Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gartuun TPLF Obbo Getaachoon durfamu dhaaba haaraa ijaaruufi
Gareen Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) irraa adda bahee Obbo Geetaachew Reddaatiin durfamu dhaaba siyaasaa haaraa hundeessuuf adeemsa irra akka jiru hoggantootasaa keessaa tokko BBC'tti himan.
Paartiin siyaasaa haaraan galmaa'uuf adeemsa irra jiru kun yaad-rimee dimokiraasii bilisaa hordofuu isaa kan ibse hoggansi kun, "Paartii Dimookiraatawaa Libaraal Tigraay" jedhamee akka waamamu murteessuu isaanii dubbataniiru.
Hogganaan TPLF duraanii maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan kun, "Maqaan kun kan filatame warra dhaaba siyaasaa kana hundeessuuf dammaqinaan hojjechaa jiraniini, garuu Boordii Filannoon hin mirkanoofne, kanaaf walgahii irratti jijjiiramuu ykn fooyya'uu ni mala" jedhan.
TPLF murna lamatti qoodamee wal komachaa ture, yeroo Boordiin Filannoo Itoophiyaa kaa'etti yaa'ii waliigalaa gaggeessuu baannaan tarree paartii beekamtii qaban keessaa bahuu akka malu boordichi hubachiiseera.
Yaaddoon beekamtii Boordii Filannoo dhabuu kan isa mudate gartuun Dabratsiyoon, mootummaa Itoophiyaa wajjiin marii nagaa ta'ee akka dhaaba waliigaltee Piriitooriyaa mallatteessetti dhaaba haaraa ta'ee galmaahuuf hin deemu jechuun mormii dhageessiseera.
Miseensonni Koree Giddugaleessaa TPLF, kan Obbo Geetaachewiin durfamu, diigamuun TPLF yaaddoo keessa turan, ibsa torbanoota dura baaseen, gareen Debratsiyoon (PhD)n durfamu kora waloo akka gaggeessuuf waamicha dhiyeessan, garuu deebii gaarii akka hin arganne ibsaniiru.
Maddi BBC "erga seera qabeessummaan TPLF xumuramaa jiraatee, paartii siyaasaa haaraa kaayyoo siyaasaa TPLF galmaan gahuuf nu dandeessisu ijaaruuf dirqamna" jechuun heeraa fi sagantaalee dhaabichaa xumuruu ibsan.
Maddi kun itti dabaluudhaan yeroo ammaa kana deeggartoota isaanii irraa mallattoo walitti qabaa akka jiran beeksisan.
Haa ta'u malee ulaagaa Boordiin Filannoo Itoophiyaa kaa'e hanga ammaatti waan hin guunneef hanga ammaatti gaaffii boordii kanaaf ifatti hin dhiheessine jedhan.
Maddi kun BBC'tti akka himanitti, Boordiin Filannoo Itiyoophiyaas adeemsa gareen kun galmeef eegale quba qaba.
Paartiin adeemsa galmee irra jiru kun paartii naannoo ta'uu kan dubbata namni kun, gara jalqabaa ji'a Caamsaa keessa Boordii Filannoo Itiyoophiyaa irraa beekamtii duraa ni arganna jennee eegna jedhaniiru.
Namoota maqaa guddaa Paartii Dimookiraatawaa Libaraal Tigraay ijaaran keessaa Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Mootummaa Naannoo Tigraay duraanii Obbo Geetaachew Reddaa, Miseensa Politbiroo TPLF fi Hojii Gaggeessaa Olaanaa Paartichaa duraanii Obbo Beyyenee Mekruu fi Piroofeesar Kindyyaa Gebrehiwot keessatti argamu.
Maddi keenya akka ibsanitti, yeroo ammaa beekamtii seeraa argachuuf hojjechaa kan jiru ta'us, bulchiinsi yeroo Tigraay kan Letenaal Jeneraal Taaddeseen durfamu waggaa tokko booda wayita xumuramu filannoo mootummaa naannoo ijaaruuf gaggeeffamu irratti kan hirmaatu ta'a.
Paartiin Dimookiraatawaa Libaraalaa Tigraay haaraa hundaa'e Boordii Filannoo Itoophiyaa irraa beekamtii erga argateen booda invastaroota irraa kaasee hanga hojjetoota guyyuutti miseensummaa fi hooggansa isaa keessatti hirmaachuu akka danda'anis dubbataniiru.
Hundeessitoota dhaabichaa keessaa tokko kan ta'an Obbo Geetaachew Gorsaa Muummicha Ministeeraa Dhimma Baha Afrikaa ta'uun muudamaniiru.
Piroofeesar Kindiyyaa Gebrehiwot ammoo Gorsaa Ministira Barnootaa ta'uun sadarkaa Ministiraatti dhiyoo muudaman.
"Paartiin Dimookiraatawaa Libaraalaa Tigraay akkuma paartilee biyyattii keessa socho'an biroo Badhaadhina waliin hojjechuu danda'a, garuu waan waliin qabaatu hin qabu, paartii walabaa fiof danda'aa ta'edha," jechuunis dubbatan.
ALI bara 1967 gammoojjii Daddabiit keessatti kan hundeeffame TPLF erga waraanni gaaga'aan Kaaba Itopohiyaa raawwatee waliigalteen Piritooriyaa mallatteeffamee booda lamatti qoodamee wal jeeqaa ture.