UAE fi Sa'uudiin Yaman keessatti wal dhaban

Madda suuraa, EPA
Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) fi Sa'uudii Arabiyaan Yaman keessatti wal dhabuuf deemu.
Mootummaan Yamanii loltoonni UAE sa'atii 24 keessatti akka ba'an fedhii agarsiiseera, fedhii kanas Sa'uudiin tumsiteetti. Taatee kana booda UAEn loltootashee Yaman keessatti hafan akka baastu ibsite.
Murteen UAE kun erga Sa'uudiin iddoo gareen Kibba Yaman walaboomsuuf socho'u- Kaawunsilii Ce'umsaa Kibbaa (STC) jedhamu haleelteeti.
Sa'uudiin buufata handaara galaanaa kibba Yamanitti argamu Mukalla jedhamu irratti haleellaa raawwachuu isheef akka sababaatti kan dhiheessitu, buufati kun karaa meeshaaleen waraanaa garee adda baatotaa deeggarsa UAE qabaniif ittiin galan ta'uu ibsiti.
UAEn karaa buufata kanaa meeshaaleen waraanaa geejjibsiifamuu himannaa jedhu haaluun, haleellaa Sa'uudiitti akkaan gadduu ibsiteetti.
UAE fi Sa'uudiin waraana Yaman keessatti garee hidhattootaa deeggarsa Iraan qaban- Huutii irratti gaggeeffamu keessatti waltumsuun hidhattoota kunneen haleelaa turan.
Garuu garee isaan deeggaran gidduutti walqoodiinsa mudachuun biyyoota lameen walitti buuseera.
Sa'uudii Arabiyaan gamasheen UAEn gareen fedhii adda ba'uu qaban akka mootummaa deeggarsa Sa'uudii qabu irratti haleellaa raawwatan ''dhiibbaa uumteetti'' jechuun himatteetti.
''Gocha balaafamaa'' akkanaa dura dhaabbachuuf tarkaanfiitti seenuu akka dandeessu dhaadattetti Sa'uudiin.
Ministeerri Ittisaa UAE ibsa Kibxata, Mudde 30, 2025 baase keessatti ''loltoota farra shororkeessummaa ramadee ture Yaman keessaa akka baasu'' ibseera. Kunis erga humnoonni nageenyaa UAE turtiisaanii Yaman keessaa ''xumuranii'' waggaa ja'a booda.
Ministeerichi murtee isaa kana bal'inaan wayita ibsu ''taatee amma mudatee fi dhiibbaa inni nageenyummaa fi ergama farra shorokeessummaa irratti qabaachuu danda'u,'' ilaalcha keessa galchuun akka ta'e eere.
Sa'uudiinis gamasheen ibsa jechoota doorsisaa fi akeekkachiisaan guutaman baasteetti.
Ministeerri biyya alaa Sa'uudii ibsa Kibxata, Mudde 30, 2025 baaseen muddama gareen Kaawunsilii Ce'umsaa Kibbaa (STC), kan kibba Yaman adda baasuun walaboomsuuf socho'an, uuman tasgabbeessuuf hojjetaa jiraachuu eereera.
Humnoonni UAE gareen kun bulchiinsota baha Yaman kanneen akka Hadramat fi al-Mahra keessatti mootummaa Sa'uudiin deeggaramu irratti haleellaa akka raawwatan dhiibbaa gochuu himate ibsi Sa'uudii.
Tarkaanfiin kun nageenya Sa'uudii, Ribbaabilika Yamanii fi naannawa sanaaf yaaddoo guddaadha ta'uu ibse.
Sa'uudiin gocha balaafamaa mudataa jiru kana qolachuuf tarkaanfii fudhachuu akka dandeessus akeekkachiise.
Ministeerri dhimma alaa UAE garee adda baatotaa Sa'uudiin jettu kana mootummaa Yamanii irratti kakaasuu haaleera.
Tarkaanfii waraanaa mootummaa Sa'uudii Arabiyaaf yaaddoo ta'u kamiyyuu akka hin fudhannee fi akka hin deeggarres ibse.












