Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haala qabiinsa Obbo Yohaannis Bowayaaloo fa'irratti manni amala sirreessaa Qaallittii ibsa akka kennu ajajame
Akkaata qabiinsa hidhamtoota galmee himannaa Obbo Yohaannis Bowaayaaloo fa'aa jalatti galmaa'an ilaalchisee itti-gaafatamaan mana sirreessaa Qaallittii mana murtiitiif ibsa akka kennu dhaddacha har'a ooleen ajajame.
Dhaddachi kun ajaja kana kan dabarse Bitootessa darbe namoonni abbaa alangaatiin himanni irratti baname akkaataa mana sirreessaa keessatti itti qabamaa jiranirratti iyyata erga dhiyeeffatanii booda ta'uusaa abokaatoon isaanii Obbo Henook Akililuu BBCtti himeera.
Himatamaa lammafaa kan ta'an Obbo Kiristiyaan Taaddalaa ammoo guyyootaf nyaata akka hin nyaanne mana murtiitti himan.
Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraatti mudate hordofuun to’annoo jala kan oolfaman miseensonni paarlaamaa fi namoonni siyaasaa baatii jahaan booda 5 Ebla 2024 mana murtiitti dhiyaatu.
Namoonni kunneen labsii yeroo muddamaa ALI dhuma bara 2015 kaa’ameen wal qabatee erga to’annoo jala oolfamuun hidhaara turan booda, osoo hin himatamaniin jalqaba torban darbee mana murtiitti dhiyaatan.
Ministeerri Haqaas Roobii torban darbe ALI Bitooteessa 18, 2016, miseensa manneen maree Naannoo Amaaraa, Magaalaa Finfinnee fi Federaalaa kan ta’an Obbo Yohaannis Buwaayaalew, Dr Kaasaa Tashaagar fi Obbo Kiristiyaan Taaddalaa irratti himannaa bane.
Dhaddacha ramaddii Mana Murtii Olaanaa Lidataatti Dhaddacha Yakka shororkeessummaa fi Heera Mootummaan himannaan abbaa alangaatiin dhiyaates himatamtoota 52 kan ilaallatu ture.
Himannaan abbaan alangaa seera shororkeessummaafi heera mootummaa eeruudhaan bane, maqaa miseensa mana maree Naannoo Amaaraa kan Obbo Yohaannis Buwaayaalewin ture.
Himatamtoota 52 keessaa 14 isaanii olmaa mana murtii torban darbee irratti dhiyaachuun himannaasaanii fudhataniiru. Kanneen hafan 32 isaanii ammoo mana murtiitti akka hin dhiyaatiin abukaatoo himatamtootaa keessaa tokko kan ta’an Obbo Heenok Akliiluu BBCtti himaniiru.
Namoota 52 abbaan alangaa himannaa irratti bane keessaa miseensi mana maree bakka bu’oota ummataa Obbo Kristiyaan Taaddala, miseensi mana maree magaalaa Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar, akkasumas dura taa’aan Paartii Izeemaa Dr Caannee Kabbadaa ni argamu.
Kana malees, sochii hidhannoo naannoo Amaaraatti gaggeeffamaa jiru keessatti akka hirmaatan kan himame Obbo Iskindir Nagaa fi Zammana Kaasee kanneen 38 osoo mana murtiitti hin dhiyaatiin hafan keessatti argamu.
Galmeen himannaa fuula 68 abbaa alangaatiin dhiyaateefi BBC'n ilaale kun, himatamtootarratti himannaawwan afur dhiyeesseera.
Kan jalqabaafi himatamtoota hundarratti kan dhiyaate, labsii yakka shororkeessummaa to’achuufi ittisuudhaaf bahe cabsuudhaan ‘yakka’ raawwatame kan jedhudha.
Galmeen himannaa abbaa alangaa ‘‘ilaalcha siyaasaa humnaan raawwachiisuu yaaduudhaan’’ walitti qabamuun ijaaramuu hammata.
Kanaan alattis ‘‘himatamtoonni lafa qabeenyaa Amaaraati jedhaniin humna waraanaatiin deebisuu fi biyyi ilaalcha Amaaraa qofaan bitamuu qabdi" jechuun waliigalteerra gahaniiru jechuun himata.
