Poop Firaansis luboonni Kaatolikii Roomaa jaalattoota saala wal-fakkaatoo eebbisuu danda’u jedhan

Poop Firaansis

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan Waldaa Kaatolikii Roomaa Poop Firaansis luboonni jaalalleewwan saala walfakkaatan akka eebbisan eeyyaman.

Jijjiramni kun jaalattoota saala wal-fakkaatoo(LBT) Waldaa Kaatolikii Roomaaf hiika guddoo qaba.

Vaatikaan garuu eebbi sun qaama sirna amantaa idilee Waldaa Kirstaanaa Kaatolikii ykn gaa’ela ta’uu hin qabu jette.

Itti dabaluudhaanis, Vaatikaan gaa'elli akka dhiiraafi dubartii gidduutti raawwatamutti ilaaluu ittifufna jette.

Poop Firaansis sanada Vaatikaan baaste kana raggasiisuun Wixata beeksisan.

Vaatikaan kun mallattoo "Waaqayyo hunda simata" jedhu ta'uu qaba jetteetti, garuu, sanadichi akka jedhutti luboonni dhimmicha tokkoo tokkoo isaanirratti murteessuu qabu jedha.

Barreeffamicha kan beeksisan Kaardinaalli Kaatolikii Viiktoor Maanu'eel Fernaandeez, labsiin haaraan kun "barsiisa duudhaa Mana Amantii Kiristaanaa gaa'elaarratti hordoftuu cimee ittifufudha’’ jedhan.

Garuu Fernaandeez itti dabaluudhaan, qajeelfamni haaraan kun luboonni hariiroo jaalalaa ammayyuu akka cubbuutti ilaalamu akka eebbisan hayyama jedhan.

Namoonni eebba fudhatan ‘’qajeelummaa mudaa kan hin qabne ta'uun isaanirraa hin eegamu" jedha labsichi.

Waldaa Kaatolikii keessatti eebbi kadhannaa yoo ta’u, yeroo baay’ee duree Waldaa Kaatolikitu kadhata, Waaqayyo nama akka mil’atu ykn namoota akka eebbisu kadhata.

Kaardinaal Fernaandeez ejjennoo haaraan kun ija Waldaa Kaatolikiitiin hariiroo jaalalleewwan saala walfakkaataa sirrii ta'uusaa hin mirkaneessuu jedhan.

Bara 2021 Poop Firaansis lubni gaa'ela jaalalleewwan saala wal-fakkaatoo hin eebbisu sababni isaa ''Waaqayyo cubbuu hin eebbisu'' jedhanii turan.