'Sababa kaansariitiin harmikoo bitaa gara mirgaatti darbe', akkamiin?

Nikoolaa Purdii bara 2024 daa'ima akkaan eegaa turte ulfooftee ji'a shanaffaarratti harma ishee mirgaa keessatti waan akka dhagaa wayii argite.

Wanti kun nama hundatti abjuu ta'e. Isheef garuu waan haaraa hin turre. Kanaan duras argitee beekti jechuudha.

Duraan wal'aansi baqaqsanii yaaluu harma isheerratti raawwatameera. Bara 2020 erga kaansarii harmaa qabaachuunshee baramee booda wal'aansi harmaa fi harma ishee bakka buusuuf yaaliin taasifamaafii ture.

Garuu yaadi bu'uuraa isheen dhiheessite wal'aansa baqaqsanii yaaluu akka addunyaatti isa jalqabaati jedhamee amanamuuf sababa ta'eera.

Harma kaansariin faalame baasuun harma yaalamee fayyaa qabu bakka buusuun akka danda'amu yaada kennite.

Fulbaana 2020 Nikoolaa Purdii daa'imashee jalqabaa harma hoosistee gara mana barumsaatti deebite. Magaalaa Swansea jedhamtu keessatti barsiistuu gosa barnootaa ji'oogiraafiiti.

Akkuma mana barumsaa seenteen harmashee keessatti waanti akka dhagaa jajjabaatu jiraachuu argite.

Onkoloolessa keessa wanti kun kaansarii ta'uun barame. Isa booda Hospitaala Singleton jedhamutti wal'aansa dhibee kaansarii eegalte.

Itti aansuun wal'aansi harma baqaqsanii yaaluu yeroo lama taasifameef.

Dubartiin umrii waggaa 38 kun ''an harmi koo tokko kaansariidhaan qabamullee adaadaan koo fi akkoon koo kaansarii harmaa dhukkubsatanii turan. An isaaniin yoo of dorgomsiisu umriin kiyya xiqqaadha. Kanaaf mee waan hunda ofirraa dhiisee, waan gochuu dandeenyu hunda haa goonun jedhe,'' jette.

Mala DIEP (deep inferior epigastric perforator) jedhamuun harmi ishee gogaa fi tishuuwwan garaa isheerraa murameen suphameef.

''Wayita kaansarii qabaachuun kiyya baramu daa'ima kan biraa godhachuu feenee turre. Sana dhiisnee waggaa lamaa fi walakkaa eegne,'' jette Nicola Purdie.

Doktaroonni wal'aansa kaansari hundinuu dhibeen kaansarii ishee yaaddoo babal'achuu akka hin qabne itti himuu dubbatte.

Garuu sanaan booda wanti akka dhagaa jajjabaatu kan duraan harma ishee keessatti argite sun lama ta'e.

''Yeroo kana wanti kun gogaa harmaa irratti mul'ate. Sababni isaa wal'aansa baqaqsanii yaaluu erga harmi kiyya ba'ee booda amma kan hafee jiru gogaa qofa. Kun seelonni kaansarii ammallee hafanii jiraachuu mul'isa,'' jette.

"Akkuman waan akka dhagaa jajjabaatu argeen naaf gale, ammas kaansarii ta'uun hubadhe.''

Yeroo kanatti dubartiin kun maatii fi hiriyoota ishee dhiyoo irraan kan hafe nama biraatti waa'ee kaansarii hin himne.

Gama tokkoon intallishee akka waan kana dhageessu hin feetu, ammoo sababa biraallee qabdi.

''Daa'ima garaa jiruuf eegumsa gochuun qaba. Gara addunyaa kanaatti akka dhufun fedha. Hunda keessatti waa'eesaan yaada,'' jette.

Hanga daa'imi garaa jiru dhalatutti waa'ee dhibee kanaa fi oduu biraa irratti xiyyeeffachuu hin feetu turte.

Garaatti waan baattuuf wal'aansa hordofuu hin dandeessu ykn kaansariin babal'ataa jiraachuu fi dhiisuu adda baasuuf raajiidhaan ilaalamuu hin dandeessu.

Karoorri ishee daa'ima garaa ishee jiru torban 32tti dahuu ture, kunis dhuma Hagayyaatti.

Garuu osooma wal'aansa fayyaa akkaan barbaadduu xiyyeeffannaan ishee egeree daa'imasheerratti ture.

