Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imala konkolaataa Naqamtee- Giddaa, ummata gatii lubbuufi maallaqaa baasisuu itti fufe
Dhibdee nageenyaatiin kutaalee Oromiyaa bakka hedduutti giddugaleessa biyyaa irraa imalli taasifamu yaaddoo erga uumee waggootni lakkaa'amaniiru.
Godina Wallagga Bahaatti jiraattonni aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu saababa hidhattoota Faannootiin imala konkolaataa balaadhaan guutame keessa bakkaa bakkatti socho'u.
Jiraataan aanaa Giddaa ayyaanaa yaaddoo nagenyaaf jecha maqaa kiyya hin ibsinaa jedhan yaada BBCf kennaniin, imalli Naqamtee fi Giddaa gidduu konkolaataan taasifamu waggoota afran darban jiraattota gatii guddaa kaffalchiisuu himu.
Torbanuma keessa jirru kana keesatti hidhattoonni Faannoo konkolaatota Naqamtee irraa gara Giddaa Ayyaanaa imalaa turan lama dhaabsisuun namoota ukkaamsanii fudhachuus eeru.
"Rakkoon kun erga jalqabee bubbuleera. Keessumaa erga hidhattoonni Faannoo jedhaman naannoo keenya kanatti ijaaramanii kaasee irra deddeebiidhaan konkolaataa irratti tarkaanfii fudhachuun lubbuu baayyee altakkaatti galaafachuun tureera."
Itti dabaluunis "darbee darbeemmoo akkasumatti warra imalaa jiru keessaa nama fuudhanii birrii miliyoonaan itti gaafatu. Kun waan irra deddeebidhaan mudatu," jedhan.
Akka jiraataan kuni jedhanitti, iddoowwan gaara Diichoo, kan Hangar Guutee [Guttinii] fi mandara 10 gidduutti argamtuu fi Warabboo jedhamtu bakka yakki kun irra deddeebiin raawwatamudha.
Jiraataan aanaa Giddaa Ayyaanaa, Biraan BBC dubbise aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu keessatti jiraattota irraa meeshaan waraanaa dura qabu qaamolee mootummaa fi hidhattoota WBOtin irraa fudhatamee dhumuun hidhattoota Faannootiif qaawwa gaarii uumeera yaada jedhu qabu.
"Uummanni meeshaa miti amma eeboo gaariilleen manaa hin qabu. Jarri kunimmoo hidhatanii waan jiraniif raayyaa ittisaas, warra bosonaas ni rukutu. Yaanni isaanii amma lafa uummata irraa buqqisanii qubsuma jijjiirudha," jedhu.
Caasaa hunda keessaa nama qabu
Obboleessi isaa ji'ootaan dura konkolaataa uummataa keessaa hidhattoota Faannootiin butamuu namni himu yaada BBCf kenneen, hidhattoonni kunneen caasaa aanaadhaa hanga godinaa keessaa nama qabu shakkii jedhu qabu.
"Kankoo Obboleessi butamee jennaan warra mootummaa godina jiranitti iyyanne. Bilbilanii 'nuti achii nama qabna, abalu bira maal hojii dhaqxe' naan jedhan" jedhu jiraataan BBCn dubbise kun.
Imalaan duratti Buufata konkolaataa Naqamtee jirurraa odeeffannoon konkolaataa garas deemaa jiruu fi namoota achi keessa jiranii caasaa Faannoo kanaaf odeeffannoon dursee erga gahee jarri karaatti eeguus jedhu namni kun.
"Manahaaraadhaa [buufata konkolaataa] gaafa konkolaataan ka'u nama birrii gaarii irraa arganna jedhanii yaadan yookan nama siyaasa isaaniitiif barbaadan yoo jiraate odeeffannoon dursee isaan qaqqaba. Sana booda karaarra makiinaa dhaabanii fudhatu" jedhan.
