Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin bilbila iPhone hatame tokko adamsuutti hattoota bilbila 40,000 'Chaayinaatti ergan' qabate
Bilbila iPhone bade tokko barbaachuutti poolisiin UK hattoota bilbila iPhone 40,000 ta'an hatuun gara Chaayinatti erguun shakkamanitti bahe.
Poolisiin UK akka beeksisetti sababa bilbila tokkoon poolisiin saamtota bilbila hatuun jiraattota magaalaa Landaniif gamsiisan bira gahuu ibsuun oppireeshinii guddaa gaggeessen namoota bilbila hatuun shakkaman 18 to'annaa jala oolchuun bilbilootafi meeshaalee elektirooniksii biroo 2,000 to'ate.
Poolisiin oppireeshinii akka gaggeessuuf sababa kan ta'e bara darbe namni bilbilli iPhone jalaa hatame tokko bilbillisaa hatame eessa akka jiru baruun poolisiif gabaasuu hordofeeti.
Abbaan bilbilichaa mala elektirooniksii fayyadamuuni bilbillisaa naannoo Buufata Xayyaaraa Heziroow man-kuusaa tokko keessa jiraachuu kan bira gahe.
Poolisoonni qorannoo gaggeessuf bakkicha yoo deeman bilbiloonni 894 saanduuqa keessa jiru- kan abbaa bilbilichaa dabalatee jechuudha.
Bilbiloonni kunneen hunduu kan hatamaniifi gara Hoong Koongitti ergamaa turuu poolisiin adda baafate. Qorannoo ashaaraa saanduuqa saamsame irratti gaggeesseen namoota lama adda baafate.
Namoota biroo lama lammii Afgaanistaan ta'anis konkolaatan hordofuun bilbiloota heddu waliin poolisiin to'ate.
Poolisiin akka beeksisetti gareen kun wanbadoota idiladdunyaa hidhata tolfachuun bilbila hatuun gara biyya biraatti dabarsaniidha.
Bilbiloota hataman keessaa %40 kan ta'u gara [Chaayinaatti] ergamuu ibse poolisiin.
Torbee darbe ammoo namoota biroo 15 bilbila iPhone UK keessaa hatuun gara Chaayinaatti erguu keessatti kallattiifi al-kallattiin hirmaatan 15 to'atamuutu ibsame.
Waggoota arfan darban keessatti lakkoofsi bilbila magaalaa Landan keessatti hatamuu dachaan dabaleera. Bara 2020 keessa bilbilli 28,609 hatamuutu gabaafamee ture. Bara 2025tti garuu gara 80,588tti ol guddate.
Waggaatti namoonni miliyeena 20 ol ta'an magaalaa Landan kan daawwatan yoo ta'u, bakkeewwan turistoonni itti heddummatan ammoo saamtota bilbilaaf haala mijataa uumaaf.
Fedhiin gabaa bilbila namni itti fayyadamee biyya keessattis ta'ee alatti dabalaa dhufuurraa kan ka'e, saamtonni waan biraa saamuurraa gara bilbiloota iPhone namarraa saamuun gabaa keessafi alaaf dhiyeessutti bobba'uutu himama.
"Namoonni yakkarratti bobba'an tokko tokko qoricha sammuu adoochu [dhoksaan] daldaluu irraa gara bilbila hatuun gurguruutti deebi'aa akka jiran dhagahaa jirra; sababni isaa kanarraa maallaqa guddaa argatu waan ta'eef," jetti miseensi poolisii UK Saaraa Joons.
Saamtonni keessumaa bilbilootafi meeshaalee Apple irratti akka xiyyeeffatan ibsu poolisoonni. Sababani ammoo meeshaaleen kunneen biyya alaatti barbaadamoofi gatiinsaaniis qaalii waan ta'efi.
Poolisiin UK akka jedhetti, namoonni bilbilootafi meeshaalee Apple hataman gara Chaayinaatti geessan, saamtota bilbila nama harkaa butaniif bilbila tokkotti hanga paawundii 300 kaffaluuf. Bilbiloota hataman sana Chaayinaatti hanga paawundii 4,000tti gurguru.
Poolisiin UK oppireeshinii gaggeesseen caasaa wanbadoota bilbila saamuun Chaayinaatti dabarsanii magaalaa Landan keessaa gogsuu beeksise.