'Itoophiyaan Maandeellaa leenjisuun ishee bu'uura michummaa keenyaati'- Afrikaa Kibbaa

South Africa Government Facebook

Madda suuraa, South Africa Government Facebook

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Michummaan hundee gadi fagoo qabu biyyoota lamaan gidduu [Itophiyaa fi Afrikaa Kibbaa] bara Itoophiyaan Maandeellaa leenjisuu dabalatee Appartaayidii buqqisuurratti gargaarsa gochaa turte har'a gama dinagdeen cimee itti fufa jedhe mootummaan Afrikaa Kibbaa.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa ibsa Pirezidantiin biyyattii Siriil Raamaagfoosaa Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin wal arguun mariyachuu isaanii ilaalchisuun baaseen kana jedhe.

"Afrikaa Kibbaa fi Itoophiyaan hariiroo gam-lamee cimaa fi tarsiimawaa deegarsa seena-qabeessa Itoophiyaan qabsoo farra Sirna Appaartaayidii keessatti taasisaa turte keessatti hundee gadi fageeffate qabu.

Hariiroo cimaa seena-qabeessa ta'e kanaaf ammoo leenjii loltummaa Itoophiyaan qabsoo karaa nagaan faajjii addunyaa kan ta'e pirezidantii duraanii Nilsan Maandellaaf kennite fakkeenya jiraataadha."

Pirezidant Raamaafoosaan Kora Gamtaa Afrikaa 39ffaa Finfinneetti qophaa'erratti hirmaachuun cinaatti Ministira Muummee Abiy waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaan ilaallatanirratti mariyataniiru.

Michummaan biyyoota lamaan gidduu seenaa dheeraa qabu amma daldala, qonnaa, turiizimiifi investimentii dabalatee gama dinagdeen haala cimsachuu danda'anirratti dubbataniiru jedha ibsi mootummaan Afrikaa Kibbaa baase.

MM Abiyis oolmaa guyyaa lamaffaa Kora Hoggantoota Gamtaa Afrikaa maddiitti Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil ERaamaafoosaa waliin wal arganii dhimmoota hariiroo gam-lamee jabeeffachuun danda'amurratti mariyachuu fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ibsaniieu.

Ibsi mootummaan Afrikaa Kibbaa kun oolmaa Itoophiyaan waggaa 64 dura yeroo biyyattiin gita bittaa Sirna Appaartaayidii jala ba'uuf wallaansoo gochaa turtetti taasifteef beekamtii kenneera.

Keessumaa qabsoo Farra Sirna Appartaayidii adda durummaan gaggessaa kan tureefi waggoota 27f hidhaa turee boodarra hidhaatii bahee pirezidantii Afrikaa Kibbaa kan ta'e, Nilsan Maandellaa leenjisuun Itoophiyaa michuu bara rakkinaa biyyattii ta'uu ragaa baheera mootummaan Afrikaa Kibbaa ibsa isa kanaan.

Jeneraal Taaddasaa Birruu Nilsan Maaddellaa waliin

Madda suuraa, MAYIBUTE ARCHIVES

Nelsan Mandeellaa Itoophiyaatti leenji'uun yeroo yaadatamu...

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Falmii Mandeellan taasise keessatti raacitiin diddaa fi gootummaan inni Itoophiyaa irraa dhaale salphaa hin turre.

Bara 1962 Mandeellaan maqaa sobaa "Deevid Motsomaay" jedhuun paaspoortiin Itoophiyaa qophaa'efi leenjii waraanaa fudhachuuf gara Itoophiyaa dhufe.

Yeroonsaa ture Koloneel Fiqaaduu Waqkenneen nama Afrikaa Kibbaa irraa dhufe tokkoof leenjii kennaa turan.

Sagalee otoo hin dhageessisiin naannoo diinaa seenaanii fanjii awwaaluun qaama leenjichaa ture.

Namichi isaan leenjisan ajajaa olaanaa garee riphee lolaa Afrikaa Kibbaa 'Umkoonto Wee Siizwee'' jedhamuuti.

Neelsan Roolihilaalah Maandeellaan dhimmi Itoophiyaa isaan fide leenjii loltummaatiin of ijaaruu ture.

