'Abbaa malee hafne' - Lammilee Keeniyaa du'a MM duraanii Odingaa gaddaa jiran

Namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman du'a Ministira Muummee duraanii fi nama siyaasaa buileessa Keeniyaa Raayilaa Odingaa istaadiyeemii magaalaa dhalootasaa Kisumuu keessatti argamuun reeffasaa saanduqa banaa keessa jiru daawwachuun itti marsaa gadda isaanii ibsachaa jiru.

Ummata gaddaaf bahan keessaa hedduun isaanii "abbaa malee hafne" jechuun yeroo boo'an ni dhaga'amu.

''Ani kanan asitti argameef nama mallattoo Afrikaa ta'eef gadda koo ibachuufidha,'' jechuun BBCtti dubbate namoota kumaafi kitilaan gaddaaf bahan keessaa tokko.

Roobii darbe Indiyaatti hospitaalatti wallaansarra osoo jiru umurii wagga 80tti kan boqote Odingaan, reeffisaa akka ummanni daawwatu erga taasifameen booda awwaalcha abakka dhalootasaa geeffameera.

Dubartiin abbaan manaa irraa du'e Idaa namoonni gaggeessaa nama siyaasaa kanaaf walitti qabaman gadda isaanii karaa nagaafi tasgabbii qabuun akka gaggeeffatan gaafateetti.

Hokkaraafi muddama namoonni gaddaaf bahan uumaniin lubbuun namoota shanii darbee baayyeen kan madaa'an yoo ta'u, kun akka irra deebi'amee hin uumamneef Idaan waamicha taasifteetti.

Odingaan qe'ee itti dhalate Lixa biyyattii -Kisuumaa kan Haroo Viktooriyaatti argamtutti siyaasa isaatiif deeggartoota jabaa qaba. Namoonni kaleessa bariirraa kaasanii sirna awwaalcha isaarratti argamuuf achitti dacha'aa jiru

Bakki dhaloota Odingaa kun qe'ee ganamaa pirezidantii duraanii Ameerikaa Baraak Obaamaa yoo ta'u, Obaamanis guyyaa tokko dura "shaampiyoonaa dimokiraasii dhugaa" jechuun fuula X isaarratti maxxansuun gadda isaa ibsateera.

"Ilma walabummaa, kaayyoo bal'aa bilisummaa fi ofiin of bulchuu Keeniyaa keessatti waggoota kurnaniif qabsoo fi wareegama kafalaa ture," jedhe Obaamaan.

Odingaan waggoota dheeraaf hogganaa paartilee mormitoota biyyattii isa guddaa kan ture yoo ta'u, duula filannoo pirezidaantummaa si'a shan Keeniyaa keessatti gaggeeffamerratti hirmaachuun mo'amaniiru. Isaan keessaa kan yeroo dhiyootti dorhoman ammoo waggoota sadii dura kan turedha.

Yeroo sanatti sagalee hgatamuun akka injifatame irra deddeebiin himachaa tureera.

Filannoo bara 2007 Keeniyaa keessatti gaggeeffamee dhiigni hedduun akka dhangala'uuf sababa ta'eefi falmisiisaa ture hordofuun mootummaa tokkummaatiin muummicha ministeeraa ta'ee ture.

"Irra deddeebiin yeroo gara garaatti fedhii ofiisaa caalaa fedhii biyyasaa akka dursu argeera. Akkuma hoggantoota muraasaa bakka kamittuu mul'atanii, ejjennoo qabate osoo hin dagatiin, daandii araaraafi nagaa filachuuf fedhii qaba ture," jechuun ibse Obaamaan.

"Raayilaa Odingaan jireenyasaa keessatti lammiilee Keeniyaa qofaaf osoo hin taane, guutuu Afrikaa fi addunyaa guutuuf fakkeenya ta'eera."

Namoonni Istaadiyeemii Joomoo Keeniyaattaa Kisumuutti argaman gadda caalaa yaada irratti waliif hin galle ni qabu – garaa garummaa qabanis sagalee saanii ol kaasanii ibsatu.

''Ani dimokiraasiifi bilisummaa nuuf kennuu isaatiin isa nan yaadadha. Amma bilisummaatiin [waan garaa keenyaa] haasa'uu dandeenya, waan arginu kamiyyuu nuuf hin ta'u taanaan bilisummaan dubbachuu dandeenya,'' jechuun Jaakoob Omoondiin dhiibbaa Odingaan waggoota kurnan sadii keessatti biyyattiitti fide BBCtti himeera.

Namni gadda kanarratti argame biraan, Deevid O''umaa, akka jedhetti: "Barnoota barbaachisaa ani Raayilaa irraa baradhe keessaa tokko obsa qabaachuudha, sababiin isaas Raayilaan yeroo hunda filannoo hunda keessatti hogganaa baayyee obsaan ture... yeroo hunda irra deebi'ee yaaluun beekama."

Namoota istaadiyeemii keessa guutaman hedduun isaanii burtukaana - halluu dhaabaa Sochii Dimookiraatawaa Burtukaana isaa - fi damee mukaa, mallattoo aadaa gaddaa saba Luhooo kan Odingaan keessaa dhalate uffataniifi qabatanii bahaniiru.

Akka maatiin jedhanitti, Odingaan yeroo gabaabaa keessatti, yoo danda'ame sa'aatii 72 keessatti akka awwaalamu fedhii qaba.

Reeffi isaas qonna isaa Opodaa naannoo magaalaa Bondoo kan Kisumuurraa gara Lixaatti km60 fagaattutti awwaalama.

Dilabata har'aa sirni awwaalchaasaa Yunivarsiitii Boondoo keessatti erga gaggeeffamee booda, bakka awwaalcha dhuunfaa naannoo mana abbaasaa awwaalchi abbaasaafi maatiin biroo jiru keessatti awwaalama.