Waa'ee godaantota Itoophiyaa Sa'uudii fi Yaman gidduutti wal dararanii maal beekna?

Baqattoota Itoophiyaa Yamanitti hidhamanii turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Itoophiyaa Yamanitti hidhamanii turan

Baqattoonni Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman gara biyyoota Arabaa wayita imalan akkasumas erga ga'anii dhiittaan mirga namoomaa irratti raawwatama.

Dallaalonni maallaqa irraa fudhachuuf malli isaan itti fayyadaman dararaa raawwachuudha. Imala balaafamaadhaanis lubbuun godaantotaa galaanarratti akkasumas gammoojjii jireenyaaf hin mijanne keessatti darba.

Godaantonni hedduun erga biyya itti imalan ga'aniis karaa qaamolee nageenyaa, hojjechiistotaa fi dallaalotaan miidhaan irra ga'a.

Hidhaa, reebicha, gudeedamuu fi ajjeechaan irratti raawwatama.

Kun qama alaatiin rakkoo isaanirratti raawwatamuudha. Dhiheenya kana garuu rakkoon biraa [inumaa kan isa duraa caalu] dhalateera.

Rakkoo kana godaantotumti waliisaaniirratti kan raawwatan ta'uun ammoo hamaa taasisa.

Kanaan dura godaantonni waliin imalan haal-duree tokko malee walbira dhaabbachuun rakkoo walii qooddachuun waan baratameedha.

Amma garuu miidhaan isaan walirratti raawwatan kan arguu fi dhagahuuf nama suukanneessu ta'eera jedhu Yamanitti Dura taa'aa Waldaa Godaantota Oromoo kan ta'an Obbo Anas Mohammad.

Baqataan Itoophiyaa daangaa Yamanii fi Oomaan irra jiru ammoo gocha suukanneessaa godaantonni walirratti raawwachuu eegalan dheessuun karaa kana akka filate BBCtti hime.

Rakkoon kun yoom eegale?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Anas Yamanitti waggoota kurna sadi ta'aniif abukaatoo baqattootaa ta'uun bilisaan tajaajilaa turan, ammas tajaajilaa jiru.

''Rakkoon kun yeroo gara yerootti hammaataa dhufeera. Keessattuu sadarkaa gandummaa fi gosummaatti walqooduun wal dararuun kun erga waggaa lamaa as akkaan hammaateera,'' jedhan.

Toora waggaa lamaa dura ijoolleen kun nama qabanii maallaqaa Itoophiyaa miiliyoona, miiliyoona lama gaafachaa turan.

''Isaan shiftummaan gaarreen Sa'uudiitti galaniiru. Achirraa eegale rakkoon kun,'' jalqabbii rakkoo kanaa ibsan Obbo Anas.

Nutillee akka waldaatti jala buunee hordofuun namoota kunneen gabaasnee shiftummaan sun akka hafu taasifnee turre kan jedhan namni kun, ''isaanumatu amma haala kanaan deebi'an,'' jedhan.

''Warra dalagachuu hin barbaanne, gaaruma keessa ciisanii warra nama saamanii nyaachuu barani. Erga viidiyoodhaan ba'anii, namnis jajjabeessuu eegalee ammoo kutaa fi gandaan walqooduun wal miidhuutti seenan.''

Baqataan daangaa Oomaan irraa BBCtti dubbate daangaa Sa'uudii irratti godaantonni yakka suukanneessaa akkanaa walirratti raawwachuu kan eegalan waggaa lama hin caalu jedha.

''Godaantonni Itoophiyaa Galaana Diimaa ce'uun erga Yaman seenanii booda jalqaba harka dallaalotaa seenuun baayyee dararamu. Kan carroomee kana keessa darbe kaan gara Sa'uudii, kaan gara Oomaan imala. Wayita kanammoo yakka suukanneessaa walirratti raawwachuu eegalu, Yakki kun ammoo hamaadha,'' jedha.

Namoonni kunneen gara jabummaa akkanaa rakkoo dallaalotaa fi Arabootaan irra ga'erraa baratan kan jedhu baqataan kun, ''isaanis hojjetachuu dhiisanii gocha gara jabummaa godaantotarratti raawwachuun maallaqa argachuuf warra murteessaniidha,'' jedha.

