Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US godaantota Itoophiyaa Yamanitti ajjeefteef beenyaa kanfaluu qabdi- Amnestii Internaashinaal
Amnestii Internaashinaal haleellaa qilleensaa lubbuu namaa galaafate kan Ebla 2025 keessa godaantota Itoophiyaa mana hidhaa Yaman keessatti hedduu ajjeesee fi madeesse ilaalchisee Ameerikaan qorannoo hatattamaa fi ifa ta'e akka gootu gaafate
Gareen mirga namoomaa kun akka ibsetti, haleellaan waraana Ameerikaatiin yeroo "Operation Rough Rider" Ebla 28 bara 2025 raawwatame, haleellaa madaala hin qabne kan seera namoomaa idil-addunyaa cabsu ta'uu ibseera.
Dhaabbatichi bakki haleellaan sun itti raawwatame godaantota haala godaansa seeraan alaa isaanii qofaaf aangawoota Huutiin hidhaman kan keessummeessu ta'uu fi "bakka siiviilii beekamaa" ta'uu ibse.
"Dhugaan gaddisiisaa namoota lubbuun hafan irraa argame gamoo siiviilii, hidhamtootaan guutame, addaan baafamuu tokko malee boombii irratti darbatamuu isaa suuraan ifa ta'e ni agarsiisa," jedhan Kiristine Beckerle,Amnestii Internationalitti, Itti Aantuun Daarektarri Naannoo Baha Giddugaleessaa fi Kaaba Afrikaa.
Kun ammoo US itti gaafatamummaa bu'uuraa seera namoomaa idil-addunyaa jalatti qabdu keessaa tokko bahuu dhabuu ishee fi galmi sun kaayyoo waraanaa ta'uu fi dhiisuu isaa mirkaneessuuf qorannoon walabaa akka taasifamu gaafateera
Gabaasni Amnestii, "Dinqii nuti lubbuun hafne jedhu kan yaada namoota haleellaa qilleensaa Ameerikaan namoota nagaa wiirtuu tursiisaa Sa'adaatti hidhaman irratti raawwatte," ibsu ba'eera.
Gabaasichaaf Aministiin gaaffiifi deebii lammilee Itoophiyaa 15 lubbuun hafan waliin taasisee fi xiinxala suuraa fi viidiyoo saatalaayitii irratti hundaa'era.
Dhaabbatichi haleellaa kanaan kanneen ajjeefaman lammiilee Itoophiyaa 16, irra caalaan isaanii dhiirota umrii digdamaa keessa jiran ta'uu adda baasee jira.
Akka Ministeerri Haqaa fi Mirga Namoomaa Huutii ibsutti, yeroo haleellichi raawwatamu kana godaantotni Afrikaa 117 hidhaa turan keessaa 61 kan ajjeefaman yoo ta'u, 56 ammoo madaa'aniiru.
Namoonni lubbuun hafan Amnestiitti akka himanitti, yeroo dhohinsi jalqabaa gamoo dhiyoo jiru rukute wirtuu sana keessa akka hin baqannee taasifamuu himan.
Osoo haleellaan xiyyaaraa lammataa kallattiin bakka tursiisa godaantotaa hin rukutin dura miliquuf yeroo yaalan, eegdonni dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasuun akka isaan hin miliqne dhorkuus eeran.
Namoota lubbuun hafan hedduun isaanii qaamni isaanii ciccituu, narviin miidhamuu fi miidhaan cimaan mataa usaanirra gaheera.
''kanarra osoo achitti du'ee wayya ture,'' jedha lammiin Itoophiyaa ganna 20 kan dhohinsa kanaan miila tokko dhabe Hagos.
namni biraa lubbuun kan ija isaa tokko dhabe Dastaan, haleellaan kun "namoota hedduu ajjeesee, kaan keenyammoo qaama miidhamtoota nu taasisee, kaan immoo rifaatuu fi sodaa cimaa keessa galche" jedhe.
Amnestiin akka jedhetti, uumamni siiviilii giddugalichaa waggootaaf kan beekamu yoo ta'u, dhaabbileen gargaarsa namoomaa yeroo hunda mooraa kana daawwataa turan.
Keessattuu, US bara 2022 haleellaan qilleensaa gamtaa Sa'uudiitiin durfamu hidhamtoota 90 ol gamoo mana hidhaa walfakkaataa keessatti erga ajjeesee booda bakki kun bakka siiviilii ta'uu "beekuu qabdi turte" jedhe dhaabtin mirga namoomaa kun.
Dhaabbatichi galma yaadame fi of eeggannoo haleellaan dura godhame ilaalchisee Hagayya 2025 ajaja Giddugaleessa Ameerikaa (CENTCOM) fi ajaja hojii addaa waloo (JSOC) irraa deebii argachuuf ifatti gaafachuu isaa ibseera. Isaanis namootni haleellaa raawwatame kanaan midhaman hunduu namoota sivilii ta'uu gabaasni isaan gahuu ibsan.
Amnestiin Ameerikaan haleellaa kana akka yakka waraanaatti qorachuun miidhamtootaa fi maatii isaaniif beenyaa guutuu akka mirkaneessitu gaafateera.
Akkasumas US gabaasa eegdonni mana hidhaa hidhamtoota nageenya barbaadan gadhiisuu diduu isaanii akka qorattuu fi haala godaansaa qofa irratti hundaa'uun godaantota hidhuun akka dhaabatu gaafateera.
''Namoota haleellaa kanarraa hafanifis haqni guutuun kennamuu qaba,'' jedhan Beckerl.
"Beenyaa, deebisanii dhaabuu, dandamachiisuu fi wabii egeeree jireenya isaani ta'u dabalatee beenyaa guutuu fibu'a qabeessaa ta'e ariitiin argachuu qabu'' jedheera.
Amnestiin malawwan murteessoo Ameerikaan miidhaa namoota nagaa hir'isuuf hundeeffaman amma bulchiinsa Tiraamp jalatti balaadhaaf saaxilamuu akeekkachiisuun, Kongireesiin Ameerikaa eegumsi kun haala gahaa ta'een cimee hojiirra akka oolu akka mirkaneessu gaafateera.
Haleellaan Us kun Pirezidant Doonaald Tiraamp Bitootessaa 15,2025 irraa eegaluun haleellaan qilleensaa cimaan garee Huutii irratti akka raawwatamu ajajuu isaanii hordofee kan raawwatame ture.
Gareen hidhattoota Huutii Yaman jiran Haleellaa Gaazatti raawwatamu haaloo ba'uuf erga Sadaasa 2023 as dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaarra qaxxaamuran haleelaa ture
Kana ittisuuf Halellaa Ameerikaan Yaman keessatti raawwattuun Ebala darbe bakka mooraa Saada jedhamu kaaba-lixa Yaman kutaa hidhattoonni Huutii to'atan keessatti argam irratti haleellaa banuun godaantota Afrikaa hedduu kan ajjeeste.