Galmichi himatamtoonni tarree hirmaannaa yakka keessatti qabu jedhuus ibseera.
Haaluma kanaanis himatamaa tokkooffaan Obbo Yohaannis Buwaayaalew ‘‘gochaa shororkeessuummaa gareewwan hidhatan raawwatan qindeessummaa siyaasaa fi oggansaa kennuun dursuudhaaf… garee shororkeessuummaa raawwataniif ofiisaanii hoggansa gochuun muudaniiru’’ jedha himanni abbaa alangaa kun.
Himatamaan kunis, ‘‘miseensoota garichaa adda addaatiif hogganaa ta’u ibsuun ajajawwan kennuun raawwachiisaniiru’’ jechuun himata dhiyeessa.
Paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhina bakka bu’uudhaan mana maree naannoo Amaaraa kan seenan Obbo Yohaannis Buwaayaalew, ‘‘sirna motummaa sirna filannootiin ijaarame tarkaanfii humnaatiin diiguudhaaf yaaduun’’ qajeelfama kennaniiru jedha himannaan abbaa alangaa.
Obbo Yohaannis Godina Gojaam Lixaatti, ‘‘caasaa mootummaa diiguudhaan gandaan ijaaruun akka fudhataniifi aanaalee ammo garee hidhataa kana akka fudhatan’’ ajaja kennaniiru jedha.
‘‘Sochii raayyaa ittisaa daangeessuufi tajaajiloonni hawaasaa akka adda citan’’ Mooxaa fi karaa Dajaniin daandiin asfaaltii akka cufamuuf ‘‘dursiitoota garee hidhattootaaf qajeelfama kan kenneeffi kan raawwachiise’’ ta’u himannichi ibseera.
Obbo Yohaannis ‘‘bilbila saataalaayitii sadii dhoksaan biyya keessa galchuudhaan garee shororkeessitootaaf akka kannamu’’ taasisuu galmeen himannaa kun himeera.
Haala himannaa abbaa alangaa kanaatti, himatamaan kana kan raawwatan ‘‘gareen shororkeessaa qindeessan akka waliisaanii qunnamu danda’aniifiidha’’ jedha.
Obbo Yoohaannis bilbila saatalaayitii qofaas osoo hin taane, ‘‘gareewwan naannoo Gaashanaatti argamaniif rasaasa kilaashiifi matarayeesii 2,000 dhiyeessaniiru’’ jedha himannaan abbaa alangaa kun.
Obbo Yahaannis Buwaayaalew osoo to’annaa jala hin oolfamiin dura, mootummaa Badhaadhiinaa miseensa turan irratti qeequmsa dhageessisaa turan. Dhummarratti Obbo Yohaannis itti gaafatamummaa mootummaa, Daareektarra Olaanaa Institiyuutii Dhimma Alaa irra turan.
Institiyuutii Dhimma Alaa erga waggaa tokkoofi baatii sadeetiif dursaniin booda, wagga almaan dura ALI Ebla 2014 aangoorraa kaafamunsaani ni yaadatama. Obbo Yohaannis miseensa koree hojii raawwachiiftuu turan.
Akkasumas paartiiwwan Badhaadhina hundeessan keessaa tokko kan ta’e Paartii Dimokiraatawa Amaaraa keessatti dura taa’aa Ittaanaa fi ittigaafatamaa Waajjira paartichaa turan.
Obbo Yohaannis haala himatamtoota galmee himannaasaanii keessatti hammatamaniirraa adda ta’een, himannaawwan dabalataa irratti dhiyaateera.
Kunis himannaa labsii bulchiinsaafi to’annoo meeshaa waraanaa darbaniiru kan jedhuudha.
Galmeen himannaa abbaa alangaa ‘‘himatamaan meeshaa waraanaa qabachuudhaaf osoo hayyama dhaabbataa hin qabaatiin… rasaasa kaaziinaa tokkoofi rasaasa shigguxii lama qabatanii kan argaman waan ta’ef, yakka meeshaa waraanaa hayyama dhaabbataa hin qabne qabatanii aragamuutiinis himatamaniiru,’’ jedha.