Maandeellaan nama jabaafi homtuu kan mogolee isaan hin buusne turan. Ajaja immoo haalaan eegu jedhu Koloneel Fiqaaduun.

"Nama jaalatamoos turan," jedhu gaaffiifi deebii waggoota muraasa dura BBC waliin taasisaniin.

Koloneel Fiqaaduun yeroos miseensa humna addaa kora bittineessaa Kolfee turan.

"Namni Afrikaa Kibbaa gammadaafi barumsaaf qophii tahe as yeroo dhufu nan yaadadha," jechuun waa'ee isaa dubbatu.

Gaheen Koloneel Fiqaaduu Maandeellaaf akkatti fanjii dhukaasan, balaa tasa akkatti qaqqabsiisaniifi leenjii loltummaa biiroollee kennuu ture.

Ajajaa Koloneel Fiqaaduu kan turan Jeneraal Taaddasa Birruutu dirqama Maandeellaa leenjisuu kan koloneelichaaf kenne.

Itoophiyaa turuun isaanii icciitii ture...

'' Namni tokko Afrikaa Kibbaatii akka dhufeefi yeroo muraasa nu faana akka turu qofan beeka ture. Waanti hundi icciitii ture, eenyuyyuu akka baru hin barbaadamne ture.'' jedhu koloneelichi.

Mootiiin yeroosii Haayilessilaaseen ardiin Afrikaa kolonii jalaa akka baatuuf waan fedhii qabaniif Maandellaan gara Itoophiyaa akka dhufan hayyaman.

Yeroosaatti immoo Itoophiyaan humna loltuu jabaa qabdi ture.

Biyyoota Afrikaa waraana keessa jiran tasgabeessuutiinillee kan akka ishee hin jiru ture.

Mootichi "Biyyooti Afrikaa bilisummaaf qabasaa'an obboloonni Afrikaa marti dhufanii leenjii loltummaa fudhachuu danda'u" jechuun ifatii labsanii turan.

Yeroos Itoophiyaan Adwaa irratti xaaliyaanii mo'achuu isheetin maqaa gaariii waan horatteef, gurraachi lolee adii mo'achuu ni danda'a kan jedhu biyyoota Afrikaa heddu keessatti miira walabummaa uumame ture.

Diddaawwan bittaa sirna kolonii gaggeeffamaa turan keessaa tokko diddaa sirna Appartaayidii Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa tureedha. Diddaa kana keessatti gaheen Madiibaa ykn Neelsan Mandeellaa olaanaa ture.

Maandellaa du'a kan oolchan Shaambal Guutaa Dinqaa waan jedhan

Shambal Guutaa Dinqaa

Madda suuraa, Maatii Shambal Guutaa Dinqaa

Fuula marsariitii Faawundeeshinii Neelsan Mandeellaa irratti bara 2008'tti akka barraa'etti, paaspoortii isaa irratti ogummaan isaa "gaazexeessaa" jedha.

Mandeellaan dhoksaadhaan Itoophiyaatti leenjii fudhachuu isaa warri sirna Appartaayidii dhagahanii bakkuma inni leenjii fudhatu Itophiyaatti isa ajjeessisuudhaaf karoora cimaa baasun, bajata guddaa ramadanii dhufan.

Karoorri ajjeechaa Nelsan Mandeellaa akkamitti akka qindaa'e, eenyutu harka keessaa akka qabuufi eenyutu yaalii ajjeechaa kana fashaleesse kan jedhuu irratti kanaan dura BBC'n Shaambal Guutaa Dinqaa dubbisee ture.

Neelsan Mandeellan osoo gara Itoophiyaa hin dhufin dura paartin isaa ANC'n qabsoo riphe loltummaa jalqabee ture waan ta'eef qabsoo kana jabeessuf leenjii gahaafi deeggarsa barbaacha fuula isaa gara Itoophiyaatti deebifate.

Hayila Sillaaseen mootii warra Ingilizii Elizaabet wajjin michuu waan turaniif akka irratti hin beekamnetti icciitii guddaadhaan Mandeellan gara Itoophiyaa dhufee akka leenji'u godhan.

