Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mala haaraa kaansariin harmaa dafee ittiin baramu
Saayintistiin lammii Tarkii qabduu harmaa haaraa kalaqan. Qabduu harmaa kunis keessattuu dubartoota kaansarii harmaatiif saaxilamoo ta’aniif kan mijatuudha jedhameera.
Qabduun harmaa kunis qabduu harmaa idilee irraan kaawwatamu danda’a. Dubartiin tokkoos bakka barbaaddu teessee qabduu kanaan qorannoon harmaa guutuun xumuramu danda'u ta'ee, boca 'kubbaayyaa' kan qabuudha.
Qabduu harmaa hammayyaa kana kan uuman saayintistoota Tarkii kan dursan ammoo Dr. Kaanaan Daagdaavaayiran, yoo ta'u, qorannicha kan gaggeessan Ameerikaa Institiyuutii Teeknolojii Maasaachusetis (MIT) keessatti ta’uu dubbattu.
Dr Kaanaan qabduu harmaa hammayyaa kana kan kalaqan yaaddannoo adaadaa isaanii kaansarii harmaan duutef akka ta’uuf jedhanii ta’u dubbatu.
Qabduun harmaa kunis qorannoo kaansarii harmaa (mammogram) baatii jahaa fi waggaatti al tokko taasifamu jidduutti balaan hin yaadamne yoo jiraate saffiisaafi yeroon adda baasuuf ni fayyada.
Kaansariin harmaa, gosa kaansarii baayyinaan dubartoota ajjeessuu keessaa sadarkaa lammaffaarratti argama.
Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa bara 2020tti addunyaarratti dubartoonni miiliyoona 2.3 kaansarii harmaatiin qabamanii, kanneen kuma 685 ta’an du’usaanii dubbata.
Kaansariin harmaa sadarkaa jalqabaarratti osoo hin turree yoo bira gahame ykn yeroon yoo argame carraan irraa fayyuu %99 akka ta’e Waldaan Kaansarii Ameerikaa ni ibsa. Turee yoo barame garuu carraan irraa fayyuu %22 qofaadha.
Qabduun harmaa haaraan kun attamiin hojjata?
Institiyuutii Teknolojii Maasaachusetis keessa kan hojjatan qorattuufi injinarri Dr Kaanaan qabduun harmaa altiraasaawundii kana hojjachuuf yaadni kan dhufeef yeroo adaadaa isaanii kaansarii harmatiin qabamanii turan wayita dhukusachiisaa turaniidha.
Adaadaan isaanii yeroo garaagaraatti qorannoo gaggeessaa kan turan yoo ta’u, kaansariin harmaa isaan qabes isa cimaadha jedhame ture. Kanaanis kaansarichi isaan qabee baatii jaha keessatti lubbuunsaanii darbe.
Qabduun harmaa amma kalaqame kunis kan namatti maxxanuudha. Lammaffaa fayyadamuus ni danda’ama.
Qabduu harmaatti salphumatti maxxana. Kana gochuufisa oggeessa hin barbaadu.
Qabduu kanas kaameeraawwan kan itti tolfame waan ta’eef, kaameerrawwanis kallattii hundaan harmarra yoo dhiituun ykn wanti mul’atu jiraate salphaatti arguuf nama dandeessisa.
Akkuma barame altiraasaawundiin ilaalamuu dibata (jell) barbaachisa ture. Qorannoo haaraan kun garuu qabduu harmaa irratti dabalamee kan harma keessa jiru arguu danda’a.
Maamograam maaliidha?
Kaansarii harmaa qorachuuf malli barame maamograamiidha. Mala kanaanis harma raajii (X-ray) kaafama. Kana jechuunis carallaan gara qaamaa keessa seenuun fakkii kaasa jechuuha. Kuni skan ta’u fakkii sirii harma keessaa argachuufiidha.
Yeroo qorannoo maamograamiitti oggeeessi raajii harma lamaanii dabareedhaan saayinoota maashinii irra gochuun qorannoo gaggeessa.
Saayinnoo sunis harma wallakkaa keessa galchuun gadi qabu. Kunis daqiiqaawwan muraasa qofaadhaaf. Dubartiin qorannicharra jirtus mira dhiibbaa (pressure) muraasni itti dhagahu danda’a.
Dubartoota tokko tokkorratti adeemsi kun dhukkubbii uumuu danda’a. Gaarummaansaa qorannoonsaa daqiiqaa muraasa keessatti xumurama.
Baasii maamoograamii dhaabbileen inshuraanii fayyaa kennan biyyoota hedduu keessatti hin haguugan. Gatiinsaas qaaliidha.
Tibba maamoograamiitti maaliif dhukkubbiin dubartootatti dhagahama?
‘‘Harmi dubartoota hundi tokko miti. Tokkoon tokkoo harmaa hammi qabiyyee tishuun gilaanduulaar (glandular tissue) fi hangi tishuun coomaa garaagarummaa qaba. Kanaan kan ka’e dubartoonni garaa garaa miirri meemograamiif itti dhagahamu adda adda’’ jedhu.
Dubartoonni tishuun gilaandular (glandular tissue) isaanii baayyatu kanneen tishuum coomaa itti baayyatu caalaa dhukkubbiin itti dhagahama.
Tibba qorannoo maamoograamiitti dhukkubbii hir'isuudhaaf dubartoonni yeroo laguusaanitiin torban tokkoon ykn yeroo laguutti qorannicha gaggeessuu danda’u. Qorannichaan dura paaraasitaamolii fudhachuun dhukkuubbii ni hir’isa.
Qabduu haaraa alatiraasaawundii kun caalaa eenyuuf ta’a?
Qorannoowwan akka mul’isaniitti, dhiitoon kaansarii qorannoo meemograamii idileetti kan itti dhagahamu caalaa hanga parsanataa 20-30 ni ta’a. Qarattoonni mala qorannoo kana qalaqan ammoo, dhiitoo tibba qorannoo maamoograamiitti dhokatan haala qabduun harmaa kun salphaatti argata jedhu.
Keessattuu dubartoonni saaxilamummaa irratti argaman qabduu harmaa kana akka fayyadaman gorfamu.
Qabduun harmaa haaraan kun enyuuf hojjatame?
Saayintistoonni AIT meeshaa kana hojjachuuf waggaa jahaaf wallakkaa itti fufhateera. Ameerikaatti abbeentaan kalaqa kanaa kan argatan yoo ta’u, yaaliin namootarratti gageeffamus cimee itti fufeera.
Gatiin qabduu harmaa tokko hanga doolaara kuma tokkoo baasa. Haata’u malee ammoo wayita qabduun harmaa kun bal’inaan oomishamuutti hir’ataa deema jedhame.
Qabduun kunis gabaarratti dhiyaachuuf hanga waggaa shanii itti fudhachuu danda’a.