''Namoonni kunneen warra mooraa dallaalaa keessatti nama cafaquun beekamaniidha. Warra dubartii gudeedaa ture. Warra safuu cabsedha. Biyyarraa eegalanii warra waan kana dalagaa turani. Dhandhamni namummaa warra keessaa dhume,'' jedhu Obbo Anas gamasaaniin.

Namoonni kunneen duraan muraasa turan kan jedhan Obbo Anas Mohammad, ''amma heddummaataniiru. Garee gareedhaan gurmaa'anii hanna cimsanii jiru,'' jechuun namoonni kunneen baayyachaa jiraachuu ibsan.

Bakki godaantonni itti wal dararan kun eessa?

Godaantonni Itoophiyaa hedduun Galaana Diimaa ce'uun erga Yaman seenanii booda gara biyyoota Arabaa- Sa'uudii Arabiyaa, Oomaan fi kaanitti imalu.

Baqataan Itoophiyaa yeroo ammaa daangaa Yaman fi Oomaan gidduu jiru rakkoon kun daangaa Sa'uudii fi Yaman irratti ta'uu fi bakka ofii jirutti rakkoon kun akka hin jirre ibse.

Godaantonni Itoophiyaa kanneen gara Sa'uudii fi Oomaan seenuun dalagatan akkuma jiran kanneen daangaarratti dalagachuun jiraatanis hedduudha.

Baqataan daangaa Yaman fi Oomaan irraa haala jiru BBCf ibse kun Sababa rakkoon kun daangaa Sa'uudii irratti hammaateef hiriyoonni isaa kallattii sanarra akka hin imalle isa gorsuu hime.

''Daangaa Oomaan irratti humnoota nageenyaa daangaa biyyattii eegantu godaantota dararu. Daangaa Sa'uudii irratti ammoo godaantota Itoophiyaatu wal dararu,'' jedha.

Baqataan Itoophiyaa kun ga'eessa abbaa daa'ima tokkooti. Daangaa Oomaan irratti dallaalotaa fi humnoota nageenyaa Oomaaniin daran miidhamuu hima. Garuu yakki suukanneessaan akka daangaa Sa'uudii hin jiru jedha.

''Karaa daangaa Oomaan humni eegumsaa jira. Daangaa Yaman fi Sa'uufii gidduu, bakka godaantonni itti wal dararan, garuu eegumsi hin jiru- kan Yamaniis, kan Sa'uudiis. Gaara keessa dhokatanii jiraatu. Biyyoonni lameenuu gamaa fi gamana taa'anii daangaasaanii eeggatu malee waan godaantonni gidduu kanatti raawwatanirratti hin xiyyeeffatan.''

Viidiyoowwan namoonni yakka akkanaa wayita raawwatan waraabuun gadhiisan gochoonni akkanaa magaalota keessatti osoo hin taane baadiyyaa lafa gammoojjii keessatti akka ta'an mul'isu.

''Warri seera-dhableen gocha kana gaara Sa'uudii keessatti raawwataa jiru. Dhiheenya kanammoo kara Somaaliyaattis gocha walfakkaataa dhagahaa turre, '' jedhu Obbo Anas.

Bakka biraa garuu namni kutaa fi gosaan osoo wal hin qoodin walqixxummaan jiraachaa jira jedhan.

''Kan gocha kana raawwatan godaantota daangaa sa'uudii Arabiyaa seenaniidha. Bakka biraatti dhagahamaa hin turre. Fakkeenyaaf Yaman keessatti magaalaattis, baadiyyaattis ijoolleen nagayaan dalagachaa jirti.''

Namoonni kunneen magaalaa keessa waan hin jirreef qaamni isaan to'atu hin jiru kan jedhan Obbo Anas Mohammad, ''mootummaan biyyattiis quba hin qabu. Kibbaa fi baha Sa'uudii keessa socho'anii waan kana dalagaa jirani,'' jedhu.

