Itoophiyaan kora 39ffaa Gamtaa Afrikaarraa maal buufatte?

Pirezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo (bitaa) fi MM Abiy Ahmad (mirga)

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/FB

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Itoophiyaan Kora Gamtaa Afrikaa 39ffaa karaa milkii qabuun xumuruu Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibseera.

Korri kun Itoophiyaan dandeettii jila keessummeessuu ishee akka gabbifattu akkasumas maqaa gaariin biyyattii akka addunyaarratti beekamu taasiseera jedhe ministeerichi ibsa baaseen.

Kora gurguddaa tibbana Itoophiyaan qopheessite keessaa inni kan biraan Yaa'ii Xaaliyaanii fi Afrikaa yoo ta'u kunis milkiin goolabamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa Itoophiyaa ibseera.

Itoophiyaan akkuma hooggantoota biyyoota adda addaa magaalaa Finfinneetti simatte wayita korri kun xumuramus kabajaan gaggeessiteetti.

Garuu kora kanarraa maal buufatte?

Korri kun aanga'oonni Itoophiyaa akka hooggantoota biyyoota adda addaa qe'eesheetti argachuun dhimmoota garagaraa irratti mari'attuuf carraa ta'eeraaf.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad fi aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa kaan hooggantoota biyyootaa fi jaarmiyaalee adda addaa waliin mari'ataniiru.

MM Abiy Pirezidantii biyya ollaasaanii, Keeniyaa kan ta'an Wiiliyaam Ruutoo waliin dhimmoota akka Ardii Afrikaatti dursa argachuu qabanii fi ajandaawwan waloo biyyoota lamaanii irratti mari'achuu ibsaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidant Wiiliyaam Ruutoo marii isaanii kanaan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, misoomaawwan bu'uuraan biyyoota walitti hidhuu, misooma anniisaa, nageenyaa fi tasgabbii irratti akka xiyyeeffatan ibsan.

Pirezidant Ruutoon barreeffama Facebook isaanirratti maxxansan keessatti ''jaarmiyaalee Afrikaa keessa jiranitti sirriitti fayyadamuu qabna,'' jedhan.

Keessattuu Gamtaa Afrikaa, Gabaa Waliinii Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA) fi Gabaa Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) kanneen jedhamanitti qixa sirriin fayyadamuun biyyoota walitti hidhuu fi daldala Afrikaa babal'isuurratti akka xiyyeeffatan ibsan.

Wayita korri Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa turetti Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shidee dureewwan jaarmiyaalee maallaqaa idiladdunyaa waliin mari'ataniiru.

Mariin isaanii fooyya'iinsa diinagdee Itoophiyaa, sagantaalee investimantiiwwan gurguddoo fi jijiirrama qilleensaa qolachuurratti kan xiyyeeffatedha.

Obbo Ahmad Shidee pirezidantii Baankii Arabaa guddina diinagdee Afrikaa irratti xiyyeeffatu- BADEA Abdullaahii Almusaahibii waliin wayita mari'atan, ijaarsa pirojektiiwwan gurguddoo kanneen akka buufata xiyyaaraa Bishooftuu fi humna ibsaa bishaan irraa maddu- Kooyishaa dabalatee sadarkaa deeggarsi maallaqaa pirojektoota gurguddoo Itoophiyaa irratti argamu bal'inaan kaasaniiru.

Misoomaawwan bu'uuraa jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf gargaaran irratti qindoominaan hojjechuufis waliigalaniiru.

Pirezidantii BADEA Abdullaahii Almusaahibii (bitaa) fi Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shidee (mirga)

Madda suuraa, EBC

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii BADEA Abdullaahii Almusaahibii (bitaa) fi Ministira Maallaqaa Itoophiyaa Obbo Ahmad Shidee (mirga)

Qondaalli maallaqaa Itoophiyaa kun marii Pirezidantii Itti Aanaa Baankii Misoomaa Afrikaa Keeviin Kaariyuukii (PhD) waliin taasisaniin, hojiiwwan gama anniisaa maddisiisuun hojjetamaa jiran cimsuu fi maddeen anniisaa babal'isuu irratti xiyyeeffachuun biyyoota misooma anniisaan walitti hidhuun murteessaa ta'uu kaasaniiru.

Baankichi gama anniisaa haaromfamuu fi naannoo waliin michummaa qabuun hojii Itoophiyaan hojjetaa jirtu akka tumsu ibseera.

Obbo Ahmad Shidee Pirezidantii Itti Aanaa Jaarmiyaa Misooma Qonnaa Idiladdunyaa (IFAD) Jeeraardiin Mukeeshimaanaa waliinis mari'ataniiru.

Mariisaanii kanaan akkaataa misooma jallisii qonnaan bulaa bu'uura godhatee fi qonna jijjiirama qilleensaa dandamatu mirkaneessuun danda'amurratti fuulleffatan.

MM Abiy Pirezidantii Baankii Misoomaa Afrikaa Siidii Uuldi (PhD) waliin akkaataa baankichi misooma hunda hammate milkeessuu danda'urratti mari'achuu ibsaniiru.

Mariin kun kan yeroo kora G20 ture irraa kan itti fufe ta'uu ibsan MM Abiy.

MM Abiy Kora Gamtaa Afrikaa cinaatti Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin akkaataa hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuun danda'amurratti dubbachuu ibsaniiru.

Pirezidant Raamaafoosaan michummaan Afrikaa Kibbaa fi Itoophiyaa hariiroo daldalaa, qonnaa, tuurizimii fi investimantii cimsuurratti kan fuulleffatuudha jedhan.

Hariiroon biyyoota lamaanii tumsa Itoophiyaa bara bulchiinsa appaartaayidii taasifteef irraa eegalee cimaa akka turee fi ammas cimsanii itti fufuu akka barbaadan ibsan pirezidantichi.

MM Abiy dureewwan biyyoota Afrikaan alatti Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii waliinis walarguun dhimmoota dursi kennamuufii qaburratti dubbachuu Facebook isaaniirratti ibsaniiru.

Akkasumas Kora Xaaliyaanii fi Afrikaa magaalaa Finfinneetti taa'ameef Itoophiyaatti imalanii kan turan gitasaanii MM Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii waliinis mari'ataniiru.

''Daawwannaan Ministira Muummee Meeloonii walta'insa keenya dameewwan daldalaa, invastimeentii, anniisaa, misooma bu'uraa, qonnaafi kalaqaatiin itti fufee jiru cimsuuf kutannoo waloo qabnu kan mirkaneessudha,'' jedhan.

MM Abiy aanga'oota biyyoota akka Somaaliyaa, Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Taanzaaniyaa, Moozaambik, Senegaal, Laayibeeriyaa, Liibiyaa, Bootiswaanaa, Sudaan Kibbaa, Ayivorii Koost, Gaanaa, Naamiibiyaa, Burundii faana addatti mari'ataniiru.

Dureewwan biyyoota Afrikaa fi aanga'oonni addunyaa akkasumas dursitoonni jaarmiyaalee kora 39ffaa Gamtaa Afrikaa irratti argaman guddina magaalaa Finfinnee dinqisiifataniiru.

Misoomi magaalaattii keessatti hojjetamaa jiru biyyoota kaaniifis muuxannoo akka ta'u dubbatan.

Hooggantoonni Afrikaa fi addunyaa kora kanaaf Finfinneetti argaman guddina magaalattiin galmeessaa jirtu daawwachuun muuxannoos qooddataniiru.