Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tujaarri adunyaa Biil Geet waa'ee Itoophiyaa maal jedhe?
Tujaarri adunyaa keenyaa Biil Geet tibbana gara Itoophiyaa fi Naayijeeriyaatti imaluun guyyoota shaniif daawwannaa taasisaniiru.
Dhaabbanni isaanii Geetsi Faawondeeshin waggoota 15 oliif hojiiwwan misoomaa Itoophiyaa keessaaf deeggarsa kennaa tureera.
Dhaabbanni Biil fi Meeliindaa Geetis waggoota 15 oliif deeggarsa kennaa ture kana maal akka fakkaatu yeroon qe'eetti deebi'u hiriyyoonnikoo na gaafatu jedhan Obbo Biil Geet.
''Waanan isaaniitti himu kunooti'' jechuun yaadannoo isaanii Gates Note irratti barreessan.
Erga bara 2000 hanga 2019 Itoophiyaa fi Naayijeeriyaan damee fayyaafi hiyyummaa biyyoota Sahaaraa gadii rakkisaa ture irratti hojii baay'ee fooyyee qabu hojjetaniiru.
Ergasii garuu weerara Koovid, haala qilleensaa hamaa, siyaasaafi daddaaqamni dinagdee akkuma biyyoota Afrikaa kaanii biyyoota lameenis boodatti harkiseera.
''Daawwannaakoo ammaa kanaan ammoo hojiiwwan gaggaarii fuulduratti Afrikaaf abdii namaaf kennan hojjetamaa jirana arge,'' jedhan.
Biil Geet MM Abiy Ahimed dabalatee, namoota isaan waliin tahuun daawwannaa irra turanis galateeffataniiru.
''Dilbata gaafa Hagayya 31 Finfinnee galeen boromtaasaa ganamaan kaanee deemsa sa'a lamaa konkolaataan MM Abiy waliin naannoo Oromiyaa keessaa bakka qamadiin kilaasteraan oomishamu deemnee daawwanne'' jedha waa'ee imalasaanii yoo ibsan.
Imalasaanii irrattis waa'ee dinagdee fi tajaajila fayyaa dabalee, dhimmoota adda addaa kaasnee MM Abiy waliin dubbataa turuu kaasan.
Itti dabalunis ''addatti garuu hojii qonnaan Itoophiyaan hangam akka milkaa'aa jirtu haasofne. MM Abiy ofitti boonuun waa'ee bu'aa galmeessisanii dubbataa ture,'' jedhan sooreessi kun.
Itoophiyaan kana booda qamadii biyya alaa irraa galchuu dhaabdeetti. Kan isaan gahu biyyuma keessatti oomishaa jiru jechuun barreesse Biil Geet.
''Qamadiin na daawwachiisan sun hedduu namatti tola. Waggaa sadii dura lafichi hin qotamne ture. Qonnaan bultoonni 2400 tahan lafa hektaara 40000 ol tahu irratti teeknoloojii adda addaa fayyadamuun oomishaa jiru.''
Sanyii qamadii dhukkuba, haala qilleensaa hamaa dandamatan fayyadamuun oomishaa jiru. Tooftaa dhukkuba qamadii dursee adda baasuufi ittisuuf gargaarus hojiirra oolchaniiru jechuun Biil Geet yaadannoo isaa irratti kan barreessan.
Amma qonnaan bulaan tokko hektaara tokko irraa isa waggaa 15 dura argaturraa %70 oomisha caalmaa qabu galfata jedhan. Yeroo gara Finfinneetti deebinu bakka lukkuu itti horiisan tokko na geessan.
Kun ammoo mootummaa naannoo Oromiyaan kan deeggaramu yoo tahu dargaggootaaf carraa hojii banuuf jedhaniiti.
Bakka waca qabudha. Handaaqqoo 20,000 tahantu bakkicha jira. Qonnaan bultootaa fi dargaggoota bakka guddaa gahuuf abjuu qaban achitti arguukotti gammadeera.
Biil Geet daawwannaa Itoophiyaa xumuruun gara Naayijeeriyaas deemeera. Dhaabbanni isaanii qonnaa fi fayyaa irratti Itoophiyaatti deeggarsa guddaa gochaa jira.