kanaan affeeraman hundi akka waliigalte mallatteessan akka hin taasifamnes himan.
‘‘Keessuummoota keenya’’
Qopheessummaan waancaa addunyaa Kaataariif kennamu hordofee, haala qabiinsa gadaanaa hojjattoota lammiilee biyya biraa Kaataariitti argamanii, ejjannoo jaalattoota saala walfakkaataa irratti qabdu fi bilisummaa yaada ibsachuu irratti qeeqni irratti ka’aa ture.
Miseensa deeggartoota boordii Awurooppaa kan taate Maartaa Yanis akka jettuutti, haalli akkasii dorgommiiwwan gurguddaa kanaan dura turan irratti raawwatamu gonkumaa dhageessee hin beektu.
‘‘Kun sochii deeggartootaa osoo hin taane waliindhahuu deeggartootaati’’ jechuun, ‘‘waan haaraadha, sirriis miti’’ jetti.
Haata’u malee koree olaanaan qaama qophii dorgommichaa ta’e, ‘‘affeerran kun fedhiifii gaaffiiwwan deeggartoota biyyoota 59 keessatti argamanii akka hubannu nu taasiseera’’ jechuun deebii kenne.
Itti dabalunis, ‘‘deeggartoonni qabiyyeewwan adda addaa miidiyaalee hawaasaa irratti baasuunii fi qoduudhaaf waliigaltee dirqisiisaa kamu hin mallatteessine.
‘‘Kanneen Kaataar dowwatan hundis, akka keessummaatti waan isaani ilaalluf, neef waan fedhii mataasanitiin raawwataniidha’’ jechuun kanneen afferraman dirqama akka hin qabne haalan.












