'Afrikaan Mana Maree Nageenyaa UN keessaa teessoo dhaabbataa haa qabaattu'- Gutareez

Madda suuraa, Getty Images
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ''rakkoo haqaa seena qabeessa'' dhaabbatichaa sirreessuuf rifoormiiwwan godhaman keessatti Afrikaan Mana Maree Nageenyaa keessaa teessoo dhaabbataa akka qabaattu gaafatan.
Miseensonni Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaa shanan; Chaayinaa, Faransaay, Raashiyaa, UK fi US bara Afrikaan kolonii jala turte teessoo dhaabbataa qabatani waan ta'eef haala xumura Waraana Addunyaa 2ffaa booda jiru bakka hin bu'ani qeeqni jedhu irratti ka'aa bahe.
''Addunyaan erga bara 1945 jijjiiramteetti. Hundeeffamni mana maree kanaa hanga muraasa jijjiirame malee, sadarkaa maluun miti'' jedhan Gutareez.
Mana maree kana keessa teessoon dhaabbataa hin ta'iin 10 kan jiru yoo ta'u, kunis naannootti qoodamee jijjiirama.
Sanuu biyyootni kun akka warra dhaabbataa shanan sagalee wayyabaa (veto power) hin qaban.
Gamtaan Afrikaa mana maree kana keessaa teessoo dhaabbataa lamaafi teessoo dhaabbataa hin taane lama qabaachuuf yeroo dheeraaf dhiibbaa gochaa ture.
Gamtaan kun Wiixata darbe dhimma kanarratti falmii kan gaggeesse yoo ta'u, pireezidantiin Seraaliyoon Juuliyees Madaa Biyoo ardittiin teessoo kana akka qabaattu gaafatan.
Yeroon murtee guutuu hin taane itti fudhatamu darbeera kan jedhan pireezidantichi ''Afrikaan dhagahamuu qabdi, gaaffiin haqaafi mirga walqixaa guutamuu qaba'' jedhan.
Wanni mana maree kana keessaa teessoo dhaabbataa qabaachuu barbaachisee godhe aangoo qaamni kun qabudha.
Manni marichaa rakko nageenyaa addunyaarratti nagaa egsiftoota duulchisuu, qoqqobbii idila addunyaa kaahuufi dhibdee adunyaarra deemurratti murtee dabarsa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanga'oonni Dhaabbatichaa gariin yaada riifoormii kan deeggaraniiru. Gutareeziin cinaatti pireezidantiin kora waliigalaa dhaabbatichaa Deniis Firaansiis deeggaraniiru.
''Qaamni nageenyaa fi tasgabbii addunyaa harkaa qabu ardii uummata biiliyoona tokkoo ol qabu, uummata dargaggeessaa fi saffisaan guddachaa jiru qabu miseensummaa dhaabbatichaa 28% qabu keessaa sagalee dhabuusaa hin fudhannu'' jedhan Gutareez.
Dabaluunis Afrikaan mana maree nageenyaa UN fi dhaabbilee maallaqaa idila addunyaa keessatti akka malutti bakka hin arganne jedhan. Warri kaan ammoo hanga maluufi ol argachuun qormataa ta'uu dubbatan.
Afrikaan qabeenya diinagdee addunyaafis gumaachu to'achuurraa kan ka'e giddugala waraaniifi walitti bu'iinsa akka taate Gutareez dubbataniiru.
Kanarraa kan ka'es qaamni nagaa kabachiisaan UN walakkaa ta'u nagaa eeguuf biyyoota Afrikaa keessatti duulchifamee argama jedhan. Nagaa eegdonni Afrikaa keessatti duularra jiran 40% ta'u.
Manni maree dhaabatichaa bakka bu'umsi Afrikaa isa hanqata jedhan.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii dhuma waraana addunyaa 2ffaa booda waraanni hamaan deebi'ee akka hin dhalanne gochuuf hundaa'e.
Yeroos biyyootni Afrikaa hundeessitoota dhaabichaa turan Itoophiyaa, Masrii, Laayibeeriyaafi Afrikaa Kibbaa qofa turan.
Akka Gutareez jedhanitti rifoormiin mana marichaa ittiin bulmaataafi haqa qofarratti miti kan hundaa'uu qabu.
Fudhatamni murtee mana marichaa sadarkaa addunyatati akka dabalu jijjiiramni barbaachisa kunimmoo Afrikaafi addunyaa fayyada jedhan.












