Dhaabbileen Wall Street daafaa ergaa hojjattootaan doolaara bil. 1.8 adabaman

Dhaabbileen Wall Street daafaa ergaa hojjattootaan doolaara bil. 1.8 adabaman

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbileen Wall Street gurguddoo muraasni erga hojjattoonni waa'ee hojii meeshaafi appii mataasaanii irratti haasa'anii booda dhaabbata to'ataa maallaqaa Ameerikaatiin adabbii waliigalaa doolaara biiliyoona 1.8 akka kanfalaniif adabe.

Komishiniin Nageenyaa fi Jijjiraa (SEC) akka jedheetti, qorannoon gaggeeffameen ''haasaawwan karaa chaanaalii ta'u qabaatuun alaa'' jiraachu adda baase.

Dhaabbileen akka Barclays, UBS fi Goldman Sachs kanneen dhaabbilee 16 qaama to'ataadhaan eeraman keessatti argamu.

Qorannoon indastiriin guddaa kana irratti gaggeeffamee kunis dhimma Komishiniin Nageenyaa fi Jijjiraa (SEC) fi Komishiniin Daldalawwan Egeree Meeshaalee (CFTC) isa ijoodha jedhameera.

Ibsa guyyaa Kibxataa addatti baheen ammoo, addabbiin irratti murtaa'ee waliigalatti doolaara biiliyooan 1.1 ta'u Komishiniin Nageenyaa fi Jijjiraa (SEC) ibseera.

Komishiniin Daldalawwan Eegeree Meeshaalee (CFTC) gama isaatiin ammoo addabbii doolaara miliyoona 710 itti murteessuu beeksiise.

''Maallaqni irra jireessa amantaa irratti hundaa'a. Haala qabiinsa galmee kabajuu dadhabuu fi dirqama galmee eeguu cabsuun, hirmaattoonni gabaa kanneen har'a adabne kunneen amantaa isaanii eeguu dadhabaniiru'' jedhan dura taa'aan SEC Gaarii Gensilar.

Ammajii 2018 hanga Fulbaana 2021tti, hojjattoonni baankii yeroo hedduu waa'ee dhimma hojii hiriyoota, maamiltootaa fi qaamoole sadaffaa gorsa kennan kan biraa waliin meeshaa dhunfaa isaaniirratti appiiwwan fayyadamuun karaa ergaa barreeffamaa fi WahatsApp wali jijjiraa turan jedhan to'ataan.

Dhaabbileen kunneenis haasaawwan seeroota federaalaa fi dhaabbileen faayinaanisii akka odeeffannoo bizinasii eegganiif gaafatu cabsaniiru jedhame.

Taateewwan kunneenis to'attoonni akka seeroota ijoo ta'an eegamuu hin mirkanneessinee fi odeeffanno walitti hin qabaneef dhiibbaa irratti taasisulleen eeggansiiwwan kaasan.

Qorannoon kunis Wall Street kan raasee yoo ta'u hojjattoonni baankii muraasnis hojiisaanii dhabaniiru.

Akkasumas kaampaaniiwwan fayyadama appiiwwan hin mirkannoofne dhorkuudhaaf seeraa haaraa cimaa baasuuf dirqamaniiru.