Kanaaf ammoo Jeneraal Taaddasaa waamanii eegduu nama lamaa fi nama leenjii Mandeellaaf kennu lamaa fi iddoo namni biraa hin argine akka qophaa'uf itti himan," jedhu Shaambel Guutaa Dinqaa.

Guyyaa tokko karaa ajajaa isaanii ergaan hatattamaan "biirotti barbaadamta" jedhu Shaambal Guutan qaqqabe. Isaanis osoo hin barfatin gaafa biiroo dhaqan, Ajajaa Dhibbaa Fiqaaduu Wandimmuufi Ajajaa Shantamaa Dabbabaa Isheetee achi jiru.

Akka seera waraanatti nagaa gaafatanii osuma ajaja kennamuuf eegaa jiranii Jeneraal Taaddasaa Birruu dhufan.

"Generaal Taaddasaan, kana booda itti gaafatamummaa guddaa icciitii cimaa gaafatu fudhachuuf jirtu. Keessummaan guddaan tokko biyya keenya dhufee jira. Kaampii kana keessatti bakka namni kamuu isa hin arginetti iddoo kennameefii jira. Isin immoo eegumsi isaa imaanaa guddaa wajjin isinitti kennameera nuun jedhan," jechuun guyyaa sana yaadatu.

Bifa kanaan Koloneel Fiqaaduu Waakkennee (yeroo sana Ajajaa Dhibbaa kan ture) leenjisaa Mandeellaa, Ajajaa Dhibbaa Fiqaaduu Wandimmuu gargaaraa leenjisaa, shofeera fi turjumaana Mandeellaa ta'anii ramadaman.

Shaambal Guutan Dinqaa fi Ajajaa Shantamaa Dabbabaa Isheete ammoo wal jijjiirranii dhokatanii Mandeellan osoo isaan irratti hin barin akka isa eegaaniif Jeneraal Taaddasaan hunda isaanif itti gaafatamummaa akka qoodaniif dubbatu Shambal Guutan.

Borumtaa isaa Jeneral Taaddasaan konkolaataa ofii isaanitiin Mandeellaa fidanii 'Makonninoch Kibabii Kolfee Faxinoo Daraashii' tti fidanii dhufan jedhu.

Mandeellan leenjii waraanaa fudhachuuf dhoksaadhan Itoophiyaa akka jiru warri Sirna Appartaayidii dhagahan.

Abjuu inni biyya isaa bilisa baasuuf qabu karaatti hambisuuf horii guddaa fi karoora icciitii cimaa qopheessan.

Innis, Mandeellaa kutaa inni rafee jirutti eegduun isaa hudhee akka ajjeesuuf horiin bituudha.

Kanaaf ammoo ija isaanii Shaambal Guutaa Dinqaa irra kaa'atan. Shaambal Guutaa tole jechisiisuuf ammoo horii gahaa ramadaniiru, biyya Awurooppaa bakka barbaade filatee akka jiraatus.

Waan yeroo sana ta'e akkanatti seenessu Shaambal Guutan: "Yeroo ji'a sadiif Israa'elonni dhufanii komaandoo nu leenjisan sana, gurbaan Abraham jedhamu Eritiraa irraa kan dhufe hiriyaan kiyya ture. Wajjin leenjine waan ta'eef baay'ee wal jaalanna. Edaa inni leenjiif haa dhufu malee (Shaabiyaadhaaf) basaasa ture. Mandeellan as jiraachuu isaafi akkan eegduu isaa ta'e karaa ta'een bareera," jechuun waan waggaa 64 dura ta'e akka har'aatti yaadatu.

Shambal Guutan akka jedhanitti, hiriyaan isaanii Abrahaam guyyaa tokko "laaqanan si affeera" jechuun guyyaa Mandeellaa eegun dabaree isaanii hin taane Piyaassaa Hoteela Xaayituuttu affeera. Abrahaam lammiilee biyya alaa lama: tokko adii kan biraa gurraacha waajin Hoteelichatti eega.

Sa'aatii wal beellamanitti Shaambal guutanis hoteelicha geenyan, Abrahaam lammiilee biyya alaa Mandeellaa ajjeechisuu dhufan wajjin wal barsiise.