''Yoo irratti dalagan garuu seeraan to'achuun ni danda'ama. Miidiyaa hawaasummaa isaan viidiyoo irratti gadhiisan hordofuun to'achuun ni danda'ama. Ammaaf garuu namni walitti isaan qabee gaafatu hin jiru.''

Namoonni dararaa kana raawwatan eenyu? Maal barbaadu?

Godaantonni kan wal dararan daangaa Yaman fi Sa'uudii gidduutti ta'uu kan himu baqataan daangaa Oomaan irraa BBCtti dubbate ''sanuu gandaa fi gosaan walqoodanii yakka suukanneessaa walirratti raawwatu,'' jedha.

''Kana kan raawwatan 'kashlabboota'. Isaan hin qabamanillee. Warri miskiinonni ammoo... kan argate daangaa ce'a, kaan ammoo qabamee gara biyyaa darbama,'' jechuun rakkoon daangaarratti godaantota mudatu gosa hedduu ta'uu ibse.

Obbo Anas namoonni ''yakka suukanneessaa'' raawwachuun viidiyoon waraabanii gadhiisan, ''kanneen hordoftoota miidiyaa hawaasummaa guddifachuun ittiin beekamuu barbaadaniidha,'' jedhan.

''Namoota akkasiin yaadan dhala namaati jechuun ni ulfaata. Kun hojii saree irraallee hin tolle,'' jechuun waan arganirraa miira itti dhagahame dubbatan.

Rakkoon baqattoonni amma walirratti raawwachuu eegalan, baqattoota qaama alaan (dallaalotaa fi mootummaa) miidhaan irra garu gargaaruu irratti akka gufuu itti ta'e dubbatu Obbo Anas.

''Bitaa nutti galeera. Godaantonni Oromoo kun kan mootummaan ykn dallaalli isaan miidhu caalaa wal miidhuutti jiru. Wal adabu, lubbuu walii baasu.''

Kanaan dura dallaalli yoo miidhaa godaantota irraan ga'u maallaquma gaafata kan jedhan Obbo Anas, ''amma kan daangaarratti baayyinaan wal ajjeesan ilmaan Oromooti. Namoonni kunneen duraan rakkooma walfakkaataa keessa warra turani. Harka dallaalaatti waliin gidiraa argaa turan. Amma gochi isaanii waan dallaalota irraa muuxannoo fudhatan fakkaata,'' jedhu.

Akka Obbo Anas jedhanitti warri waan kana raawwatan warra waan manaa ba'aniif dagatan, ''kashalabboota hojii hin feenedha.''

''Hannarraa ka'ee babal'ate wanti kun. Warra karaatti nama saamanirraa ka'ee babal'ate. Ergasii ammoo gara kutaa fi gandummaatti geeddarame. Kanneen tokkummaa sabichaa diiguuf dantaa qabanis kanatti dhimma bahuuf waan jajjabeessaa jiranidha,'' jedhan.

Baqataan daangaa Oomaan irraa dubbisne, godaantonni Itoophiyaa, keessattuu kanneen sabaan Oromoo ta'an, kunneen sababni gosaa fi gandaan walqooduun yakka akkanaa walirratti raawwataniif sirriitti beekuu baatus, garuu namoonni siyaasa oofan fi maqaansaanii beekamu duuba taa'uun akka jajjabeessan quba qabaachuu hime.

Gochi kun balaan walqoqqooduu godaantota keessattillee akka babal'atu taasiseera jedha baqataan kun.

''Waggaa lama dura baqataan nagayumaan karaa darbaa ture. Amma inni Arsi, Harargee irraa dhufe achi darbuu sodaata. 'Baalagoota' kanatu karaarra jiru waan ta'eef. Sababa kanatti Yaman, kan ofiifuu waraanaan barbadooftee jirtutti, deebi'u. Rakkoo hamaatu jira,'' jedha.

Kanneen godaantota dararan warra qoricha sammuu hadoochu daddabarsanii?

Baqataan Itoophiyaa daangaa Yaman fi Oomaan irraa dubbisne akka jedhutti warri gocha kana raawwatan ''Yamanittis hin deebi'an, gara Sa'uudiittis hin seenan. Gidduu kana maandheffatanii taa'u.''

