Baqataa duraanii dhaabbata baqattoota gargaaru UStti hundeessan Dr Tsahaya Tafarraa

Dr Tsahaaya Tafarraa jedhamu. Dhalatanii kan guddatan Naannoo Tigraay ganda baadiyaa Dimbaazaatti yoo ta'u amma Ameerikaa, Varjiniyaa keessa jiraatu.

Pirezidantiin Ameerikaa duraanii Baaraak Obamaan yeroo aangoorra turaniitti, deeggarsa baqattootaaf taasisaniin badhaasa 'Champions of Change' jedhamuun bakka gara wagga 50 jiraatan Varjiiniyaa Kaawuntii Orliigtani irraa badhaasoota garaa garaa argataniiru.

Dr Tsahaya Tafarraa imala baqatummaatiin erga galanii booda dhaabbilee gurguddo kudhan kanneen baqattoota gargaaraniifi hawaasa keessatti haala salphaadhaan akka makaman taasisan keessaa tokko kan ta'e, Kaawunsiiliin Misooma Hawaasa Itoophiyaa ( Ethiopian Community Development Council, ECDC) hundeessuun hojii gaggeessaa olaanaa ta'un hogganu.

''Sadarkaa barnootaafi jireenyaan amma irratti argamuun akkan gahuuf gaheen abbaakoo olaanaa ture'' jechuun umurii ijoollummaa sumunii kanfalchiisaa iyyata mana murtii barreessaa itti turan jireenya Dimbaazaa yaadatu.

Abbaan isaanii Fitaawuraarii Tafarraa Alulaa, bara Mootii Haayilasillaaseetti bulchaa hawaasa naannoo waan turaniif, ilmisaanii baratee akka qorataa ta'uuf yaaduun qeesota batasakaanaa manasaaniitti mindeessuun qubee akka lakkoofsiisan yaadatu.

''Abbaan keenya ijoollee 15 qabu. Kan carraa barnootaa argannee garuu anaafii kan anaa gadi jiran ture. Qeesoonnis qubeefi dubbisuu qofaa ture kan nu barsiisan, jedhu Dr Tsahay. ''Barreessuu maaliif hin barsiisfnee?'' jechuun gaafachuu yaadatu.

Deebii qeesootaa garuu ''barreessuun maal sii godha inni kan dabtaraa fi kan warra falfala hojjataniiti'' kan jedhu waan tureef, bakka itti dhalatan irraa fageenya kiilomeetira 30 irratti kan argamtu magaala Aksuum dhaquun mana barnoota galan.

Mana barnootaatiin booda ammo, Mariyatiitti qonaan bultoota wal himannaa dhufaniif sumunii kanfalchiisaa iyyata barreessaaf akka ture kan dubbatan Dr Tsahayan, barnoota sadarkaa tokkkooffaa fi lammaffaa Aksuumii fi Maqaleetti xumuran. Digirii isaanii jalqabaa ammo Yunivarsitii Finfinneerraa argatan.

Waggoota muraasa Itoophiyaatti barsiisummaan erga hojjatanii booda, bara 1972tti carraa barnoota bilisaa argachuun gara biyya Ameerikaa imalan.

Erga Joorji Taawoon Yunivarsitiirraa digrii lammaaffaafi sadaffaa isaanii barataniin booda Yunivarsitii Hawaardiitti barsiisaa ta'un hojjatan.

Barnootasaanii akkuma xumauraniin gara biyyaa deebii'uuf karoora qabaatan illeen waan yeroonsaa kan bulchiinsi mootiin sirna dargiitiin bakka bu'e ta'eef, yaada gara biyyaatti deebii'uu dhiisuudhaan achuma Ameerikaa keessatti kologaltummaa siyaasaa gaafachuun jiraachuu eegalan.

Dr Tsahay isaan dura dhimma hojiitiif gara Amerikaatti imalanii waan turaniifjireenyi kolugaltummaa akka nama biraa itti hin ulfaannee ture. Itoophiyaatti barsiisaa ta'un hojjatanii kana turan Dr Tsahay, biyya biraatti dakaa yoo eegalan malee akka hin hayyamamne dubbatu.

Haalli jireenyaa hawaasni habashaa baayyeen eeguu fi kan argatu waan wal hin ginneef dhiphinaa fi mukaa'u keessa akka isaan galchu oggeessi xin-sammuu BBCn dubbise ni dubbatu.

Sababii imaammata farra baqattootaa mootummoonni lixaa hordofanitiin' baqatummaan dur hafee' jedhanii lammiileen Itoophiyaa yaadan akka jiran dubbatu. BBCnis Dr Tsahay 'jireenyi baqattummaa kan dur wayyaa?' jechuun gaafateera.

Waggaa 53 dur kan Ameerikaa galan Dr Tsahay'n, "yeroo nuti Ameerikaa galleetti baayyinni lammiilee Itoophiyaa biyyaa bahu xiqqaa waan tureef, carraa hojii argachuutiin yoo ilaalame, kan har'aa irra foyya'aadha.

''Haata'u malee, baayyinni baqattoota lammiilee Itoophiyaa gadaanaa ta'usaatiin wal qabate suuqiiwwan habashaa fi bataskaanni haala salphaan waan hin argamneef yaaddoo namaatiin baayyee rakkaata turte'' jedhu.