Nyaatanii erga dhuganii booda Abrahaam waan Shaambal Guutaa dugda kutu itti himuu eegala: "Egaa Guutaa, anii fi ati hiriyaadha. Waan hojii loltummaa dadhabsiisaa kana irraa nu furu yoon sitti hime ni fudhattaa?" jedhee gaafata.

"Lotariitu sii bahe moo maaltu waanti addaa dhalate?" jechuun deebisu Shaambal Guutan.

"Dhimmichi si harka jira, yoo itti beekne salphaatti gochuu waan dandeenyudha. Kana gochuuf ammoo waadaa naaf gali," jedha Abrahaam. "Waanan danda'u yoo ta'e rakkoo hin qabu."

"Akkas taanan, namicha eegdu sana karaa foddaa seentee bakka inni rafutti ogummaa komaandoo baratte sanaan huutee ajjeefta. Erga du'ee booda kaameeraa siif kennamuun reeffa isaa si'a lama suura kaasta, tokko mormaa ol, tokko ammoo guutummaa qaama isaa."

"Sana booda mooraa leenjii waraanaatin alatti bakka itti wal-arginu qopheessinee wal-arginee karaa Moyaaletiin konkolaataa qophaa'en gara biyya barbaanne deemuu dandeenya," jedhee oduu rifasisaa natti hime jedhu.

Shambal Guutan ajjeechaa kana raawwannaan biyya Awurooppaa barbaan dhaquu qofa osoo hin taane Paawundiin 2000 harkatti kennameefira.

'Kan garaa garaatu beeka' jechuun dafee naasun akka irratti hin beekamneef tole jedhee waliigaluun Kaameeraa fi paawundii 2000 Abrahaam harkaa fuudhan.

Hariiron Jeneraal Taaddasaa fi Mandeellaa gidduu ture kan leenjii waraanaa kennuu qofa osoo hin taane, yeroo dheeraa fudhatanii waa'ee cunqursaa saboota irraa gahuu mariyachuu akka hin oolle fi kanaaf ammoo akeektuun Jeneraal Taaddasaan osoo hin turin Hayilassillaaseen isaarratti finciluu isaa akka fakkeenyatti fudhachuun kaasu qorattoonni seenaa.

Guyyaan Abrahaam karoora kana itti hime Jimaata ture, guyyaan itti aanu dabareen Mandeellaa eguu kan Shambal Guutati. Kanaaf, akka karoora qabameetti Mandeellan guyyaa Sambata Xiqqaa galgala sa'aatii saditti ajjeefamuu qaba ture.

"Yeroo sana Piyaassadhaa hanga Markaatotti gaarin turte waan ta'eef ishee yaaben, achii ammoo ariitidhaan gara mana jireenya Jeneraal Taaddasaa Birruun deeme. Neelsan Mandeellaa ajjeesuf qophiin akka jiruu fi akkan ajjeesuuf sobee waliigalee dhufen itti hime.

Jeneraal Taaddasaan garuu na amanuu dadhaban. Mandeellan as jiraachuun isaa akkamitti akka barames waan nahan natti fakkaata."

"Boru halkan ajjeesee halkanuma sana konkolaatan qophaa'ee jara wajjin karaa Moyaalee akka bahuuf karoorfames ittan hime. Ergan ajjeesee booda, mooraa waraanatiin alatti meetira 500 fagaatee bosona keessatti wal arguuf jirrus ittan hime."

Jeneraal Taaddasan kana fashalsuuf yeroo itti hin fudhanne. Karoora oppireeshinii dhoksaa qopheessuf namoota Mandeellaa leenjisanii fi eegan walitti qabatan.

"Hatattamaan dhaqee Fiqaaduu Wandimmuu fi Dabbabaa Isheete akkan waamu natti himanii dhaqeen waame. Isaan gaafa dhufan waan ta'uuf jiru erga dhagahanii booda Jeneraal Taaddasaan akkaataa itti jara qabuu qabnu karoora baasan" jedhu.

Akkaataa karoora kanaatti Shambal Guutan halkan sa'aatii jedhame sanatti akka Mandeelaa ajjeesetti Abrahaam fi lammiilee biyya alaa sana lamaan wajjin bakkicha jedhametti wal argu.