Himannaan gara biraa Obbo Yohaannis irratti dhiyaate ammoo, ‘‘meeshaa telekoomii qabachuudhaaf osoo hayyama hin qabaanne, meeshaa telekoom qabatanii argamu’’ kan jedhudha.
Himannaan abbaa alangaa Obbo Yohaannis ALI Muddee 9, 2015tti Magaalaa Baahir Daariitti bilbilawwan saatalaayitii Thuraya lama qabatanii argamuu kaasa.
Galmeen maqaa Obbo Yohaannis Buwaayaalewin waamamu irratti himatamaa lammaffaa ta’un kan dhiyaatan, paartii Sochii Biyyaaleessa Amaaraa (ABIN) bakka bu’uun miseensa mana maree bakka bu’oota ummataa kan ta’an Obbo Kirisitiyaan Taaddalaati.
Himannaan abbaa alanagaas ‘‘Obbo Krisitiyaan ofiisaa hoggansaan muuduun garee shororkeessaa qindeessuudhaan humni kun akka raayyaa ittisaa irratti haleellaa raawwatuuf kennaafi raawwachisaa ture’’ jedha.
Obbo Kiristiyaan ‘‘qindeessitoota humna shororkeessaa’’ naannawa Quwaariitii fi Dagaa Daamooti keessa socho’aa ‘‘raayyaan ittisaa sirrii waan hin taaneef haleellaa akka irratti raawwataniif, kana gochuun mirga heera mootummaa ta’u yaadachiisuun haleellaa akka raawwatan ajaja kennuun raawwachiisaniiru’’ jechuun himate abbaan alangaa.
Obbo Kiristiyaanis akkuma Obbo Yohaannis labsii bulchiinsaafi to’annoo meeshaa waraanaa darbuudhaan himatamaniiru.
Obbo Kirisitiyaan meeshaa waraanaa qabachuudhaaf hayyama osoo hin qabaatiin kilaashii dacha’u tokko kaartaasaa walii fi rasaasni kilaashii 30 mana jireenyaa saaniitti qabanii argamu himannaan abbaa alangaa ibseera.
Miseensa mana maree Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr Kaasaa Tashaagaris haaluma walfakkaatuun mirgi himatamu dhabusaanii kana kaafame walakkeessa baatii Guraandhalaa keessa ture.
Baatii Adoolessa darbe keessa to’annoo jala kan oolfaman Dr Kaasaan, ‘‘Garee shororkeessaa gareewwan hidhatan raawwatan siyaasa qindeessuufi hoggansa kennuudhaan dursuudhaaf murteessaniiru’’ himannaa jedhuutu irratti dhiyaate.
Kana malees galmeen himannaa abbaa alangaa, “qabsoo naannoo Amaaraa hidhannoon deeggarame dabalatee, qabsoowwan damee hedduu akka taasifamaniif sanada hidhattoonni naannicha keessa socho'an ittiin durfaman qopheessaniiru’’ jedha.
Sanadni Dr Kaasaan qopheessan, ‘‘qajeeltoowwan bu’uura waraanaa riphee loltummaa fi waraanaafi tarsiimoowwan waraanaa’’ kan jedhu ta’u himannicharratti kaa’ameera.
Dura taa’aa IZEMA kan ta’an Dr Caannee Kabbada ammoo himatamaa arfaffaa waliin ta’udhaan ‘‘garee naannoo Amaaraa keessa gochaa shororkeessumma hidhannoon deeggarame raawwatu hogganuu akkasumas gochaa shororkeessuummaa sana biyyaaleessa taasisuudhaaf… dhaabbata dhoksaa Adda Tokkumaa Itoophiyummaa jedhamu hundeessuun dursaniiru," jedhamuun himataman.
Galmeen himannaa abbaa alangaa, Dr Caannee fi himatamaa arfaffaa Obbo Balaay Adaamuu, ‘‘garee dhoksaa waloon hundeessaniif dursiitota ta’un tarsiimoo garichi ittiin durfamu wixineessuu fi kallattii kennuudhaan gochaa shororkeessummaa raawwachiisaa turan’’ jedha.
