Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Turkiin namoota dhaabbata basaasaa Israa'eliif odeeffannoo dabarsan jette to'atte
Humnooti nageenyaa Turkii namoota torba tajaajila basaasaa Israa'el, Mosaadiif odeeffannoo dabarsanii kennuun shakke to'ateera jedhan qondaalli mootummaa maqaan hin eeramne.
Jarri kunneen kan to'annoo jala oolan sakatta'insa poolisiifi ejensiin basaasaa Turkii MIT Istaanbuuliifi magaalaa lixaa Izmiir jiran taasisaniin booda dha.
Baatii tokko dura namoonni 34 Mosaad waliin hidhata qabaachuun shakkamanii basaasummaan himatamaniiru.
Pireezidantiin Turkii Israa'eliin miseensota Hamaas lafa Turkii jiran irratti nan qiyyaafadha yoo jette, ''gatii jabaa akka baastu'' akeekkachiisaniiru.
Turkiin akka biyyoota Lixaa baayyeefi biyyoota Arabaa muraasaa Hamaasiin garee shororkeessaa dha jettee hin labsine.
Turkii keessa deeggarsi Fiilisxeem jabaatu jira, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman Istaanbuliifi magaalota kaan keessatti deeggarsa Filisxeemiifi yeroo yerootti hiriira bahu.
Hamma yoonaa Ankaaraa irraa waa'ee hidhaa Jimaata raawwatee ibsi ifatti kenname hin jiru.
Tahus gabaasni miidiyaalee qondaalota maqaan hin eeramne waabeffachuun bahe, Mosaad basaastota dhuunfaa fayyadamuun miseensota Hamaas shakkaman suuraa kaasuufi sakatta'uuf yaala jedha.
Amajji darbe Ministarri Haqaa Yilmaaz Tuunik namoonni 34 ''basaasa siyaasaafi waraanaan'' mosaad bakka bu'uun himatamaniiru.
Mosaad lammiilee Filisxeemiifi Siiriyaa Tarkii jiraatan filuun qaama oppireeshiniisaa Tarkii keessaa akka godhatetti amanama.
Pireezidantiin Tarkii Taayip Erdohaan waraanni Israa'el-Hamaas erga jalqabee Ministara Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu waliin waraana jechaa hadhaa keessa yeroo galan mul'achaa jiru.
Gochaa Netaaniyaahuun Gaazaa irratti raawwatan, ''duguggaa sanyii'' jedhaniiru, baatii darbe ammoo Hiitlar waliin wal isaan dorgomsiisaniiru.
Qondaaloti basaasaa Israa'el Hamaas Fiilisxeemiin ala daangaa Libaanan, Kataariifi Turkii jiru irratti akka qiyyaafatan kakataniiru.
Israa'el Onkololeessa 7, gareen hidhataa Hamaas Israa'el galuun haleellaa raawwateen namoonni 1300 du'uun booda Gaazaa keessatti waraana labsite.
Namoonni 250 Hamaasiin butamuun Gaazaa geeffaman keessaa 105 waliigaltee dhukaasa dhaabuu Sadaasa keessa raawwateen hidhaarraa bahaniiru.