Lammiileen Itoophiyaa bara 1980mota qofummaan miidhaman ofiisaanii balleessaa akka turan kan yaadatan Dr Tsahaya, yeroo ammaa kan biraa hafee afaan Inglizii bakki itti hin dubatamne akka jiru dubbatu.

''Fakkeenyaa DC akka fakkeenyaatti osoo fudhannee bakkeewwan garaa garaatti bastaskanni jira. Bakka deemte hundatti nam biyya kee ni argita. Maneen nyaataa habashaa kan barbaaddee bittee soorachuu dandeessu guutaniiru. Naannoo Ameerikaa tokko tokkootti baayyina habashaatiin waan Itoophiyaa jirtu haalli itti sitti fakkaatu jira'' jedhan.

Bulchiinsa Tiraamp sababii baqattootaan walqabate ejjannoo qabateen Ameerikaan biyya baqattootaaf hin mijannee taasifamtee haasa'amaa akka jiru kan dubbatan Dr Tshayan sababii kanaatiin baqattoonni baayyee rakkoo keessa jiru jedhan.

Lammiileen Itoophiyaa bara 1980mota keessa jireenya isaanii Ameerikaa taasifatan galii fooyya'aa argatan illeen sababii miira qofummaatiin rakkataniif 'abalu mana yaalaa, abalu ammo mana hidhaati' odeeffannoo jedhu yeroo yeroon waan isaan gahuuf, bara 1983 keessa dhaabbata Kaawunsilii Misooma Hawaasa Itoophiyaa (ECDC) jedhamu akka hundeessaniif ka'umsa ta'u yaadatu.

Dhaabbannii bu'aaf hin taane kunis baqattoota Itoophiyaa deebiisee dhaabuu fi motummaa Ameerikaatiif akka riqichaa ta'un kan tajaajiluudha.

Dhaabbati kunis kan hundeeffamee baqattoota Itoophiyaatiif ta'ulleen, Yukireenii fi Afgaanistaan dabaltee baqattoota biyyoota Afriikaa 18 irraa baqatan akka gargaaran dubbatu Dr Tsahayan. Bara 2024tti qofa baqattoota kuma 10 ol akka gargaare BBC Tigriffatti himaniiru.

Bara 2025tti baqattoota kuma 12 ol fichisiisuuf karoorfatee kan ture ta'ulleen, sababii bulchiinsii haaraan Tiraamp baqattoota waliin wal qabte tarkaanfiiwwan fudhateen karoora qabatee ture akka hin milkeessiine ibsan.

Itoophiyaanoonni biyya alaa jiran firootaafi hiriyoota biyyatti argamaniif waa'ee jireenya baqattuummaa keessa darbaa jiranii dhugaasaa waan itti hin himneef, lammiileen Itoophiyaa hedduun gara biyya biraa deemuun akka milkaa'ina olaanaatti akka yaadan akka isaan saaxile dubbatu.

Keessattuu bulchiinsa Tiraamp amma aangoorra jiru baqattoonni jireenya tasgabbaa'aa akka hin jiraannee taasisaa fi kanneen kaardii magariisa qabataniifi lammii ta'uuf eeggataa turan 'attamiin kaardii magarisa akka argattan mirkanneessuu barbaadna, rakkoo tiraafikaa xixiqoodhaan biyyaa hanga baasuutti akka gahame argaa jirra'' jedhan.

Baqattoonni kolugaltommaa gaafachuun hayyama jireenyaa argatan 'attamiifi bara eenyuutti akka argattan ni qulleesina'' jechuun yeroo itti dorsiisan waan ta'ef kan baqattummaa gara Ameerikaa taasifamu kan itti gorfamu miti jedhan.

Namoonni tokko tokko yeroo gorsa akkanaa kennaa jiraniitti 'ati maaliif asi jiraachu filatte?' gaaffii jedhu akka kaasan kan dubbatan Dr Tsahayan, ''haalli nuti gara baqattummaatti itti baaneefi kan amma jiru adda addaadha'' jedhu.

Dur mootummoonni lixaa baqattoota Afriikaarraa fudhachuuf ifatti yeroon itti dubbataa turan jiraachuu kaasuun, amma garuu haala hunda jechisiisuun haala karrsaanii baqattootaatti cufataniitu jira jedhu. Kanaafuu namoonni baqachuuf yeroo yaadaniitti irra dedebiin itti yaadun barbaachisaadha jedhuun akeekkachiisan.

Dhaabbanni Dr Tshayan dursan kun baqattoota deeggaru bira darbuudhaan Itoophiyaatti dame bartnootaatiin deeggarsa kan taasisuu yoo ta'u, naannoolee Somaaleefi Gaambeelaatiin alaatti, guutuu biyyattiitti kitaaboota miiliyoona tokkoofi kuma 500 ta'u akka gargaaran dubbatu.

Kana malees, bakka dhalatoosaa saanii kana sumunii itti kanfalchiisaa barreessaa turan, Dimbaazaatti barnoota isaan duri dhiheenyatti hin argatiin amma dhalootaaf mana barumsaa ijaarchisaa jiru.

Magaalaa Aksuumiitti ammo mana kitaabaa sadarkaasaa eeggate hijjachisuun tajaajilaaf banusaaniis BBCtti himaniiru.