Mannni Beeniyaamin Netaaniyaahuu dirooniin haleelame

Madda suuraa, Reuters
Haleellaan diroonii mana muummicha ministeera Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti raawwatame.
Waajjirri muummicha ministeeraa biyyattii akka ibsetti Hezbollaan mana jireenyaa dhuunfaa MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti xiyyeeffachuun haleellee gaggeesse.
Haleellaan dirooniin mana jireenyaa dhuunfaa Netaaniyaahuu kaaba Israa’el magaalaa buufata doonii Qisariyaa irratti raawwatame erga waraanni Israa’el diroonii sadii Libaanos irraa furguggisuu beeksiseen booda.
"Yeroo haleellaa dirooniin raawwatame Netaaniyaahus ta'ee haati warraa isaanii achi keessa hin turre," jechuun Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. Akkasumas haleellaa kanaan namni miidhame hin jiru," jedhan.
Netaaniyaahun haleellaa mana jireenyaa dhuunfaa isaanii irratti raawwatame hordofuun kaayyoo waraanaa isaanii irraa wanti isaan dhorku akka hin jirre ibsuun, ''qaamni lammiilee Israa'el miidhuuf yaalu kamiyyuu gatii guddaa akka kaffalu'' akeekkachiisaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ergaa fuula X isaanii irratti maxxansaniin Ministirri Muummee, ''Yaaliin Hezbollaan, Iraanin deeggaramu , ana fi haadha warraa koo ajjeesuuf godhe dogoggora guddaa ture'' jedhan.
Dhaabbanni oduu mootummaa Iraan IRNA akka jedhetti haleellaa diroonii kana kan raawwate Hezbollaadha.
Ergamni Iraan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti "tarkaanfiin isin dubbattan kun Hizbullaah Libaanos keessatti fudhatame" jechuun eerameera.
Haleellaa diroonii keessaa tokko Dilbata darbe gamoo magaalaa Qisariyaa keessatti rukutee akka ture waraanni Israa’el garee hidhattoota Libaanos waliin lola keessa jiru ibseera.
Haa ta'u malee mootummaan Israa'el gamoo dirooniin rukutame qaama mana jireenyaa Muummicha Ministeeraa ta'uu isaa, ykn haleellaa kanaan miidhaa hangam akka qaqqabe hin ibsine.
Akka maddi oduu interneetii Ameerikaa Axios jedhutti haleellaan diroonii Hizbullaah mana muummicha ministeeraa rukute.
Dilbata ganama "Dirooniin sadii Libaanos ka'anii biyyattii seenan." ''Dirooniin lama rasaasaan rukutamaniiru, isaan keessaa tokko gamoo rukute, garuu namni lubbuun darbe hin jiru,'' jedheera waraanni Israa'el.

Madda suuraa, EPA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun magaalota amma haleellaa irra gahe Qisariyaa fi Yerusaalem keessatti mana jireenyaa dhuunfaa lama qabu. Akkasumas mana isaanii isa guddaa Yerusaalemitti argamu Agihon jedhamu kan yeroo ammaa haaromfamaa jiru keessa jiraatu.
Raayyaan Ittisa Israa’el akka jedhetti Dilbata darbe Hezbollaan Libaanos irraa rookkeettiiwwan hanga 200 ta’an gara Israa’elitti dhukaase.
Israa’el gama biraatiin, bakka Iraan deeggaramuu Hizbullaah waliin hidhata qaba jedhamee amanamu haleeluu itti fuftee, namoonni hedduun ajjeefamaniiru jedhu qondaaltonni biyyattii.
Erga dirooniin mana Netaaniyaahuu irratti haleellaa raawwatame booda ergaa viidiyoo erganiin, muummichi ministeeraa kun “hanga injifannootti” Hamas waliin loluu isaanii fi biyyi isaanii wanti isaan dhorku hin jiru jedhan.
Viidiyoo Ministirri Muummee miidiyaa hawaasaa irratti gadhiisan irratti, "ajjeechaa ijoo Yahiya Sinwar dhabamsiifneerra" jedhan.
Ajjeechaa hogganaa Hamaas Yahya Sinwar hordofuun, Hizbullaah Libaanos Israa’el haaloo ba’uuf haleellaa haaraa fi cimaa akka raawwatu beeksise.












