Qonnaan bulaan Harargee sangaa tokko birrii kuma 600tti gurgure maal hima?

Obbo Ayyalaa Tasfaayee jedhamu. Godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaa Ganda Jarjaree jedhamtu jiraatu.

Qonnaan bulaan kuni tibbana seenaa gurgurtaa sangaa keessatti gatii isa guddaadha jedhametti sangaa isaanii gurguratanii gammachuu keessa jiru.

Sanbata Xiqqaa darbe sangaa haalan gabbisan gabaa Baddeessaa geessanii birri kuma 600tti gurguran.

Sangaa kan gabbisan garuu haala mijataa hin taane keessatti akka ta'e himu.

"Gandi keenya kuni daandii hin qabu. Bishaan Harreedhaan Fageenyarraa waraabnee obaasnee Gabbisna" jedhan.

'Karaatti najalaa du'a jedhee yaadda'een ture'

Obbo Ayyalaan sangaa gabbisuu kana hojii qonnaa maddiitti akka madda galii dabalataatti akka hojjetan himu.

Qotiyyoo gabaarraa bitanii manatti sooranii birrii guddaatti gurguratu. Hojiin kuni waan isaan waggoota afran darban hojjechaa turani.

Sangaa Tibbana birrii kuma 600tti gurguratanii hawaasa naannoo isaanii ajab jechisiisan kanas ji'oota torbaan dura gabaarraa Birri kuma 200'n bituu himan.

"Sangaa kana birrii kuma 200'n gabaarraa bite. Ji'a torbaaf midhaanii fi nyaata adda addaatiinan soore. Waliigala ji'oota torba kanatti wannin itti baase birrii Kuma 120 ta'a" jedhan.

Sangaan kuni garmalee gabbachuun birrii guddaa akka irraa argatan abdii qabaatanis akkamiinan gabaadhaan gaha kan jedhu yaaddoo guddaa keessa turan.

Daandiin mijataa ta'uu dhabuurraa guyyaa gabaa sanaan dursanii halkan nama ja'a ta'anii dhiibaa bakka konkolaataan gahu biraan baasuu himu.

"Nama ja'a taanee gamaa fi gamanaan dhiibaa turre. Galgala sa'aatii 2tti kan jalqabne ganamuma barii bakka konkolaataan gahu bira geenye.

''Baayyee waan gabbateef deemsa dadhabee karaatti najalaa du'aa jedhee baayyeen yaadda'e" jedhan.

Waan isaan sodaatan osoo hin geenye sangaan isaanii nagaan gabaa gahee birrii rikardii ta'etti gurguratan. Hawaasni naannoos "baayyee dinqisiifatanii baga gammadde naan jedhu" jedhan Obbo Ayyalaan.

Qonnaan bulaan kuni ammaan dura si'a tokkoon sangaa tokko qofa gabbisu. Amma garuu bu'aa isaa waan mi'eeffataniif lakkoofsa sangaa si'a tokkoon gabbisanii dabaluuf karoora qabaachuus himu.

"Daandiin ganda keenyaa fi aanaa keenya walqunnamsiisu kuni osoo nuuf sirratee kana caalaa hojjennee duroomna.

Amma daandii kana yaaddofnee hamma furdachuu qabu osoo hin furdisne gabaatti baasaa jirra" jechuun rakkoo harkaa isaan qabu dubbatan.

Harargeen gabbisa sangaatiin naannoo muuxannoo gaarii qabu. Ammaan duralleen qonnaan bultoonni sangaa tokko birrii miliyoona walakkaa olitti gurguratan turaniiru.

Foon sangoota harargees warra foon soorachuu jaalatu biratti haalan filatamaa fi manneen foonii sangaa garasii dhiheessanuu gatii daballii qabuun gurguru.