Jimmatti namichi ogeessa fayyaa of fakkeessuun yakka raawwate hidhaan adabame

Madda suuraa, Getty Images
Jimmatti namichi ogeessa fayyaa of fakkeessuun yakka raawwate hidhaan adabamuu poolisiin hime.
Taatee isaa akkasi. Namni tokko huccuu dambii mana hojii hospitaalaa (gaawoonii adii) uffachuun, maaskii keewwatee hospitaala Yunivarsiitii Jimmaa seenuudhaan namoota firoottan isaanii yaalchisaa turaniitti dhiyaachuun gowwoomsuun qabeenyaa jalaa hate.
Boodas irra gahamee nama murtiitti dhiyeeffamun hidhaan adabamusaa, Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaatti, Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii, Ittaanaa Komaandar Gazzaany Awugichoo BBC'tti himan.
Gochaan hannaa namni kun raawwates kan guyyaa tokko qofa miti. Guyyaa jalqabaa ogeessa fayyaa fakkaachuun bilbila harkaa miidhamaa tokkoo erga hateen booda naannichaa bade.
'Mi'eeffataan shan liqeeffata' akkuma jedhamu sana, namni kun guyyaa sadiin boodas hospitaalichatti deebii'uun yakka wal fakkaataa osoo raawwatu argame.
Ogeessa yaala fayyaa Hospitaala Yunivarsiitii Jimmaa fakkachuun, dubartii dhukkubsataa yaalchisaa turteen, "deemiitii namicha kanaaf [dhukkubsataaf] juusii biti, dhuguu qabaa" jechuudhaan ajaja kenneef jedhu Komaandar Gazzaany.
Miidhamtuun sunis dhuguma ajaja ogeessa fayyaa itti fakkaachuun, qaabeenya ishee achumatti dhiistee waan dhukkubsataan dhugu biituuf gara jedhamtetti deemte.
Yeroo isheen kutaa keessaa baatee deemteetti ammoo himatamaan kunis, "moobaayila chaarjiirra jiru fudhatee osoo bahaa jiruu harkaafi harkatti qabamuu danda'eera" jechuun ibsu Itti aanaan Komaandaraa kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yakki gowwoomsaa adda addaa yeroo baay'ee naannawaa hospitaala yunivarsiitii Jimmaatti akka raawwatu kan kaasan aanga'aan kun, "gaawoonii ofii isaanitiin bitanii uffachuudhaan, qoricha akkasii ykn qodaa akkasii biti jechuudhaan [ogeessa] yaalu of fakkeessuudhaan" yakka raawwatu ta'uus ibsu.
Yeroo gara garaatti eeruun hawaasa biraa akka isaan qaqqabu kan kaasan itti gaafatamaan kun, "hospitaalichi guddaa" waan ta'eef, gochoonni gowwoomsuu fi waliin dhahuu raawwachaa akka ture himu.
Yakki gowwoomsaa fi hannaa namni kun raawwate jedhamee ittiin himatames balleessaa ta'uunsaa mirkanaa'uun, dhaddacha ALI Mudde 22, 2017 ooleen Manni Murtii Magaala Jimmaa hidhaa waggaa lamaafi baatii afuriitiin akka adabamu murteessuus dabaluun himaniiru itti aanaan komaandaraa kun.
Namoonni gocha gowwoomsuu irratti bobba'an yeroodhaa gara yerootti "tooftaalee adda addaa jijjiiruudhaan" ta'uu kan kaasan itti gaafatamaan kun, "nama rakkate ykn nama dhukkubsataa yaalchisu ykn ammoo, ogeessa yaalaa fakkaachuudhaan yakkoota adda addaa raawwachuu danda'u" waan ta'eef of eeggannaa cimaa taasisuun barbaachisaa ta'uu gorsu itti gaafatamaan kun.
Kanaan duras dubartiin namoota sadii gowwoomsuun badhaadhina hin mallee argachuun himatamte tokko hidhaan adabamuu Waajirri Abbaa Alangaa Magaalaa Jimmaa beeksisee ture.
Miidhamtuu tokkoffaan hojjetaa Yunivarsiitii Jimmaa yoo taatuu, isheenis mucaakee Yunivarsitii Maqdallaatii gara Yunvarsitii Jimmaatti siif jijjiirsisa jechuun qarshii kuma shan irraa fudhatte.
Dubartiidhumti walfakkaattuun tun miidhamaa biraatiin akka ati caalbaasii mootuun siif taasisa jechuun qarshii 120,000 irraa fudhachuu fi nama sadaffaa gara biraatiin ammoo, gatii gadi aanaadhaan sukkaara siif fida jechuun qarshii 20,000 fudhachuun himatamuudhaan hidhaa waggaa sadii fi ji'a jahaan adabamuu beeksisee ture.