Daa'imni isaan dhuma Hagayyaatti eegan Fulbaana keessa dhalate. Torban 32 fi guyyaa ja'atti Fraser dhalate.

Daa'imi kun erga dhalatee booda bakka daa'imman hanga bayyanatanitti keessa tursiifaman keessa torban sadiif ture.

Haati isaa, Nicola Purdie, deessee torban lama booda wal'aanamuu itti fufte.

Bakka wal'aansi addaa itti kennamu keessaa kaatee yaala kaansarii erga argattee booda achitti [bakka daa'imni ishee jirutti] deebi'aa turte.

Yaalii wal'aansa kaansarii kana hanga jalqaba Guraandhalaatti yeroo 16 fudhatteetti.

Jalqaba ogeeyyiin fayyaa wal'aansa dhibee kaansarii Nikoolaa Purdii wal'aansa baqaqsanii yaaluu akkamii argachuu akka qabdu hin mirkaneeffanne turan.

Sababni isaa dubartiin kun harma ishee mirgaa irraa bakka hedduutti kaansariin mul'ateera waan ta'eef.

Filannoon turee fi ta'uu danda'a jedhamee abdatame irraa muruu ture.

Ammoo harma bitaa gara mirgaatti dabarsuun salphaa hin turre. Gogaa hedduutu kutamee ba'uu qaba waan ta'eef.

Nikoolaa Purdii wayita ogeeyyiin fayyaa fala dhabanii akkasumas yaadda'anii jiranitti yaada haaraan as baate.

Guyyaa tokko kutaa gorsaa keessatti osoo ogeessi fayyaa Reeezaa Ariyaa ishee gorsuu waa'een harma buqqisanii dabarsuu ka'e. Kan kaaste Nikoolaadha.

Haala kanaan harma mirgaa fayya qabeessa fi harma bitaa nam-tolchee qabaachuu akka dandeessu yaada dhiheessite.

Wayita isheen yaada kana dhiheessitu Reezaa Ariyaa waan deebisu dhabe, callisaan guutame.

''Adeemsa akkasii dhagahee hin beeku. Yeroo dubbatamus, maxxanfamees takkaa dhagahee hin beeku,'' jedhe.

Waahillan isaa guutummaa UK keessa jiran waliin bal'inaan yaada kanarratti erga mari'atanii booda, yaada addaa Nikoolaa Purdii dhiheessite kana hojiitti hiikuu hime.

''Harma guutummaatti murree dabarsaa jirra. Bakka buqqisneerraa gogaa hedduutu ka'e. Kanaafuu bakka sana cufuuf gogaa baayyee guddaa ta'e nu gaafata. Kana kuta qaamaa bakka biraa irraa kutuu qabna.''

Nikoolaa wayita wal'aansa baqaqsanii yaaluu kana eegaltu duubi isaa waan addaa akka ta'u abdattee turte- harma bitaa gara mirgaatti dabarsuu.

Bu'aansaa waan fedhe yoo ta'e gammachuudhaan akka simattu Reza Aryaf waadaa seente. Ija jabinni fi kutannoonshee kun bu'aa gaarii argamsiiseef.

''Wal'aansa akkanaa akka addunyaatti kan jalqabaa kan isa taasisu tishuun bakka tokkoo iddoowwan garaagaraa lamatti dabarfamuudha,'' jette.

Nikoolaa Purdii namoota haala walfakkaataa kana keessa darbaniif fakkeenya cimtuudha. Kana hunda keessa dabartee akkamiin nagaa taatee jiraatti?

''Osoon waa'ee dhibee kanaa dhiphadhee abdii kutadhee yoona jireenya biraa keessan jira, yoo hunda dandeessee abdiidhaan egeree gaarii yaadde garuu hundayyuu ni injifatta,'' jette.

''Taa'ee wayitan yaadu, 'jireenyumatu kana qaba. Kan kana caalus mudachuu danda'a' jedheen yaada,'' jetti.

Nikoolaa Purdii ''daa'imman lameen ammoo yaada koo fudhatan, abdiidha mitiiree? Yoo daa'imman xixiqqoo qabaachuu kee hubatti fuulduratti abdii akka qabdu yaadda,'' jechuun daa'immanshee ilaaluun akka mudhee hidhattee yoona geesse ibsiti.