Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UN Iraanirra qoqqobbii kaa'e, biyyoonni Awurooppaas akeekkachiisan
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) qoqqobbii waggaa 10 dura Iraanirraa kaasee ture deebisee irra kaa'e.
Qoqqobbiin UN deebisee Iraanirra kaa'e kun diinagdeefi waraana biyyattii irraatti kan fuulleffateedha.
Biyyooni Awurooppaa sadi: UK, Faransaayifi Jarman ji'ootaf Iraan akeekkachiisaa erga turanii booda, sagantaa gabbisa nikularaasheerratti waliigalteerra gahuu hin barbaanne jechuun qoqqobbiin UN akka irra kaa'amu taasisan.
Israa'eliifi US Waxabajjii darbe buufataalee nikularaa Iraan haleeluu hordofee Iraan buufataaleeshee ejansiin UN anniisaa nikulara to'atu miidhaa qaqqabe akka hin ilaallef dhorkite.
Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan biyyisaanii meeshaa waraanaa nikularaa omishuuf tasumaa fedhii akka hin qabne dubbatanii ture.
Qoqqobbiin UN irra deebiin Iraanirra kaa'e kana pirezidaant Masuud balaaleffachuun seeran ala ta'uu himan.
Bara 2015 biyyooni Lixaafi biyyooni akka Raashiyaafi Chaayinaafi fa'aa sagantaa gabbisa nikularaa irratti Iraan waliin waliigaltee irra gahanii turan.
Kunis Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, Iraan gabbisa nikularaashee akka xiqqeessituufi to'annaaf banaa taasistu kan dirqisiisu yoo ta'u, bakkasaa ammoo qoqqobbiin akka irraa ka'u waliigalamee ture.
Iraan bu'uuraalee nikularaashee anniisaaf akka itti fayyamtuufi gabbisa yuraaniyaamii akka xiqqeessitu kan irratti waliigalame ta'us, Iraan waliigalticha kabajaa hin jirtu jechuun US waliigalticha keessaa bahuu hordofee Iraan gabbisa nikularaa cimsitee itti fufte.
Ji'a Waxabajjii keessa Israa'elifi US buufataalee nikularaa Iraan haleeluunsaanii gabbisa nikularaa hanqisuufi Baha Giddu Galeessatti humnoota hidhatan garaa garaa deeggaruusheef adabuf akka ta'etu himama.
Tiraamp haleellaan buufataalee nikularaa Iraanirratti gaggeeffamee miidhaa guddaa akka geessise dubbatus, sagantaan gabbisa nikularaa Iraan baay'edhuma haleellichaan duubatti akka hin deebine yaaddoo qaban himu.
Biyyoonni Awurooppaa qaama Waliigaltee Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) ta'an ammayyuu balballi marii dippilomaasii cufaa akka hin taane ibsu. Kanaafis Iraan gara mariitti akka deebitu akeekkachiisaa jiru.
UK, Faransaayifi Jarman ibsa waloon baasaniin: "Iraan gochaa dubbii hammeessurraa of qusachuu qabdi. Qoqqobbiin UN irra deebiin kaa'amuu jechuun dhuma dippilomaasii miti," jedhan.
Yaa'ii Waliigalaa UN torbee kan Niwu Yoorkitti gaggeeffamaa ture cinaatti UK, Faransaayifi Jarman Iraan waliin marii gaggeessanis waliigalteerra gahuu hin dandeenye.
Ministiironni dhimma alaa biyyoota sadanii ibsa kennaniin, Iraan irra deddeebin waan irratti waliigaltee turte cabsuusheen qoqqobbiin akka irra kaa'amu gochuun alatti filannoon biraa akka hin jirre ibsan.
"Iraan yaaddoo nuti qabnu irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu hin dandeenye," qoqqobbiin UN irra deebin akka irra kaa'amu gochuusaanii ibsan biyyoonni kunneen.
Keessumaa Tehraaan Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) waliin hojjachuuf diduunshee sababa ijoo qoqqobbichaa ta'uus eeran.