Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jilli Itoophiyaa Jibuutiitii maal gochuutti jira?
Jilli olaanaa aangawoota mootummaa Itoophiyaan hoogganamu Pirezidantii Jibuutii dabalatee aangawoota Jibuutii kaan waliin hariiroo cimsuuf mari'ate.
Daawwannaan jila Itoophiyaa kuni yeroo muddamni Itoophiyaafi Ertiraa waliin cimee jiruufi Masriinis Jibuutiitti buufata doonii akka ijaartu erga gabaafame booda kan tahedha.
Jilli kun jila lammataa mootummaa Itoophiyaarraa torban muraasa gidduutti gara Jibuutii imaledha.
Jibuutiin biyya Itoophiyaan al ergiifi oomisha biyyatti galchuuf ulaa tokkittiii itti dhimma baatudha.
Jilli Pirezidantii Itti aanaa paartii Itoophiyaa bulchu, Paartii Badhaadhinaa, Obbo Adam Faarahin durfamu aangawoota gara garaa waliin mari'ate.
Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru akka beeksisetti, mariin isaan Pirezidant Omaar Gilee waliin taasisan hariiroo biyyoota lamaaniifi itti fayyadamummaa isaanii cimsuurrattii xiyyeeffate.
''Akkasumas, raawwii pirojektoota biyyoonni lamaaan waliin bulchanis gamaggameera,'' jedha Imbaasiin.
Itoophiyaan buufata doonii Doraaleh Jibuutiitti argamu al ergifi oomisha biyyatti galchuuf itti fayyaadamti.
Jilli Itoophiyaa kunis buufata doonii kana daawwateera.
Obbo Adam Faarah marii Ministira Dhimma Alaa Jibuutii Abdulqaadir Huseen waliin taasisaniin ''michummaa biyyoota lamaanii'' cimsuurratti mari'atan.
Akkasumas, marii kanarratti geejjibi al ergiifi oomisha biyya keessa galchuu Itoophiyaa akka saffisu mari'achuu Imbaasiin ibseera.
Jila kana keessa Ministirri Geejibaafi Lojistikii Dr Alamuu Simee, Ministir Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayee, Hoogganaa Waldaa Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo Jibuutii Inj. Taakkala Uumaafi kaaanis jiru.
Obbo Birhaanuun itti gaafatama amma jiranitti osoo hin dhufiin dura Jibuutiitti ambaasaaddara Itoophiyaa turan.
Jilli Itoophiyaa kuni jila lammataa torban muraasa keessatti Itoophiyaarraa gara Jibuutii imaledha.
Baatii Sadaasa keessa jilli mootummaa IItoophiyaa Daarektara Waliigalaa Tajaajila Tikaafii Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reduwaan Huseeniin hoogganamu gara Jibuutii imalee ture.
Gita isaanii Jibuutii Daarektar Janaraaal Hasan Sa'id waliinis 'marii milkaa'aa' taasisuu Imbasiin IItoophiyaa yeroos beeksisee ture.
Ambaasaddaar Reeduwan yeroos itti aanaa isaanii Obbo Sisaay Tolaa waliin deemaan.
Turtii isaaniin aangawoota Jibuutii waliin 'hariiroo waloo, wal ta'insaa tikaa naannichaa cimsuun danda'amurratti' mari'achuutu gabaafame.
Itoophiyaan jalqaba waggaa kana Ambaasaaddara haaraa Jibuutiitti kan ergite yoo ta'u, isaaniis Ministira duraanii kominikeeshinii Dr Laggasa Tulluudha.
Erga achi ramadamanis yeroo adda addaatti aangawoota Jibuutiii waliin mari'ataniiru.
Jilli Itoophiyaa teellanaa osoo Jibuutii hin seeniin dura Dr Laggasaan ALI Mudde 05, 2018 Hojii Gaggeessaa Olaanaa buufata doonii Doraale waliin mari'ataniiru.
Marii isaaniinis, karaattii tajaajila Itoophiyaaf kennu ''karaatti guddisuun danda'amurrratti'' dubbachuu Imbasiin ibseera.
Sochiin Itoophiyaa maal akeeka?
Sochiin aangawoota Itoophiyaa keessumaa erga Masriin buufata doonii Jibuutiii keessattii akka ijaartu beeksiste booda mul'ate.
Masriin biyya ollaa Itoophiyaa kan taate Jibuutii keessatti ijaarsa buufata doonii haaraa keessatti qooda fudhachuuf akka jirtu baatii Sadaasaa keessa Jibuutiin ibsiteetti.
Biyyoonni lamaan waggaa dura buufata doonii misoomsuufi kaan dabalatee Waliigaltee Hubannoo (MoU) mallatteessan dhihoo hojiirra oolchuuf jedhu.
Sochiin Masrii yeroo Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf gaaffii yeroo cimsitee jirtutti dhagahame.
Sochii Masrii kana Itoophiyaan akkamiin akka ilaaltu ammatti ifa ta'udhaas baatu, kuni nageenya biyyaalessasheef ''yaaddessaadha'' jedhu xinxalaan BBC'n dubbise.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad akkuma aangotti bahaniin biyyi jalqaba daawwatan Jibuutiidha.
Jibuutiifi Itoophiyaan hariiroo jabaa qabu. Ta'us, gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaafte irratti kanneen bir'atan keessaa tokko Jibuutiidha.
Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan Somaalilaand waliin seenten muddama Somaaliyaa waliin dhufe furuufis Jibuutiin Itoophiyaan buufata Taajuraa akka bulchitu dhiheessitee turte.
Ta'us, booda kana Sa'udiin buufata kana misoomsuuf Jibuutii waliin walii galuu gabaafameera.
Jibuutiin biyya xiqqoodha garuu bakki teessuma ishee gatii guddaa itti horee gatii jabeessa taasiseera. Sababnis Galaana Diimaa qarqara argamuu isheeti.
Sochii daldalaa addunyaa keessaa 12% - 15% kan ta'u akkasumas fe'umsa konteenaraa keessaa 30% kan ta'u gama Galaana Diimaarra ce'a.
Imalli kuni baasiifi yeroo imala doonii Eeshiyaafi Awurooppaa gidduu taasifamu sadarkaa olaanaan xiqqeessa.
Sababa Kanaan daldalaafi dhiheessiii annisaa addunyaan keellaa ijoo jedhamee ibsama.
Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture.
Haa ta'u malee, bara 1993 dhaabate. Kunis, Ertiraan lola waggoota 30 booda Itoophiyaarraa walabummaa waan gonfatteefi.
Eegasii Itoophiyaan buufata doonii Jibuutii fayyadamti, baasii guddaas itti baasti.
Jibuutii qofarratti hirkachuun immoo yaaddessaa ta'uu kana dura Ministirri Muummee Abiy ibsaniiru.
Sababa kanaaf Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu barbaadaa jirti.
MM Abiy mootummaan isaanii dhimmi galaana Diimaa dhimma ''seeraa, seenaa, teessuma lafaafi diinagdee'' jedhee akka amanu dubbatan.
Kunimmoo Ertiraa waliin muddama isaan galche, Masriinis Ertiraa bira akka dhaabbattu ibsiteetti.
Masriin dhimma Hidha Abbayyaan Itoophiyaa waliin muddama waggootaaf ture qabdi.