Fiqaaduu Wandimmuu fi Dabbabaa Isheete ammoo bakka jedhame sana dursanii deemuun sa'aatii jedhame sanatti jara qabu. Loltoonni biroo lama ammoo akka waan Shaambal Guutanis qabamee fakkeesun harka isaa kaatenadhaan hidhanii bakka jarri itti eegan sana geessu. Oppireeshiniin ajjeechaa Mandeellaa fashalsuu bifa kanaan Jeneraal Taaddasaan qindeessudhaan borumtaa isaa halkan hojiitti hiikama.

Akkaataa waliigaltee Shambal Guutaa fi Abrahaamitti Nelsan Mandeellan borumtaa isaa halkan ajjeefamee halkanuma sana karaa Moyaaletiin biyyaa bahuudha.

Shaambal Guutaan akka yaada hin jijjiirranneef bataskaana dhaqanii akka walii kakatan Abarahaam gaafata.

Shambal Guutaanis erga mana Jeneraal Taaddasaa Birruu dhaqanii iccitii kana itti himanii booda galagala sa'aatii 12'tti bataskaana Qulqulluu Phaawuloos deemun Abarahaamiif kakatu.

Abraahaam gaggeessanii ofii bataskaanichumatti deebi'anii, "Yaa Waaqayyo cubbuurraa na oolchi, lubbuun namaa na harkatti hin badin" jedhanii qalbii jijjiirratanii deeman.

"Ganama isaa osoo sa'aatii 12 hin ta'in paawundii 2000 akkan Mandeellaa ajjeesuf naaf kennamee fi kaameraa fuudhen Jeneraal Taaddasaatti kennee ofii koo hanga halkaniitti Mandeellaa eegun deeme," jedhu.

Akkuma Jeneraal Taaddasaan gorsanitti halkan sa'aatin itti jaraan wal beellaman geenyaan, loltoonni lama Shaambal Guutaa qabanii harka dudduubatti hidhanii gara bakka itti jara wajjin wal beellamanii deeman, sa'aatidhuma wal fakkaatutti loltoonni biraa qophaa'anii jara eegaa turan lammillee biyya alaa lamaanii fi Abrahaam qaban. Hundi isaanii to'annoo jala oolan.

Jarri isatu nu qabsiise jedhanii akka hin shakkineef Shaambal Guutanis jaruma wajjin halkan sana mana hidhaa bulanii booda gadi lakkifaman.

"Oppireeshiniin Jeneraal Taaddasaan ogummaa fi icciitii guddaadhaan qindeessan milkaa'inaan xumurame," jedhu loltuun durii amma soorama bahan Shambal Guutaa Dinqaa.

Shambaal Guutaan akka jedhanitti, Mandeellaa irratti yaalin ajjeechaa gaggeeffamuu isaa Jeneral Taaddasaan Hailasillaasetti himan.

Yaalii kana kan fashaleesse ammoo loltuu cimaa fi amanamaa Guutaa Dinqaa akka ta'es itti himan.

Iccitin kun akka hin baaneef Hayilasillaase fi Jeneraal Taaddasaan akka waan homtuu hin uumamneetti callisuu filatan. Lammileen biyya alaa lamaan sa'aatii 24 gidduutti biyya gadhiisanii akka bahan taasifaman.

Abrahaam ammoo akka seera waraanatti sadarkaa isaa irraa gadi buufamee lafa fagootti ergamee akka hojjatu taasifame.

Shaambal Guutan akka jedhanitti, namoonni Mandeellaa ajjeechiisuf karoorsan kun mana murtiitti akka hin dhiyaanne kan taasifame, oduun isaa faca'ee Mandeellanis dhagahee sodaan akka itti hin dhagahamneef akkuma waan salphaatti bira darbame.

Yaalin ajjeechaa Mandeellaa irratti gaggeeffamuu Hayilasillaasen erga dhagahanii booda Jeneraal Taaddasaan kanaaf jecha sadarkaa Shaambal Guutaa akka ol hin guddifne itti himan.

Sababni isaa ammoo namoonni akkamitti tasa Shambal Guutan guddina argate jedhanii oduun yaalii ajjeechaa akka hin dhagahamneef akka ta'e himu.