Sa'udiin lammiilee Itoophiyaa fi kaan du'aan adabuu Aminastiin balaaleeffate

Sa'udiin adabbii du'aa raawwachuun beekamti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen murtiin du'aa irratti darbe keessa lammiileen Itoophiyaas jiru

Sababa himannaa yakkaa qoricha sammuu hadoochaniin walqabatee Sa'ud Arabiyaan waggoota dhihoo asitti adabbii du'aa jabeessaa dhufuu ibsuun dhaabbati mirga namoomaa balaaleeffate.

Aminastii Intarnaashinaal gabaasa haaraa baaseen, waggoota kudhan darban biyyattiin lammiilee Itoophiyaa dabalatee lammiilee alaa 1,816 du'aan adabdeetti jedhe.

BBC'n kana dura maatii namoota duuti itti murtaa'e dubbisee, yaaddoo guddaa keessa akka jiraniifi birmannaa gaafatanii turan.

Gabaasni bahe namoota du'an keessaa tokko sadaffaa kan ta'an himata qoricha hadoochu qabatanii argamuun jedheera.

Kanneen keessaammoo 7% lammiilee alaati jedheera dhaabbatichi.

Sa'udiin bara 2024 murtee du'aan namoota 245, bara 2025 keessammoo namoota 180 du'aan adabuu beeksise.

Baatiidhuma Waxabajjii keessammoo namoota 46 du'aan adabdeetti, kanneen keessaa 37 qoricha sammuu hadoochuu daldaluun himatamaniiti.

Kanneen keessaa 34 lammiilee alaadha Itoophiyaa, Masrii, Yordaanos, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Somaaliyaafi Sooriyaa irra babbahan akka ta'e gartuun kuni kan ibse.

Waggoota kudhan darbanimmoo lammiilee Itoophiyaa 13 dabalatee Paakistaan, Sooriyaa, Yordaanos, Yaman, Masrii, Naayijeeriyaafi Somaaliyaarraa duuti itti murtaa'uu hime.

Dhaabbati mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal qorannoo taasise jedheen lammiileen alaa duuni itti murtaa'e bakka bu'ummaa seeraa hin qaban jedhe.

Walumaagala waa'ee lammiilee alaa 25 adabbii du'aan adabaman qorateera.

Kana jechuun qoricha nama adoochuun walqabatee guyyaatti giddugaleessaan nama tokko ol du'aan kan adabamu akka ta'e Aminastiin gabaasa isaa keessatti ibseera.

'Sa'udiin lubbuu namaaf tuffii qabdi'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aminastii Intarnaashinaalitti Daarektara Giddugala Bahaafi Afrikaa Kaabaa kan ta'an Kiriistiin Beekaril murtee Sa'udii balaaleeffataniiru.

''Sa'udiin adeemsa seeraa haqa hin hordofne booda gara jabinaan murtee du'aa fayyadamuun ishii lubbuu namaaf tuffii qabdu kan agarsiisu qofa hin taane, yakkoota qoricha nama hadoochu waliin hojiirra ooluun isaa sadarkaa olaanaan seera idil-addunyaa cabsuudha,'' jedhaniiru.

Dabaluunis, ''gabaasni kuni sadarkaa idil-addunyaatti waan fakkaatanii mul'achuu fedhan duuba dukkanaafi dhugaa haala hamaa jiru saaxileera,'' jedhaniiru.

Sa'udii Arabiyaan kilaboota beekamoo bituufi taphattoota bebbeekamoo gara liigii isheetti affeeruun maqaa gaarii tolfataa jirti jechuun qeeqamti.

Aminastii Intarnaashinaal waggoota soddoma murtii du'aa Sa'udii galmeessuu erga eegalee murtiin du'aa bara 2024 keessa namoota 345 irratti raawwate isa olaanaadha jedheera.

Kanneen keessaa 35% yookiin namoonni 122 kan ajjeefaman yakka qoricha nama hadoochuun walqabatee yeroo ta'u kunis bara 1990 Aminastiin murtii du'aa galmeessuu erga eegalee lakkoofsa olaanaa waggaa tokko keessatti mul'atedha.

Biyyoota murtii du'aa raawwatan keessa garri caalu biyyoota Giddugala Bahaati
Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota murtii du'aa raawwatan keessa garri caalu biyyoota Giddugala Bahaati

Sa'udii Arabiyaan qoricha nama hadoochuun walqabatee namoonni himatni irratti baname du'aan adabuu bara 2020 dhorkitee turte.

Waggoota lama duras Ilmi Mootii Mohaammad Biin Saalmaan murtiin du'aa nama du'a raawwate qofarratti akka murtaa'u labsanii turan.

Haa ta'u malee, waggaadhuma sana keessa sababa homaatuu osoo ifa hin godhiin Sa'udiin qoricha nama hadoochu waliin wal qabatee murtii du'aa hojiirra oolchuu eegalte.

Sa'udiin Iraan, Kuweet, fi UAE dabalatee himannaa yakka qoricha nama hadoochu waliin walqabatee biyyoota murtii du'aa raawwatan keessaa tokkodha.

Gaaffii haqaa

Aminastiin lammiilee alaa murtiin du'aa irratti darbe qorateera.

Miseensi maatii nama duuti irratti murtaa'eefi Aminastiin dubbise komii dhiheessaniiru.

''Waraqaa mana murtii qabachuu isaanii hin beeku. Biyya keessa namni dhimmicha hordofu waan hin jirreef, bakka bu'aa seeraa waan hin qabneef, sanada seeraa homaayyuu argachuu hin dandeenyu.

''Rakkoon afaaniis jira. Obboleessikoo Itoophiyaa gadhiisee torban isaatti ture daangaa Yaman yeroo qaxxaamuru kan to'atame.

''Sa'udii Arabiyaatti maal akka isa quunnamu wanti inni beeku homtuu hin jiru,'' jechuun dubbataniiru.

Gabaasni Aminastii kanneen murtiin du'aa irratti murtaa'e murtii haqaa argachuuf danqaa isaan qunnamu qorateera.

Kanneen keessaa abukaatoo argachuu dhabuu, deeggarsa Qontsilaa gahaa hin taane fi namni afaan isaaniif hiiku jiraachuu dhabuun ni eeramu.

Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gara biyyoota Giddugala Bahaatti godaanu, garuu du'aafi dararaaf saaxilamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Itoophiyaa jireenya wayyoo qabu barbaacha gara biyyoota Giddugala Bahaatti godaanu, garuu du'aafi dararaaf saaxilamu

Namoota himataman keessaa yoo xiqqaate afur ''jecha amantaa'' isaanii fudhachuuf abbaa seeraa dura dhihaachuu isaanii dura dararaan akka irratti raawwatame gabaasaniiru.

Abbaa ijoollee saddeeti kan ta'an Huseen Abuu Al Keer, ganna 57, dhaddacha dura ''jecha amantaa'' kennan qorannoorratti reebichi akka irratti raawwatame ibsuun waakkataniiru.

Abbaan seeraa garuu dhaddacha dura waa'ee isaanii dubbatan akka ragaatti fayyadamanii balleessaa raawwateera jedhanii irra muran.

Aminastii Intarnaashinaal namoota murtiin du'aa irratti darbeefi maatii isaanii irratti miidhaan xiinsammuu gahe olaanaadha jechuun ibseera.

Baay'een isaanii gaaffiin ol iyyannoo yookiin murtiin du'aa yoom akka raawwatu hin beekani.