Caalaa Bultumee fi Mansuur Jamaal marii biyyaalessaarratti maal gaafatan?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Marii biyyaalessaaf Oromiyaarraa ajandaa walitti qabuurratti waan jedhame
Caalaa Bultumee fi Mansuur Jamaal marii biyyaalessaarratti maal gaafatan?

Mariin biyyaaleessaa biyyattii keessatti wal hubannoo ni uuma jedhamee abdatame erga naannoolee adda addaa keessatti ajandaa marii walitti qabuufi hirmaattoota adda baasuun eegalamee bubbuleera.

Tibbanas hirmaattoota Naannoo Oromiyaa bakka bu'uudhaan marii biyyaaleessaa irratti hirmaataniifi ajandaa naannichaa walitti qabuudhaaf mariin Adaamaatti gaggeeffamaa ture.

BBCn hirmaattoota marii biyyaaleessaaf Oromiyaatti taa'ame keessaa Caalaa Bultumee, Mansuur Jamaal dabalatee hirmaattuu dubartii illeen dubbiseera.