Manni-murtii Indiyaa hakiimonni barreeffamasaanii akka sirreessan ajaje

Bara barreeffama hedduun kompiitaraan ta'e harkaan barreessuun ammallee dirqamaa? Tole wanti harkaan barreeffamu sunoo hagas mara dhimma ijoo ta'uu qabaa?

Eyyeen, Manni murtii Hindii namni barreesu hakiima taanaan wanti barreeeffamu dhimma ijoodha ta'a jedha.

Hinditti barreeffamni harkaa Hakiimotaa tarii kan ogeeyyiin Faarmsii qofti hubachuu danda'anii mata duree qoosaa ta'aa ture. Addunyaa bakka hedduutti dhimmi kun ni ka'a.

Haata'u malee Manneen murtii Hindii Punjaabiifi Haryaanaa keessa argaman barreeffama harkaa qajeelaa ta'een ajaja qorichaafi waldhaansi kaanii katabuun ''mirga bu'uuraati'' jedhaniiru.

Barreeffamni Hakiimaa kun du'aaf jireenya gidduutti garaagartummaa uuma ilaalacha jedhurraa madda.

Murtee kanaaf wanti sababa ta'e barreeffamni hakiima kallattiin rakkoo uumeen miti.

Dubartiin Hindii tokko hanna, dirqiin gudeeduuufi yakka forjidii irratti raawwate himachuuf mana murtii deemti.

Dubartiin kun akka himatutti namni himattu kun maallaqa harkaa fudhatee, hojii mootummaa akka qacarsiisu waadaa galaaf. Af gaaffii sobaa waliin gaggeessa, saalqunnamtiis waliin raawwata.

Nami himatamu hunduu fedhaan raawwatamee jedhee ofirraa faccisa. Dhimmichi gara seeraa kan dhufa sababa dhibdee maallaqarratti uumameenii jedha.

Abbaa murtiif ragaa meedikaalaa hakiima biyyattiin barreefame ni dhiyaataaf. Haakimichi dubartii yakka gudeedii himatte qorateera. Abbaan murtii garuu ragaa hakiimni barreesse hubachuu dadhabe.

Abbaan murtii Jasgurpreet Singh Puri ''barreeffama sanirraa jechi ykn qubeen tokkollee kan hubatamne ta'uun mana murtii riufaasise jechuun ajaja barreesserra kaahe.

BBC ajaja mana murtii kan ragaa Hakimaa ofirraa qabu argateera. Akkuma jedhame hubachuuf rakkisaadha.

''Bara teeknoolojii fi kompiitarri salphaatti argamu hakiimotni mootummaa harkaan barreessuun sanuu tarii ogeeyyii faarmasii muraasa malee kaan dubbisuu hin dandeenyu ta'uun rifaasisaadha'' jedhan abbaan murtee kun.

Ta'ii kana hordofee murtee darbeen mana barnootaa medikaalaa keessatti barreeffama harkaa irratti leenjiin akka kennamu yeroo waggaa lamaa keessatti ammoo ajajni hakiimaa dijitaalawaa akka ta'u waamicha dhiyeesse.

Hanga sanitti hakjiimni hundi barreeffama harkaa dubbisuu danda'amuun akka barreessan ajajan.

Pirezidantiin Waldaa hogeeyyii meedikaalaa Hindii kan miseensota 330,000 of jalaa qabuu kan ta'an Dr Dilip Bhanushali yaada BBCf kennaniin rakkoo kanaaf furmaata soquuf fedha qabaachuu ibsan.

Magaalota keessatti hakiimotni ajaja barreessuuf mala dijitaalaa fayyadamaa jiraachuufi magaalale xixiqqaafi gara baadiyyaa keessa garuu ajaja hakiimaa dubbifamu argachuun rakkisaa ta'uu dubbatan.

''Barreefamni harkaa hakiimota hedduu kan hin dubbifamne ta'uun beekamaadha, sababnisaa ogeeyyiin fayyaa hedduun hojiitu itti baayyata, keessumaa hospitaalota mootummaa dhukkubsataan itti heddumaatutti.''

Pireezidantiin waldaa ogeeyyii fayyaa kun miseensotisaanii qajeelfama mootumma aakka hordofan, ajaja haiikaamsa akka mul'atutti akka barreessan akka gorsan himan.

Ammoo hakiimni guyyaatti dhukkubsattoota torba ilaalu kana bareechee gochuu danda'us hakiima guyyaatti namoota 70 ilaaluuf akka cimu dubbataniiru.

Indiyaa keessatti manni murtii barreefama harkaa hakiimotaarratti murtee yeroo dabarsu kun kan jalqabaa miti.

Qorannooleen haala barreeffamaa hakiimotarraatti hojjetaman muraasni dhimmichi dhimma bareechanii barreessuu qofa osoo hin taane barreeffamichi hubatamuu dhabuun rakkoo fayyaa fi balaawwan biraa uumuu danda'uusaa akeeku.

Bara 1999 gabaasni Inistitiyuutii Meedikaalaan bahe tokko akka garsiisutti dogoggorri meedikaalaa 44,000 US keesatti uumame sababa du'aa nsilaa haqifamuu dana'uu ta'eera jedha. Kan keessaa ammoo duuti 7,000 ta'u barreeffama akka ta'utti hin dubbifamneen uumame jedha.

Dhukkubsattootni ajaja qorichaa barreeffama hin dubbifamneen barraa'erraa kan ka'e dhibeef kan saaxilamanillee hedduu ta'uu gabaasaaleen ni himu.