Yaa'ii Gamtaa Afrikaaratti Gutareez fi Abiy yaaddoo fi abdii jirurratti dubbatan

Ministira Muummee Abiy yaa'ii Gamtaa Afrikaarratti

Madda suuraa, EBC

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Yaa'iin idilee dureewwan biyyaafi mootummaata Gamtaa Afrikaa 39ffaan Finfinneetti yoo eegalamu Barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutareeziifi MM Abiy Ahimad yaaddoo fi abdii Ardittiirratti dubbatan.

Antooniyoo Gutaareez haasaa banininsaa yaa'ii kanaa wayita taasisan ifatti walqoodinsi sadarkaa addunyaatti adeemaa jiru yaaliiwwan nageenya buusuu keessumaa Afrikaa keessatti tattaaffii godhamu akkaan akka laaffisu akeekkachiisan.

Akka fakkeenyaattis yaaliiwwan nagaa buusuu Sudaan, Somaaliyaa, DR Koongoo, Rippaablika Afrikaa Giddugaleessaa fi Saahel kaasan.

Duula Somaaliyaa keessatti tasgabbii fiduuf akka haaraatti ijaarame AUSSOM amansiisaa fi milkaahaa gochuuf sirni deeggarsa maallaqaa itti fufaa fi amansiisaa ta'uu mirkaneessuun akka barbaachisu dubbatan.

Sirna deeggarsa maallaqa walitti qabuu AU fi UN deeggaramu ijaaruu dhabuutti gaabbuus ibsaniiru. Kunis deeggarsa maallaqaa yeroo gabaabaa malee amansiisaafi kan yeroo dheeraa aragchuu dhibaa godheera jedhaniiru.

Ergamni AU Somaaliyaa deeggarsa idila addunyaa hin argatu yoo ta'e maaltu argataree? jechuun dhimmi Somaaliyaa murteessaa ta'uu dubbatan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gama isaaniin Afrikaaf of danda'uu hangam takka barbaachisaa akka ta'e hubachiisan. Dhaabbilee jajjabboo ijaarunis barbaachisaa ta'uu himan.

Yaa'iin kun yeroo murteessaatti gaggeeffamaa jiraachuu kan ibsan MM Abiy, qabinyi tarsiimawaan Afrikaan qabdu akk durii osoo hin taane ''kan ofiin bocame, ofiin ijaarameefi ofiin bulu ta'uu qaba'' jedhaniiru.

Abiy haasaa isaanii keessatti qabeenya bishaaniirratti nagaa uumuun misoomaaf fi nageenya mirkaneessuuf murteessaa ta'uu Hidha Haaromsa Itoophiyaa kaasuun ibsaniiru.

Muuxannoon Itoophiyaa qabeenya walii qooddachuun akka ta'utti yoo qabame badhaashinaafi tasgabbiif bu'uura ta'a jedhaniiru.

'Buufataalee doonii qabaachuun murteessaadha'

Dabalataan Itoophiyaa biyya uummata miliyoona 130 qabduu keessatti misooma itti fufaa fiduuf buufataalee doonii qabaachuun barbaachisaadha jechuun dubbataniiru.

Ulaa galaanaa amansiisaa walta'iinsa naga qabeessa ta'een mirkaneessuun bu'uuradha jechuun hogganoota biyyoota Afrikaatti himaniiru.

Itoophiyaan hidhaa teessuma lafaa jalatti rakkachuu akka hin qabnes hirmaattota kanatti himaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa hariiroo biyya ollaa Eertiraa waliin rakkoo keessa galee ture hammeessaa jira.

Antooniyoo Gutareez yaa'ii kanarratti Sudaanitti waraanni atattamaan akka dhaabatu waamicha dhiyeessaniiru. DRC keessatti waliigalteen nagaa mallattaa'e akka kabajamu gaafataniiru.

Gutareez barri bulchiinsa isaanii hanga rawwatutti Afrikaan xiyyeeffannoo jalqabaa UN akka taatee itti fuftu mirkaneessaniiru. Hariiroon AU-UN hariiroo tarsiimawaa jabaa ta'uus dubbataniiru.