US haleellaa hidhattoota Huutii irratti gaggeessiteen namoonni hedduu du'an

US haleellaa qilleensarraa hidhattoota Huutii Yaman irratti gaggeessiteen namoonni 74 du'anii 171 kan ta'an ammoo madaa'uu ministiirri fayyaa hidhattoota Huutin hogganamu beeksise.

Haleellaan US kun buufata boba'aa qarqara Galaana Diimaatti argamu irratti xiyyeeffate.

Humni Waraanaa US ibsa baasen, buufata boba'aa Raas Isaa haleelun madda galii dhattoota Huutii dadhabsiisuf akka ta'e ibse.

Mootummaan Yaman hidhattoota Huutin hogganamu gamasaan, buufanni boba'aa haleelamuunsaa "yakka waraanati" jechuun ibse.

Sababa waraana Gaazatiin hidhattoonni Huutii Hamaas irra goruun dooniwwan daldaalaa Israa'elifi Israa'el wajjin hidhata qaban Galaana diimaa irratti haleeluu jalqabe.

Tiraamp ji'a darbe hidhattoota Huutii irratti haleellan akka gaggeeffamu erga ajajee as haleellan kun isa guddaadha jedhame.

US buufata Raas Isaa irratti haleellaa qilleensarraa gaggeessitee baay'ee osoo hin turin hidhattoonni Huutii misaa'ela Israa'elitti dhukaasan.

Humni Waraana Israa'el misaa'ela Yaman irraa dhukaafame rukutee kuffisee beeksise.

Miidiyaan Yaman hidhattoota Huutin hogganamu Al-Masirah TV akka gabaasetti, Kamisa darbe buufata boba'aa Raas Isaa irratti haleellan qilleensaa si'a 14 gaggeeffameera.

Viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa irratti maxxanfaman akka agarsiisanitti, dhohiinsi gurguddaan heddu erga dhagamee booda laboobni abiddaa samiitti olka'ee mul'ata.

Buufanni kun buufata doonii Hodeedaa irraa gara Kaabati km60 fagaatee argama.

Miidiyaan Al-Masirah qondaalota fayyaa waabeffachuun akka gabaasetti, namoonni du'an hedduunsaanii hojjattoota buufata boba'aa Raas Isaati.

Halleellaa marsaa lammataatin ammoo ogeeyyii fayyaafi lubbuu baraartonni lubbuu oolchuuf birmatan shan du'aniiru akka gabaasa kanaatti.

Mootummaan Huutin hogganamu, "Buufanni boba'aa Raas Isaa buufata waraana irraa bilisaa waan ta'eef haleelamuunsaa akka waraanni nurratti labsameetti ilaalla" jechuun ibse.

Jimaata, Ebla 18, ammoo deeggartoonni Huutii kuma heddu ta'an magaala Sana'aatti hiriira mormii bahuun haleellaa US kana balaaleffatan.

Ajaji Giddu Galeessaa Waraana US gamasaan kaayyon haleellaa kanaa madda galiifi humna Huutii dadhabsiisuu akka ta'e ibse.

Hidhattoonni Huutii, Iraanifi kanneen itti yaadanii Huutii deeggaran, boba'aafi meeshaalee waraanaa karaa seeran alaa daddabarsuun akka hin danda'amnee hubachuu akka qabanis ibse.

Haleellaa US Yamanitti gaggeessite kana hordofuun Iraan ibsa baasteen US balaaleffatte.

Kamisa darbe gaggeessan hidhattoota Huutii Abdul Maalik al-Huutii haasaa taasiseen, haleellan US kayyoo Huutii dhaabsisuu akka hin dandeenye dubbate.

Dabaluunis, walakkeessa ji'a Bitootessaa kaasee hidhattoonnisaa oppireeshinii waraanaa 80 ta'u Galaana Diimaa irratti gaggeessuu beeksise.

Misaa'elootafi dirooniwwan 170 ta'an dhukaasuu beeksisuun kanneen keessaa haleellan si'a 30 ta'u dooniwwan waraanaa US Galaana Diimaa irratti argaman irratti kan qiyyaafateedha.

Sadaasa 2023 irraa eegaluun hidhattoonni Huutii dooniwwan daldalaa Galaana Diimaa irra imalan irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessaa turaniin doonii lama rukutanii yoo dhidhimsan tokko ammoo to'atanii turan.

Haleellaa kana kan raawwatan waraana Israa'elifi Hamaas gidduutti gaggeeffamuun, deeggarsa Filisxeemotaaf qaban agarsiisuuf yoo ta'u dooniwwan Israa'eel, UKfi US Gaalana Diimaa irra imalan irrattis akka xiyyeeffatu beeksisee ture.