Hogganaan paartii mormituu ijoo Mozaambiik akka pirezidaantiitti of labsuuf dhaadatan

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan paartii mormituu ijoo Mozaambiik, Vehnes Mondlaan, filannoo pirezidaantummaatiin injifatamu isaanii erga kufaa taasisaniin booda, Amajji 15 akka pirezidaantiitti of labsuuf dhaadatan.
Dhaadannaan aanga'aa kanaatiis kan dhagahame, yeroo deeggartoonni isaa bulchiinsi paartii Fireliimoo, kan waggoota 49f aangoorra ture, akka ka'uuf guutuu biyyattiitti mormii cimaa geggeessaa turanittiidha.
Magaalaan guddoon biyyattii, Maapputoon jala bultii ayyaana Gannootti magaalaa ekeraa fakkaatti.
Kunis sababii, haala guutummaan jedhamuun manneen daldalaa cufamuun, namoonni jeequnsa erga Firelimoon walabummaa bara 1975tti aangoo qabate mormii isa cimaan akka hin qabamneef manasaanii oolaniifiidha.
Waajjiraaleen, buufataalee poolisii, baankonni fi warshaaleen Fireliimoo guutuu biyyattii keessatti saamamanii, manca'aanii, kaan ibiddaan gubamaniiru.
Jeequmsa kanaan yoo xiqqaate namoonni 21 du'uu ministirri biyya keessaa Kibxata galgala ibsaniiru.
Jeequmsi kunis kan jalqabe Kibxata kaleessaa erga manni murtii olaanaan biyyattii filannoo Onkoloolessa darbe gaggeeffame irratti injifannoo kaadhimamaa pirezidaantii Paartii Fireliimoo, kan ta'an Daani'eel Chaapoo mirkaneessee booda ture.
Mondlaaneen bu'aa filannichaa mormuudhaan filannoon kan waliin dhahame ta'uu himatee ture.
Mondaaneen haasaa tamsaasa karaa Feesbuukiin kallattiin Kibxata darbe deeggartoota isaaf taasiseen, murtii mana murtii heera mootummaa akka hin fudhanne ibsuun, Amajjii 15, guyyaa silaa Chaapoon ifatti aangoof itti eegalaniitti, waajjira pirezidaantii akka fudhatu hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Preezdaant Fiilipe Niiwusiin xumura bara hojiisaanii lamaan irratti aangoo irraa ka'uuf jiru.
Dursaan paartii mormituu kunis yeroo ammaa kana biyya hin beekamne keessatti baqatummaan kan jiruu yoo ta'u, akkamiin aangoo qabachuuf akka yaade ammatti ifa miti.
Yeroo baayyees deeggartoota isaa haasaa karaa Faceboon kallattiin taasisuun walitti qabaa kan ture yoo ta'u, garuu ammoo akka tasgabbaa'aniif gaafataa ture.
"Nuti ummata waliin jirra. Jeequmsa kamiiyyuu hin jajjabeessinu," jechuun ture Mondlaaneen haasaa yeroo dhiyoo taasisaniin kan dubbatan.
Chaapoon labsii isaa kana irratti hanga ammaatti yaada hin kennine.
Filannoon Onkoloolessa keessa gaggeeffame irratti yeroo jalqabaatiif lamaansaanii waliin pirezidaantummaaf kan dorgoman yoo ta'u, komishiniin filannoo ammoo Chaapoon sagalee %71 argachuun mo'ataa ta'uu labsee, Mondlaaneen ammoo sagalee %20 qofa argachu beeksiise.
Manni murtii heera mootummaa ammoo erga bu'aa kana qorateen booda, kaadhimamaa Paartii Fireliimoo %65, Mondlaaneef ammoo %24 kenne.
Dhaabbileen mirgaaf falama akka jedhaniitti erga yeroo filannootii kaasee jeequmsa umameen namoonni 100 ta'an ajjeeffamaniiru.
Dhaabbileen kunneenis ajjeechaa baayyeedhaaf humnootiin nagaa itti gaafatamoo ta'u kan himatan yoo ta'u, garuu ajajaan poolisii, Beernaadinoo Raafaa'el qondaaltoonni isaanii erga haleellaan irratti aga'amamee booda ofiisaanii ittisaa aka turan BBCtti himan.
Mondlaaneen poolisiin akka isa doorsisaa jiru himachuun Mozaambiik kan baqate yoo ta'u, gargaartota isaa lamas Onkoloolessa keessa rasaasaan ajjeefamaniiru.
Paastariin waldaa wangeelaa kan umuriinsaa ganna 50 kunis, erga paartiin mormituu guddicha Renaamoo jedhamu irraa adda baheen booda akka dhunfaatti filannoo kana irratti dorgoman.
Dargaggoota biratti deeggarsa cimaa kan qabu yoo ta'u, isaan keessaayis hedduun hojii kan hin qabneefi kanneen jijjiirama barbaadaniidha
Paartii Fireliimoo irraa ammoo, Chaapoo kan ganna 47, kaadhimamaa pirezidaantii yeroo kamiyyuu caalaa dargaggeessa ta'etu dorgome.