Gara waggaa lamaatiif hidhaarra turanii ALI Muddee 2014 hidhaarraa kan gadhiifaman Obbo Iskindir Naggaa galmee himannaa kana keessatti hammatamaniiru.
Pirezidantii duraanii Paartii Baaldaraas kan turan Obbo Iskindir ‘‘garee shororkeessaa Adda Ummataa Amaaraa’’ jedhamu hundeessuu himannaan abbaa alangaa ibseera.
Himatamaa jahaffaa ta’udhaan bakka hin jirreetti himannaan kan irratti dhiyaate Obbo Isikindir, ofiisaa dursaa adda kanaa gochuudhaan of muduusaanii abbaan alangaa himeera.
Himatamaan ‘‘gareewwan shororkeessummaa naannoo Amaaraatti faca’anii argaman izzii waraanaa tokko jalatti jidduugalaan walitti qabuudhaafi badii olaanaa qaqqabsiisuuf akka dandeessisuuf komaandi poostii adda ummata Amaaraa kan hundeessee fi kan durse’’ ta’uu abbaan alangaa himannaasaa isaa keessatti kaa’eera.
Himatamaa torbaffaa ta’un kan dhiyeeffaman Obbo Zammana Kaaseen akkuma Obbo Isikindir baatiiwwaniif hidhaarra turan. Baatii Caamsaa darbee keessa hidhaarraa kan gadhiifaman Obbo Zammana Kaaseen ‘‘mootummaa humnaan aangoorraa kaasuuf yaaduudhaan garee milishaa Humna Ummata Amaaraa jedhu hundeessuudhaan’’ himannaan irratti dhiyaate.
Obbo Zammana Kaaseen ofiisaanii dursaa garichaa taasisuudhaan of muuduun, naannoo Amaaraa eddoowwan garaa garaa keessatti, ‘‘qaamoolee nagaa kabachiiftoota naannichaafi raayyaa ittisaa irratti haleellaan akka raawwatamu kan qindeesse, kan dursee fi kan raawwachisee’’ ta’uu galmee himannaa keessatti hammatameera.
Hirmaannaan ‘‘yakka’’ himatamtoota ‘‘gochaa yakka shororkeessuummaa’’ raawwachuun himataman kan biraas galmee himannaa abbaa alangaa kana keessatti tarraa’eera.
Kanaan alattis, abbaan alangaa sababii ‘‘gochaa yakkaa’’ himatamtoonni raawwataniiru jedheetiin badii qaqqabees tarreesseera.
Kanaanis ‘‘qaamoolee nageenyaafi ummataa nagaa naannichaa irratti haleellaa raawwachuu fi raawwachiisuun humnoota nageenyaafi siiviloota 1,100 ol irratti ajjeechaafi kanneen 600 ol ta’na irra ammoo miidhaan qaamaa cimaafi salphaa qaqqabsiisaniiru’’ jedheera.
Kana malees haleellaawwan manneen sirreessaa naannoo Amaaraa magaaloota garaa garaa keessatti raawwatameen sirreeffamtoonni 5,689 akka miliqan taasifamuu abbaan alangaa ibseera.
Manneen sirreessaa irras badiin birrii miiliyoona 123.5 ta’u qaqqabuu dabaluun kaa’eera.
Himatamtoonni konkolaataawwan mootummaafi dhuunfaa 90 ol ‘‘akka saaamamaniifi barbadaa’n’’ taasisaniiru jedhaman kunneenis, ‘‘xaa’oo kuntaala 9,000 oli saamuufi akka saamamu gochuu’’ galmee himannaa kana keessatti kaa’ameera.
Abbaan alangaa himatamtoonni ‘‘dhaabbilee ummataafi dhaabaa irratti haleellaa raawwachuun’’ qabeenyaan birrii miiliyoona 48 olii kan saaman, kan barbadeessan, akka barbadaa’u fi akka saamamu kan taasisan’’ ta’uu kaaseera.
Sababii kanaanis ‘‘himatamtoonni gochaa yakka muummee keessatti kallattiiniis ta’e al kallatiidhaan hirmaattota ta’udhaan gochaa yakka shororkeessummaa raawwataniin’’ himatamaniiru.