Yamanitti qondaaloti Huutii bataskaana Ortodoksiifi Waldaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa cufan

Madda suuraa, Abreham
Yaman Sana'aatti manneen amantii Ortodoksiifi Warra Wangeelaa Itoophiyaa waggaa digdamaa ol tajaajilaa turan qondaalota Huutiin erga cufamanii ji'a tokko akka guute hordoftoonni amantichaa dubbatan.
Bataskaana Quddus Goorgis, Yamani Sana'aatti tajaajilaa akka turan kan himan Obbo Abirahaam Baqqala manni amantii itti waaqeffataniifi ijoollee isaanii Amaariffaa barsiisan qoondaalota Huutiin yeroo ayyaana Qillee cufamuu himan.
Magaalaa guddoo Yaman Sana'aa waggaa 23 oliif kan jiraatan Obboo Abirahaam bataskaanni cufamuun dura saamamuu himanii, bataskaanni Quddus Goorgis waggaa 25 ture yeroo ayyaana Qillee cufamuu ibsan.
Sana'aa keessa dubartiin waggaa digdama jiraachuu himteefi amantii pirootestaantii hordoftu, waldaan warra wangelaa waggaa 25 dura lammii Hindii Viktoor jedhamuun hundaa'e, kan lammiileen Itoophiyaa itti waaqeffatan qondaalota Huutiin cufamuufi hundeessaan waldichaas to'anno jala ooluu himte.
Humnooti Huutii bataskaana Ortodoksiin dura waldaa warra Wangeelaa Paastar Viiktoor hogganu akka cufan kan himtu dubartiin kuni Macaafa Qulqulluufi meeshaalee garaagaraa fudhachuu isaanis himteetti.
Obbo Abrahaam Baqqala gama isaaniin torbee sadiin dura qondaaloti Huutii gara bataskaanitti dhufanii ''maallaqaafi qabeenya saamani,'' jechuun ibsan.
Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa jalatti kan bulu bataskaanni Quddus Goorgiis waggaa 25 dura miseensota humna galaanaa Itoophiyaan hundaa'u himan Obbo Abrahaam.
Batasakaanichi duraan kaampii loltuu keessa akka ture kan himan Obbo Abrahaam, boodarra lammiilee Itoophiyaa Sana'aa argamaniif tajaajila kennuu jalqabeera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bataskaanni Quddus Goorgiis Sana'aa jiru hordoftoota amantichaaf tajaajila garagaraaa kennaa akka ture himuun ''ijoolleen Musliimaa lammiilee Itoophiyaallee achi dhufanii Amaarinyaa baratu,'' jedhaniiru.
Mooraan batasakaanni Ortodoksii keessatti argamu ji'attii doolaarri 2000 kan itti kaffalamu tahuu kan himan Obbo Abrahaam alaabaan Itoophiyaa fannifamee akka mirmirfamus himan.
Kanaan dura tajaajiltoonni bataskaanatti Itoophiyaa irraa deemanii akka tajaajilan himuun amma garuu yeroo ayyaanaa qofa bilbilaan qofa Finfinneerraa eebba abbootii akka fudhatan himan.
Manneen amantii kunneen kanaan dura beekamtii mootummaa Yamaniin kan hundaa'an yoo tahu keesumaa batasakaanni Quddus Goorgis hamma ayyaana Qilleetti tajaajila kennaa ture.
Yeroo ammaa kana garuu waraqaan saamsamuu agarsiisu balbala irratti maxxanfameera jechuunis BBCtti himan.
Bataskaanni Qidduusa Goorgis kuni amantoota kuma shanii ol kan itti waaqeffataa turan tahuu himuun Obbo Abrahaam amma garuu barreefama ''asitti waaqessuun dhorkaa dha,'' jedhuun saamsamuu hubachiisaniiru.
Qondaalooti Huutii manneen amantii lammiileen Itoophiyaa itti waaqeffatan maaliif akka cufan hamma yoonaatti sababiin kennan hin jiru.
Lammiin Itoophiyaa waldaan Paastar Viktooriin hundeeffame qondaaloota Huutiin weeraramuun booda ofii nageenyasheefis sodaa akka qabdu himte.
''Aniyyuu sodadheen jira. Duraan mana paastarichi jiraatu keessan jiraadha ture. Uffata kuwaayeeriifi meeshaaleen charchii baayyeetu ana bira jiru,'' jette.
Waldaa Warra Wangeelaa waggaa 25 dura hundeeffamte jedhamte kana keessa lammiileen Itoophiyaa 400 tahan waaqessaa akka turan kan himtu dubartiin kuni, waldaaleen warra wangeelaa Itoophiyaa biroos yaaddoodhaan tajaajila kennuu dhaabuu isaanii himteetti.
Yaman naannoo Haasar jedhamutti amantoonni warra wangeelaa yeroo hunda gaafa Jimaataa akka waaqessan kan himte dubartiin kuni, waldaa Paastar Viktoor hogganu yeroo hunda sa'atii11 irraa qabee kadhannaafi waaqeffannaan akka geggeefamu ibsiteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Paastar Viiktor Yamanitti haadha warraa isaanii waliin kan jiraatan yoo tahu mana amantii isaan hogganan keessatti lammiileen Itoophiyaa qofti akka waaqessan kan himtu dubartiin kuni, miseensoti deeggarsa maallqaaa muraasa akka taasisanis himte.
Manneen amantii kunneen yeroo cufan qondaaloti Huutii sababa kennan akka hin qabne hordoftoonni amantichaa kunneen himaniiru.
Taabotni Quddus Goorgis yeroo Saa'udiin bara 2015 Huutii haleelte gara iddoo biraati geeffamuu Obbo Abrahaam himan.
Isaan ala ayyaanota amantichaa moora sana keessatti kabajaa akka turan himan.
Yeroo warri Huutii tarkaanfii kana fudhatan luba tajaajilaa turan waamanii manni amantichaa cufamuu itti himan jedhan Obbo Abrahaam.
Miseesnoti manneen amantii lamaanii kunneen yeroo ammaa kana lafa itti waaqessan akka hin qabneefi yaaddoo keessa akka jiran himaniiru.
BBC'n dhimma kanarratti qondaalota Huutii dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Yaman waraana waliinii keessa otoo hin galiin dura lammiileen Itoophiyaa baayyee hojii barbaacha biyya itti deeman yoo taatu, isaa booda ammoo gara Saa'udiifi biyyoota Arabaa biroo seenuuf akka karaa darbaa itti fayyadamu.
Bara darbe baqattoonni Itoophiyaa kuma kudhajahaa ol Yaman akka jiran UN ibseera.
Kanaan alas baqattoonni UN jalatti hin galmoofneefi lammiileen Itoophiyaa koolugaltummaa gaafatan baayyeen akka jiran amanama.