''Maqaa Harargee, Arsii, Jimmaa fi kaan maxxanfatanii taa'u. Hojiinsaanii warra daangaa kana qaxxaamura karaatti eeganii saamuudha. Gocha hamaa akkanaa kan raawwachuutti jiru lammii biraa miti, lammiilee Itoophiyaa qofa,'' jedha.

''Namoonni kunneen harka namaa duubatti hidhanii dararu, dubartoota gudeedu, gocha dhala namaarraa hin eegamne raawwatu. Gocha suukanneessaa kana hunda waraabanii TikTok irratti gadhiisu. Kan miidiyaa hawaasummaarratti mul'atu caalaa wanti asitti arginu ilaaluufuu kan nama suukanneessa.''

Namoonni gocha suukanneessaa godaantota irratti raawwatan kunneen ''qoricha sammuu hadoochu daddabarsuun beekamu,'' jedha baqataan kun.

''Namoonni kunneen daldala dorkaa ta'erratti warra bobba'anidha. Jimaa fi qoricha sammuu hadoochu, kan Sa'uudii keessatti dhorkaa ta'e, dabarsu. Kan darbe Darbee, kan daangaarratti qabame achumatti ajjeefama. Kanaan jiraatan.''

Dhiheenya kana Sa'uudiin godaantota Itoophiyaa biyyattii keessatti yakkoota garaagaraan himachuun hidhaa hanga adabbii du'aa irratti dabarsiteetti.

Kanneen adabbiin du'aa irratti darbe 47 ta'uu fi isaan keessaa hedduun ajjeefamuu namoonni mana hidhaa Sa'uudii turan BBCtti himaniiru.

Godaantonni Itoophiyaa du'aan adabaman kunneen warra qoricha sammuu hadoochu biyyattii seensisan ta'uu mootummaan Sa'uudii ibseera.

Namoonni BBCn dubbises godaantonni Itoophiyaa du'aan adabman kanneen daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun warra himataman ta'uu ibsaniiru.

Sa'uudiin lammiilee Itoophiyaa daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun himataman lama du'aan adabuu ishee Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa biyyattii Adooleesa 2025 ibseera.

Lammiilee Itoophiyaa lama ajjeeste dabalatee lammiileen biyya alaa ajjeefaman barana 101 gahuu AFP gabaaseera.

Aminastii Internaashinaal waggoota dhiyoon as himata daddabarsa baala sammuu namaa hadoochu jedhuun lammiilee Itoophiyaa dabalatee namoota hedduu irratti murteen du'aa darbuun Sa'uudii keessatti dabaleera jedhe.

Akka gabaasa jaarmiyaa mirga namoomaa kanatti biyyattiin waggota 10 darban keessatti himata daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun murteewwan du'aa 597 raawwatte keessaa %75 lammiilee biyya alaa irratti.

Isaan keessaa 34 Masirii, Itoophiyaa, Yoordaanus, Naayijeeriyaa, Paakistaan, Sooriyaa fi Somaaliyaa irraa tahuu ibseera jaarmiyaan kun.

Sa'uudiin bara 2014 hanga 2025 gidduutti namoonni 1,816 tahan irratti murtee du'aa dabarsiteetti.

Rakkoon kun maaliif furmaata dhabe?

Obbo Anas dhimma kana itti dhiheenyaan hordofaa akka turanii fi eenyu gocha akkanaa raawwataa akka jiru akka beekan BBCtti himaniiru.

''Baqattoota Afrikaa, Itoophiyaa- keessaa ijoollee Oromoo qofatu waan akkasii walirratti raawwata. Oromoo qofa miti kan godaansaan biyyaa ba'ee jiru. An kaan yoo gidiraa akkanaa walirraan ga'u hin agarre. Kun akka nama Oromoo tokkotti baayyee na gaddisiisa.''

Rakkoon baqattoonni Oromoo gammoojjii biyyoota Arabaa keessa erga ga'anii booda walirraan ga'an kun miidiyaa hawaasummaarra darbee miidiyaalee tamsaasaa 'mainstream media' ta'aniin gabaafamee hin beeku.

