Somaaliyaan walga'ii Mana Maree Nageenyaa UN akka dursituuf filatamte

Galma walga'ii UN

Madda suuraa, UN

Somaaliyaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti miseensa [dhaabbii hin taane] ta'uun, walga'ii mana marechaa kan ji'a Amajjii akka dursitu UN murteesse.

Biyyi Gaanfa Afrikaa kun miseensa mana marechaa ta'uunshee kan dhagahame Amajjii 1, 2026 ture.

Miseensummaan Somaaliyaa kun waggaa lamaaf kan turu yoo ta'u, kan obba'u Muddee 31, 2027 ta'a.

Miidiyaan mootummaa Somaaliyaa- SONNA jedhamu akka gabaasetti murteen UN kun milkaa'ina biyyattiin gama dippiloomaasiin irra geesse mul'isa.

Moqadishoon jaarmiyaa nagaa fi tasgabbii addunyaa mirkaneessuuf hojjetu kana keessatti bakka xiyyeeffannaa addunyaa ta'uushee kan agarsiisu ta'uus gabaase miidiyaan kun.

Bulchiinsa addunyaarratti isa olaanaa ta'e kana qabachuun sadarkaa Somaaliyaan addunyaarratti qabdu kan ol kaasuudha jedha gabaasi miidiyaa kanaa.

Manni Maree Nageenyaa UN biyyi kun walga'ii isaa akka dursitu filachuun mootummaa biyyattiitti amanuu agarsiisa.

Gabaasi miidiyaa Somaaliyaa kun murteen UN ''amanamummaa fi fudhatama'' mootummaan Federaalaa Rippaabilika Somaaliyaa akka addunyaatti qabu mul'isa jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas Somaaliyaan ajandaawwan walxaxoo addunyaa mara irraa dhihaatan dursuun mariisisuun ga'ee biyyattiin sadarkaa addunyaatti qabdu kan guddisuudha jedha gabaasi kun.

Ji'a Amajjii kana guutuu jilli Somaaliyaa ajandaa mana marechaa dursuu fi qajeelchuun dabarsa.

Marii fi falmii ijoo miseensonni mana marechaa hundi dhimmoota murteessoo dantaa addunyaa ta'an irratti taasisanis kan hoogganu jila Somaaliyaa kana.

Aangoo pirezidantummaa Walga'ii Mana Maree Nageenyaa UN kana kan argatte Somaaliyaan, sagantaa hojii mana marechaa hunda hoogganuuf aangoo qabdi.

Falmii fi marii gaggeeffaman hordofuu fi to'achuu, wixineewwan mariif dhihaatan raggaasisuu fi ibsa pirezidantummaa baasuun aangoo mootummaa Somaaliyaa ta'a.

Aangoon murteessaan kun wayita rakkoon nageenyaa addunyaarratti hammaatee fi walitti bu'iinsaa fi waraanaaf fala kaa'uun hojii murteessaa ta'ee jirutti Somaaliyaaf kenname.

Yeroo ammaa waraanni waliinii addunyaarratti babal'atee jiru oppireeshiniin nageenya eegsisuu fi seera idiladdunyaatti buluu qormaata keessa galcheera.

Aangoon pirezidantummaa kun Somaaliyaan guutummaatti sirna idiladdunyaa keessa seenuun biyya dhiibbaa uumtu ta'uushee agarsiisa jedhu dippiloomaatonni yaada kennan.

Mootummaan federaalaa Somaaliyaa carraa kana fayyadamuun adeemsa murtee jajjabaa kennuu addunyaarratti akkasumas rakkoowwan nageenyaaf furmaata kennuu ilaalchisuun muuxannoo akka horatus ibsan.

Somaaliyaan rakkoo Afrikaa fi biyyoota addunyaa kaanii furuuf adeemsa deemamu dursuun carraa guddaadha jedhan.

Somaaliyaan turtii aangoo fi miseensummaa mana marechaa argatte kana fayyadamuun biyyoota kaan faana hariiroo akka cimsattuu fi maloota ittiin nageenya mirkaneessan irrattis muuxannoo akka gabbifatu ibsan dippiloomaatonni biyyattii.

Manni Maree Nageenyaa UN miseensota dhaabbii shan fi miseensota dhaabbii hin taane 10 qaba.

Miseensonni dhaabbii hin taane yeroon miseensummaa isaanii hanga waggaa lamaa kan turuu fi dabareen kan naanna'udha.

Miseensonni dhaabbiin Chaayinaa, Faransaay, UK, Raashiyaa fi US yoo ta'an, kaan ammoo Somaaliyaa, Bahreen, Kolombiyaa, Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Denmaark, Giriis, Laatviyaa, Laayibeeriyaa, Paanaamaa, Paakistaan.

Afrikaan teessoo dhaabbii argachuu qabdi jechuun aanga'oonni biyyoota Afrikaa gaaffii kaasaa turan.

Kora 80ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) US, magaalaa Niw Yoorkitti Fulbaana keessa gaggeeffamerratti dureewwan biyyoota Afrikaa haasaa kora kanarratti taasisaniin UN jaarmiyaa addunyaa hundaaf dhaabbate ta'ee osoo jiruu sagalee Afrikaaf bakka hin kennine jechuun komataniiru.

Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo ''sagalee biyyoota 54 tuffataa dhaabbata biyyoota gamtoomanii ta'uu hin dandeessu. Kun abadan ta'uu hin danda'u,'' jechuun komii jabaa UN irratti dhiheessan.

Dhimmoonni Mana Maree Nageenyaa keessatti ka'an ykn hojiin mana marechaa garri caalu dhimmoota Afrikaan walqabata.

''Afrikaan ergama nageenya eegsisuu UN jalatti loltoota hedduu bobbaasti. Akkasis ta'ee garuu ardiin mana maree nageenyaa keessaa teessoo dhaabbii hin qabne Afrikaa qofa,'' jedhan Pirezidant Ruutoon.

''Teessoo dhimma keenyarratti murtee ijoon irratti darburra nuti hin jirru. Kanaaf Afrikaan teessoo dhaabbii lama kan mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabuu fi teessoo dabalataa lama kan dhaabbii hin taane qabaachuun dirqama.''

Pirezidantiin Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaasee gamasaaniin ejjennoo kan qondaala biyya ollaa biyyasaanii Wiiliyaam Ruutoon walfakkaatu qabaachuu ibsaniiru.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii tokko firoomfatee kaan qoollifachuu dhaabuu qaba jedhan.