Waan gaafa obboleessi isaanii butame irra gahe kaasuunis ibsu.
"Gaafa Obboleessikoo qabamu sana namoota waliin konkolaataa keessaa buusan keessaa kaan 'nuti Amaara' jedhanii gadhiifaman. Obboleessakoo fi nama lama kan biraammoo qabanii caakkaa geessan" jedhu.
Obboleessa isaanii kana gadhiisisuuf Birrii kuma 700 akka kanfalan kan himan jiraataan kun, namoonni lamaan obboleessa isaa waliin turan maallaqas kanfalanii ofiisaaniis hin gadhiifamin hafan jedhan.
Namootni hidhattootaan butaman maallaqni ittigaafatame erga kanfalameen booda kanneen gadhiifamuu caalaa ajjeefamanis jiru. Kunis sababa qaba jedhu jiraataan kuni.
"Warri amma Faannoo jedhee hidhatee nama ajjeesaa fi saamaa jiru kun warruma asitti guddate. Yeroo tokko tokko namni isaan butanii fuudhan nama isaan beeku yoo ta'e maallaqni kanfalamus ni ajjeesu malee hin gadhiisan. Sababnisaas iccitii baasee nusaaxila jedhanii yaadu" jedhan.
Maallaqa Akkaawuntiirratti galchine
Saamicha naannoo Giddaatti imaltootaa fi jiraattota irratti raawwatamu kana haala kutaalee Oromiyaa kan biraatti raawwatamurraa adda kan godhu maallaqni hidhattoonni Faannoo gaafatan kan kanfalamu Herreega Baankiitiin ta'uudha.
"Maallaqa hanganaa Akkaawuntii kanarratti galchi jedhaniituma nutti ergan. Akkaawunticha ilaalleerra. Maqaas suuras waan hunda qaba. Kan nuti irratti galchine sun amma kan baname Bahardaaritti jedha. Isumarratti kuma 700 galchinee Obboleessa keenya gadhiisan," jedhu jiraataan aanaa Giddaa kun.
Hidhattoonni Faannoo naannicha keessa socho'an kanneen dhalattootuma naannichaa ta'anii fi Afaan Oromoos akka gaariitti beekan, haala biyyichaas sirritti beekan ta'uun rakkinicha daran walxaxaa godheera jedhu jiraattonni.
Aanaan Giddaa Ayyaanaa Magaala Naqamtee Irraa fageenya kiiloomeetira 112 irratti argamti.
Waggoota afran darban kanatti imalli daandii kanarraa yaaddoo nageenyaatiin kan guutame waan ta'eef tajaajilli geejjibaa yeroo jiraatu milishaadhan akka eegamee imalu taasifamaa turus milishaa hedduun hojii kanarratti aarsaa lubbuu kanfaluu himu jiraattonni.
Rakkoo Hawaasni aanaa Giddaa Ayyaanaa imala Naqamtee fi Magaala isaanii gidduutti isaanirra gahaa jiru kana ilaalchisuun qondaalota aanichaa dubbisuuf yaaliin goone sababa bilbila nujalaa hin kaasneef hin milkoofne.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa ji'a Onkololeessaa kana keessa baaseen, naannolee Itoophiyaa hedduu keessatti mirgi bilisaan socho'uu lammiilee saffisaan hammaataa jiraachuu eere.
Naannolee Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Gaambeellaa fi Oromiyaatti mirgi bilisaan bakkaa bakkatti socho'uu 'Yaaddessaadha' jechuun ibse.
Naannoo Oromiyaa keessatti gocha butii konkolaataawwan uummata deddeebisan irratti ji'oota eeblaa hanga Adoolessaatti raawwataman torbas tarreesseera.
Buttaan namootaa naannolee Itoophiyaa adda addaatti raawwatamu kuni hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo, kan Mootummaan ABO Shanee jedhuunii fi hidhattoota Faannootiin raawwatamuus beeksiseera Komishinichi.