Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bataskaanni Ingilaand waggaa 500 keessatti yeroo jalqabaaf abuunii olaantuu dubartii muudde
Waggaa 500 keessatti yeroo jalqabaaf Bataskaanni Angilikaanii Ingilaand hoggantuu dubartii muudde.
Deem Saaraa Mulaalii abuuna olaantuu tahuun dura abuuna taatee waggaa torbaaf bataskaanichatti tajaajilaa turte.
Kunis tuuta hogganoota bataskaanaa keessaa sadarkaa saddaffaarra kan ishee kaa'ee ture yoo tahu, aangoo kanaafis dubartii jalqabaati.
Dubartoonni bara 1990 irraa qabe Bataskaana Ingilaand keessatti luba qofa tahuu danda'u ture.
Saaraan qeesii tahuun dura narsii tahuun kan tajaajilte yoo tahu, bara 1999tti narsii mummee Ingilaand tahuun dubartii jalqabaa taateetti.
Muudama kana fudhachuun Saaraan nama 106ffaa yoo taatu, Bataskaana Ingilaand hogganuun garuu waggaa 500 keessatti dubartii jalqabaati.
''Daandii amantii kana miiliyoonota Waaqa tajaajilan waliin qooddachuun barbaada,'' jette.
Gaa'ela jaalattoota saal-walfakkaataa eebbisuurratti namoota dura buutummaan dubbataa turan keessaa turte.
Bara darbe hogganaan bataskaanichaa Jastiin Weelbii nama daa'imman irratti haleellaa saalaa geessisu gabaasuu irraa hanqachuusaan, bataskaanichi yeroo dheeraaf hogganaa hin qabu ture.
Haaluma aadaa filmaata abuuna olaanaa filachuuf taasifamuun tarree maqaa namootaa MM Keer Istaamariifi maatii mototaaf kennama.
Sar Kar Istaamar filamuun Deem irratti yoo dubbatan, ''Abuunni olaantuu bataskaana Kantabarii jireenya biyyaalessaa shoora ijoo tahe qabdi. Milkaa'ina hunda nan hawwaafi, waliin akka hojjennus nan abdadha,'' jedhan.
Hogganaan Bataskaana Inglaand mooticha haa tahuyyuu malee Abuunni Olaanaa nama hafuuraa gameessa bataskaanichaati.
Mootiin Chaarlas 3ffaan Saaraadhaaf ergaa baga gammaddee dhaamaniiru, ''kuni UK keessattis tahe bataskaanoota Anglikaan hunda keessatti murteessaa dha,'' jechuun masaraan Baakiinghaam himeera.
Saaraan haadha ijoollee lamaa yoo taate waggaa 35 oliif NHS keessatti tajaajilaa turte boodarra bara 1999tti narsii mummee jalqabaa Ingilaand taateetti