Pirezidaantiin Tanzaaniyaa intalasheefi soddaashee ministiirota gochuun muudde

Madda suuraa, Mwanu Hafidh Ameir Suluhu/Instagram & Daily News
Dhiyeenya filannoo pirezidaantummaa Tanzaaniyaa injifachuun kakuu kan galan Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu ministiirota haaraa 27 muudanii jiru.
Ministiirota muudaman keessaa ammoo intalasaaniifi soddaansaanii tokkoodha. Filannoo torban muraasa dura Taanzaaniyaatti gaggeeffameen filannoon haqa qabeessi hin gaggeeffamne jedhamuun mormiin cimaatu ture.
Poolisiin biyyattii namoota guyyootaf hiriira gaggeessan irratti tarkaanfii humnaa fudhateen namoonni heddu du'aniiru.
Pirezidaant Saamiyaan muudama kaabinee haaraa taasisan ilaalchisee masaraa mootummaa Dodoomaatti argamurraa haasaa taasisaniin, kaabinoota heddu aangorraa kaasanii ministiirota haaraan bakka buusuun bulchiinsi isaanii humna haaraa gara aangotti fiduu waan barbaadeef ta'uu ibsan.
Ministiirota haaraa muudaman 27 keessaa intallisaanii Waanuu Amiir tokko yoo taatu, Ministeera Barnootaa, Saayinsiifi Teeknolojiitti Deetaa Ministiiraa ta'uun muudama haaraa argatteetti.
Waanuu Amiir waggoota haadha ishee, Pirezidaant Saamiyaa Suuluhuu, waliin siyaasa Tanzaaniyaa keessatti hirmaataa turte.
Miseensa paartii biyya bulchuu Chama cha Mapinduzin jedhamuuti. Osoo ministeera taatee haadhasheen muudama hin argatin dura, Waanuun paartii kana keessatti miseensa Koree Giddu Galeessaa ta'uun tajaajilaa turte.
Waanuu Amiir bara 1982 Zaanzibaaritti kan dhalatte yoo taatu, qondaala siyaasaa ta'uun bakka garaa garaa hojjatteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbata gargaarsaa dubartoota ijoollee barsiisufi aangessuurratti xiyyeeffateefi Women's Initiative Foundation (MIF) jedhamu hundeessuun gaggeessaa turte.
Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu kaabinoota duraanii keessaa torba kan ta'an muudama haaraa kana keessatti dabalaniiru.
Saamiyaan ministiirota haaraa muudan keessaa tokko soddaa isaanii [abbaa manaa intalasaanii] kan ta'e Mohaammad Machengerewaadha.
Mohaammad Machengerewa abbaa manaa Waanuu Amiir yoo ta'u, Ministiira Fayyaa ta'uun muudamee jira.
Jijjiirama kaabinee godhame kanaan biiroon haaraan Ministeera Misooma Dargaggootaa jedhamu hundeeffamuufi Biiroo Pirezidaantii jalatti akka hogganamu ifa godhan Pirezidaant Saamiyaan.
Filannoo ji'a darbe Tanzaaniyaatti gaggeeffameen Pirezidaant Saamiyaa sagalee dhibbeentaa 98 argachuu Komishiniin Filannoo biyyattii beeksisee ture.
Kuni ammoo dargaggoota biyyattii biratti dheekkamsa kaasuun mormiin gaafa Onkoloolessa 29 Dare Salaamitti eegale guutuu biyyattii wal-gahuun mormitootafi poolisii biyyattii gidduutti muddamni jabaan dhalatee ture.
Erga Taanzaaniyaan bara 1960oota keessa gita bittaa jalaa baatee siyaasni biyyattii paartiidhuma tokkoon dhuunfatameera kan jedhu komii dargaggoonni biyyattii kaasaniidha.
Maddeen hawaasa dippilomaatikii Tanzaaniyaa keessa jiran BBCf akka ibsanitti, filannoo ji'a darbe gaggeeffame hordofee mormii ka'e dhaabsisuun tarkaanfii poolisiin fudhateen yoo xiqqaate namoonni 500 du'aniiru.
Pirezidaant Saamiyaa Suluuhuu ajjeechaa namoota hiriira bahan irratti gaggeeffame ilaalchisee qorannoon akka gaggeeffamu beeksisanii ture.















