Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Rakkoon amma keessa jirru kan yeroo hongee caala' - Horsiisee bultoota Booranaa
Naannoo Oromiyaa Godina Booranaatti roobni marsaa shaniif osoo hin roobin turee hongee yeroo dheera booda dhufe rakkoo caaluuf isaan saaxiluu jiraattonni BBCtti himan.
Hongee Boorana mudateen hawaasi horsiisee bulaa horii hedduu dhabeera, kan lubbuun hafanillee waan miidhamaniif wayita roobni dhufu irraa hafuu hin dandeenye akka jiraattonni jedhanitti.
Boorana guutuutti roobni erga torbee lama dura eegalee ammallee itti fufee roobaa jira.
Iddoowwan rooba cimaa roobaa jiruun miidhaman keessaa Aanaan Dhaas ishee tokko.
Aab Saaroo Galgaloo jiraataa aanaa kanaati, hongee fi roobni wal jijjiiree horii qaban hunda akka jalaa obbaase himan.
''Horiin duraanuu dhumaniiru. Kan irraa hafan ammoo silumaa akkanumaan waliin rakkanna. Lubbuudhuma keessatti eegaa turre. Rooba waaqaa bu'u dandamachuu dadhaban,'' jedhan.
Aab Saaroon aanaasaanii qofa osoo hin taane Booranni guutuun rakkoo walfakkaataa keessa jiraachuu himan.
''Loon, gaalli, hoolaan, re'een, harreen hambaa hongee ta'an roobaan dhuman. Re'oota hedduu lolaan fudhatee bade,'' jedhan.
Jiraataan Aanaa Mooyyalee Aab Annaa Boruu ofiifuu sababa kanaan miidhamanii hospitaala jiraachuu himan.
Rooba cimaa roobee, lolaa lolaaseen gaalli 60 ol dhiheenyuma obba'uu himan.
''Gaala 61 bishaan nurraa fudhate. Re'ee fi loon kan nurraa obba'e lakkoofsayyuu hin qabu. Bonaan gaala 60 oltu miidhame. Horiin bonarraa hafellee roobaan miidhame,'' jedhan.
''Ammaan tana homaa tokkollee harkaa hin qabnu. Kaan bonaan, kaan ammoo bokkaan dhabnee jirra. Amma ilmaan kiyya malee homaa hin qabu.''
Aab Saaroo Galgaloo gamasaaniin uummanni Booranaa kan yeroo hongee caalaa ammaan tana birmannaa barbaada jedhan.
''Wayita roobu horiin takkallee dandamachuu hin dandeenye. Gaallillee hin hafne. Horii duraanuu alatti lubbuu keessatti eegaa turre.''
Bokkaan haga afurii shanii adda citee waan tureef uummati ni rooba jedhee hin eegne jedhan Aab Saaroo Galgaloo.
''Dagachiisee roobe. Roobnillee rooba guddaa. Osoo beekaniillee wanni godhan hin jirtu. Silaa osoo beekkatanii haga tokko horiillee jalaa qabu danda'u,'' jedhan.
Jireenyi bakka kanaa gaaf silaa horiin jiruyyuu jajjabduudha kan jedhan Aab Saaroo Galgaloo, amma erga roobni horii obbaasee ammoo rakkoon kan duraanii caale jedhan.
''Duraanuu gargaarsi hagas mara hin turre. Amma gargaarsi kan duraa caalaa fooyya'uu qaba. Haga uummanni keenya horiisaa bakka duraatti deebifatutti yeroo dheeraa fudhata. Nuti uummata lafa qotee jiraatu miti. Horii keenya bakkatti deebisuun ammoo salphaa miti.''
Roobni kun horii nurraa obbaasullee garuu uummati bishaan dhugaatii dhabee dararamaa ture amma furameera jedhan.
''Duraan namni rakkoo bishaaniin du'aa tureeyyu. Amma rakkoon kun ni hafte. Namni eelattillee naqata. Kan horii muraasi hafteefillee ittiin dandamachiifata,'' jedhan.
Roobi haga fedhe roobaa yoo oolellee garuu horiin jiraatee dhalee aannan nama obaasu hin jiru jechuun loon Booranaa obba'uu isaanii himan.
Aanaa Mooyaleetti ogeessa fayyaa beeyladaa kan ta'an Aab Diida Tannuu horii duraanuu bonni fixee irraa hafan roobni obbaase jedhan.
Rooba kanaan aanaa Mooyyalee qofa osoo hin taane akkuma guutuu Booranaatti horiin hedduutu dhuman jedhan.
''Gaalli, re'een, loon, hoolaan dhumanii jiran. Bokkaa cimaan roobee lolaan gaala iddoo inni ciisee jiruu fuudhee deeme hedduudha,'' jedhan.
''Horiin duraan nyaatee waa garaadhaa hin qabne wayita roobni rukutu dandamachuu hin danda'u. Uummannillee qophaa'ee horiisaa rooba jalaa hin qabne.''
Oolaan kun yeroo dheeraaf waan tureef uummanni rooba dhufuuf hin qophoofne jedhan ogeessi kun.
''Uummanni abdii kutatee ture. Osooma roobeellee rooba hanganaatu jedhee namni eege hin jiru. Kanaaf of eeggannoon uummanni duraan godhe hin jiru,'' jedhan.
Roobni kunillee akkaataa duraan baratameen osoo hin taane akkuma eegaleen cimee itti fufe.
Hawaasi kalee hongeen har'a ammoo roobaan miidhamaa jira kan jedhan ogeessi kun, hawaasi horsiisee aannan looniin jiraatu kun egereensaa yaaddoo keessa jira jedhan.
''Taatullee uummanni kun horii lubbuun jiran muraasallee taatu kunuunsanii qacceesaanii dabarsuu qabu,'' jedhan.
Roobni kun waan itti fufaa jiruuf uummanni horii qabu naannoo lageen jiran irraa fageessuu qaba, akkasumas ammoo roobni cimaan akka kallattiin itti roobee hin miineef golgaa itti ijaaruu qaba jechuun gorsan.
Gama mootummaan xiyyeeffannaa guddaan kennamee gama lolaa ittisuu, uummanni bishaan bakkee keessa yaa'ee horii miidhu kuufatee akka itti fayyadamu gargaaruudhaan hojjechuu akka qabus dhaaman.
''Roobni bisaanuma fida malee nyaata namaaf hin fidu. Kanaafuu roobeera jedhanii uummata kanarraa gargaarsa dhaabuun sirrii miti. Inumaa uummanni kan duraa caalaa gargaarsa barbaada.''