Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni 'WBO' Horroo Guduruu Wallaggaa akkamiin harka kennachuun galan?
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti tibbana hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo hedduu meeshaa isaanii hiikkachuun mootummaatti harka kennachuu bulchaan Godinichaa BBCtti himan.
Godinichatti ji'a tokkoo as hidhattoonni 160 ol meeshaa isaanii hiikkatanii mootummaatti harka kennataniiru jedhan bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee.
Dhiyeenya godinicha keessa socho'aa kan turee fi garee tokko hogganaa akka ture kan himamu Faqqadaa Abdiisaa meeshaa isaa hiikkachuun galuu ibsamee ture.
Bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee ''ji'a tokkoon dura kan gale garee Faqqadaati. Amma kan gale garee Yaaddessaati. Yaadessaan hogganaadha. Miseensota isaa fudhatee gale,'' jedhan.
Obbo Mirreessaan waggoota lamaa fi sadan darban waamicha mootummaa dhagahauun hidhattoonni hedduun gara qabsoo nagaatti deebi'anii jiru jedhan.
''Dargaggoonni karaa nagaa filatan jiru. Akkasuma kanneen karaa nagaa hin filanne bosona keessa taa'anii ofii isaanii irrattis uummata irrattis rakkoo uuman jiru. Dargaggoonni 'ABO Shaneetti' makamanii rakkoo uumanis jiru,'' Jedhan.
Fulbaana 28 bara 2025 hidhattoonni ''ABO Shanee'' 63 tahan galaniiru kan jedhan Obbo Mirreessaan ''jalqaba hidhattoota 57 dhufe. Booda gara galgalaa ammoo gara nama jahaa itti dabalamaniiru,'' jedhan.
Hidhattoonni kunneen akka galanaiif ''waan sadiitu shoora olaanaa taphate,'' kan jedhan Obbo Mirreessaan ''inni jalqabaa dhiibbaa uummanni taasise'' akka tahe himan.
Inni biraan mootummaan hulaa qabsoo karaa nagaa ammayyuu hidhattootaaf saaquun isaan simachuu fi inni biraan hidhattoonni matumti isaanii daandii dogoggoraa irra turuu isaanii hubatanii gara qabsoo nagaatti deebi'uuf murteessuu isaaniiti jedhan.
Hidhattoonni kunneen erga harka kennatanii leenjii haaromsaa galu jedhan Obbo Mirreessaan.
''Leenjii haaromsaa erga xumuranii booda waan tahuu barbaadan ofii murteeffatu. Hojjetaan mootummaa yoo keessa jiraate gara hojii isaatti deebi'a. Yoo barataa tahe barumsa isaatti akka deebi'u taha. Akka fedha isaaniitti ramadamu,'' jedhan bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee.
''Hidhattoonni kunneen galuun qaama lamaaf bu'aa qaba. Jalqabaa matuma isaaniifi. Galii hin qaban. Hojii hin qaban. Galiin isaanii uummatadha. Uummanni waan nyaachisu hin qabu. Uummata saamaa oolu.
Uummata waliin walitti bu'aa oolu. Kanaaf uummata isaanii, abbaa fi haadha isaaniitti araaramuun uummataaf nagaa guddaa akka bu'u godha,'' jedhan Obbo Mirreessaan.
''Uummanni osoo rakkaatuu dabareedhaan nyaata kennaafi. Kan hin qabne ni reebama. Karaatti yoo bahu ni saamama ture. Karaa nagaa filachuun isaanii tasgabbii uummataaf gahee guddaa qaba,'' jedhan.
Waggoota jahan darban keessa Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa sochii hidhattootaa fi walitti bu'insa hidhattootaa fi humna nageenyaa gidduutti tahuun hedduu warra miidhame keessaati.
Namoonni nagaan ajjeefamuu, saamamuu fi uukkaamsamuun maallaqa gaafatamuun godinicha keessatti irra deddeebiin mul'ataa tureera.
Obbo Mirreessaan mootummaan hidhattoota gara qabsoo nagaatti deebi'uu barbaadan simachaa, kan didan irratti ammoo tarkaanfiii fudachuu itti fufeera jedhan.
Kana duras hidhattoonni godina Horroo Guduruu fi Shawaa Lixaa keessa socho'aa turan, ajajaa Zoonii Gidduugaleessaa WBO kan ture Sanyii Nagaasaa fa'aa dabalatee mootummaatti harka kennachuun hidhattoota hedduu fudhatanii galuun isaanii ibsamee ture.
Hidhattoota Faannoo Horroo Guduruu keessatti
Waggoota darban keessa hidhattoonni Faannoos Godina Horroo Guduruu aanolee muraasa keessa socho'uun uummata nagaa irratti haleellaa taasisaa turan.
Aanolee akka Jaargadaa Jaartee, Amuruu fi Abee Dongoroo hidhattoota kanneeniin kan miidhaman keessaa akka tahan kan himan Obbo Mirreessaan mootummaan humna nagaa gahaa bobbaasuun tasgabbeessaa jiraachuu himan.
Obbo Mirreessaan godinicha keessa bara 2016 fi isa dura haalli ture rakkoo guddaa tahuu kaasu.
''Aanaalee sadii- Amuruu, Jaartee fi Abee Dongoroo keessa rakkoo jira. Jaartee keessa gandoota sadii, Abee Dongoroo keessa gara gandoota torbaa fi Amuru keessaa gara gandoota afurii keessa rakkootu ture.''
Ji'a Fulaanaa darbe keessa hidhattoonni Faannoo aanaa Abee Dongoroo keessatti haleellaa dhaqabsiisuun namoonni nagaan lubbuun darbuu himaniiru.
''Dhukaasa Humna Waloo Oromiyaa fi hidhattoota finxaaleyyii Faannoo gidduutti gaggeeffameen uummanni wareeree baqatu miidhamees wareegamees jira.
Hogganaa poolisii achi tures dabalatee caasaan keenyas wareegameera. Diinnis wareegamee jira. Dhukaasa keessa du'uu fi ajjeesuun jira,'' jedhan Obbo Mirreessaan.
Haleellaan kun kan dhaqqabe Fulbaana tokko dura waktii Qaammee keessa akka tahe kan himan Obbo Mirreessaan uummata yeroo sana qe'ee isaa irraa buqqa'e akka qe'ee isaatti deebi'u gooneerra jedhan.
''Finxaalessa afaan Amaaraa dubbatu [Faannoo] irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira. Humni nageenyaa gahaan bobbaafameera.''
Aanolee sadan keessaa haleellaa yeroo adda addaatti hidhattoota Faannoon irratti gaggeeffameen kanneen qe'ee isaanii irraa buqqa'anii fi gargaarsa barbaadan jiraachuus himameera.
Obbo Mirreessaan uummanni qe'ee isaatti deebi'us qabeenya isaa guutummaan waan dhabeef deeggarsa barbaadu jedhan.
''Waan nyaatanii fi uffatan barbaadu. Aanaa Jaartee magaalaa Jaardgaa irraa abbootiin warraa 510 gargaarsa barbaadu. Isaan sababa nageenyaan osoo hin taane haala qilleensaatu horsiisa horiif isaaniif hin mijanne.
Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa jedhamutti abbootii warraa 1320 qe'eetti deebi'aniiru. Garuu waan uffatanii fi nyaatan barbaadu'' jedhan Obbo Mirreessaan.
Godinaalee Wallaggaa akka Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu keessatti hidhattoonni Faannoo irra deddeebiin uummata nagaa irratti haleellaa raawwataa turan.