''Hayyoonnis dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun irraa dubbatanii hin beekan,'' kan jedhan Obbo Anas, ''kun ammoo namoonni gocha akkanaa keessatti hirmaatan akka irraa of hin qusanne taasiseera,'' jedhan.

Namoonni kunneen wayita yakka walirratti raawwatan viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaarratti maxxansu.

Obbo Anas viidiyoowwan akkanaa hedduu akka of harkaa qabanii fi viidiyoowwan kunneen mul'isuufillee kan namatti ulfaatan ta'uu ibsan.

''Ijoolleen kun lafarra walharkisuu, qullaa waldhaabuu…yakka fokkattuu hedduu walirratti raawwatu. Kun kan baqarra jiru mitii kan biyya keessa jiruufiyyuu hamaadha.''

Ragaa viidiyoon argataniin alattis yeroo garaagaraatti wayita rakkoon mudatu ijaan arguu akkasumas yakka akkanaa ittisuufis tattaafataa turuu dubbatan.

Gochi ijoolleen gammoojjii fi gaara Sa'uudii keessatti walirratti raawwattu kun waan tokkummaa sabichaafillee qormaata ta'uudha jedhan.

''Gochi kun dafee akka badu yoo goone malee balaa guddaa qaba,'' kan jedhan Obbo Anas Mohammad, akka hoogganaa Waldaa Baqattootaatti waan kana furuuf waan hojjetaa jiran akkanaan ibsan.

''An dhimma kana nin hordofa. Biyya hundaayyuu imbaasiitu jira. Namni gocha akkanaa raawwatu gaafa qabamee biyyatti deebi'u ykn mootummaan to'atu, viidiyoon waraabame qulqullaa'ee seera jala oola. Biyyatti galus, biyyuma jiruttis waama ofii dalageen ragaa ofirratti ba'e waan ta'eef, ragaa kanammoo walitti qabannee harkaa qabna nuti. Kanarratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra.''

Dhihoo kana rakkoon kun jaarsummaan furame jedhamaa akka ture kan himu baqataan Itoophiyaa daangaa Oomaan jiru, ''garuu viidiyoo waraabanii maxxansuutu hafe malee yakki kun ammallee ittuma fufeera,'' jedha.

''Godaantonni Itoophiyaas osooma arganii rakkoo kanatti deemu. Har'a yoo namni shantamni osoo dararamuu argan, bor 500 ta'anii karaa kanarratti argamu. Maaliif akka karaa kana imaluurraa of hin qusanne naaf hin galu,'' jedhe.

Obbo Anas rakkoo mudataa jiru kana adda baasuun mootummaa dabalatee qaama dhimmi ilaallatuuf eeruu kennaa jiraachuu ibsan, ta'us dhimmi kun xiyyeeffannaa hin arganne jedhan.

Dhimma baqattootaa irratti jaarmiyaa godaantotaa addunyaa- IOM waliin hojjechuu kan himan Obbo Anas Mohammad,''dhimma kana IOM biraanis geenyeerra. Ni beekan. Yeroo meeqa dhimma kanarratti waliin teenyee dubbanneerra,'' jedhan.

Godaantota Itoophiyaa Sa'uudii keessa jiru jedhaman kuma 750 keessaa walakkaa ol seeraan ala jiraatu.

Hedduunsaanii gammoojjii keessa akkasumas galaanarra imala balaafamaa taasisuun gara Sa'uudii seenu.

Kumaatamni imala balaafamaa kanarratti lubbuusaanii dhabaniiru. Kaan ammoo Yamanitti, akkasumas daangaa Yamanii fi Sa'uudii Arabiyaatti daafoo waraanaan dhumaniiru.

Ebla 28, 2025 haleellaa US giddugala godaantonni Afrikaa keessa tursiifaman irratti raawwatteen namoonni 68 yoo du'an, 47 madaa'aniiru.

Amnestii Internaashinaal haleellaa godaantota Itoophiyaa hedduu mana hidhaa Yaman keessatti ajjeesee fi madeesse kanaaf US beenyaa akka kaffaltu gaafateera.

Dhiheenya kanas haleellaa Sa'uudiin Yamanitti raawwatteen biyyattii keessatti yaaddoon nageenyaa uumameera.