Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraan IGAD keessaa bahuu ibsite, IGAD murtichaan 'gaddeera' jedhe
Ertiraan miseensummaa Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) keessaa of baasuu Ministeerri Odeeffannoo biyyattii beeksise.
Ministeerichi ibsa Mudde 12, 2025 baaseen Murtee mootummaa Ertiraa kana Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa beeksiseera jedha.
IGAD ibsa Eertiraa kana hordofee ibsa baaseen Ertiraan miseensummaa dhaabbatichaa keessaa bahuun ''gaddeera'' jedheera.
Mootummaa Ertiraa IGAD keessaa bahuuf murteessuu ibsa waajirichaaf ergerraa hubachuu ibsee jira.
IGAD Eertiraan miseensummaa keessaa bahuuf murteessuun gaabbisiisaa ta'uu irra deddeebiin himeera.
Ertiraan miseensummaa IGAD keessaa wayita of baaftu kun kan jalqabaa miti. Bara 2007 keessa wanta uummatni naannichaafi addatti ammoo Ertiraan irraa eegdu bahuu hin dandeenye sababa jedhuun miseensummaa dhaabbatichaa dhiiftee ture.
Turtiii waggoota 16 booda ammoo bara 2023 deebitee miseensummaa haaromfatte. Miseensummaatti kan deebites dhaabbatichi rifoormii Ertiraan akka dhufu barbaaddu raawwachuu mala abdii jedhuun akka ta'e Ministeerichi ibseera.
Ministeerri Odeeffanoo Etiraa ibsa baase kana keessatti sababa ammas irra deebiin miseensummaa keessaa baateef yoo ibsu ''dantaa Ertiraa eegaa hin jiru, tasgabbiifi fedha uummata naannichaas kabachiisuu hin dandeenye,'' jedheera.
''IGAD haala nama gaabbisiisuun gaafatama kennameefi barbaachisummaasaa mirkaneessuurraa boodatti deebi'uu itti fufeera'' jedheera.
Dabaluunis, IGAD miseensotasaaf fayidaa tarsiimawaa irraa eegamu kan nagaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun walitti hidhaminsa jabeessuu jedhu hin milkeessine jechuun qeeqeera. Tasgabbii naannichaafis gumaata guddaa gochuurraa hanqateera jedheera.
Ertiraan IGAD bara 1993 wayita cimee ijaaramu miseensota kaan waliin shoora olaanaa taphachuu yaadatteetti.
IGAD ammoo gama isaan Eertiraan bara 2023 erga deebitee miseensa taatee booda marii, sagantaalee fi sochii dhaabbatichaa keessatti hirmaachaa hin turre jedheera.
Yeroo kana keessatti waajirichi obsaafi faara gaariin mariif karra banee akka ture ibseera.
Dabalataan Eertiraan sababa miseensummaa keessaa ishee baase ilaalchisee wixinees ta'e yaada marii hin dhiyeessine jedheera.
Eertiraan murteeshee kana keessa deebitee ilaaluun miseensummaan akka turtu waamicha dhiyeesseera.
Gaafatama waltumsuufi tasgabbii biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduu jiru cimsuuf kennameef raawwachuu jabaate akka itti fufus IGAD ibsa isaa keessatti eeree jira.
IGAD maaliif hundaa'e?
Dhaabbanni Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) bara 1980 keessa Baha Afrikaatti weerara awaannisaafi gogiinsa mudateef furmaata waaraa kennuuf kaka'umsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin hundeeffame.
Biyyoonni saddeet miseensa dhaabbatichaa yoo ta'an, dhaabbatichi gogiinsa Baha Afrikaa irra deddeebiin hubaa jiru wal-ta'iinsaan ittisuuf kallattiiwwan misoomaa kaa'uu kan kaayyeffate ture.
Itoophiyaa, Jibuutii, Somaaliyaa, Sudaaniifi Yugaandaan miseensota IGAD hundeessan yoo ta'an, Ertiraafi Sudaan Kibbaa boodarra itti makaman.
Waggaa 10 booda bara 1996 dhaabbatichi kayyoofi galma isaa bal'isuun bifa ammaa kana qabatee akka haaraatti gurmaa'e.
Dhaabbatichi bara 1996'tti nagaafi tasgabbii, wal-ta'iinsa diinagdeefi wal-tumsuu of keessatti qabatee hojii isaa eegale.
IGAD fi Ertiraa
Waggaa lama dura wayita Eertiraan turtii waggaa 16 booda miseensummaa IGADtti deebitu Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa dhaabbata qorannoo nageenyafi tasgabbii kan ta'an Dr. Yoonas Adaayee yaada BBCf kennaniin hariiroo IGAD fi Eertiraa ibsaniiru.
"Ertiraan gara IGADtti deebi'uunshee eenyummaa Afrikaa agarsiisuf gaarummaa qaba. Guddachuufis biyyoota biroo wajjin wal-ta'uun dirqama. Dippilomaasii qofaan osoo hin taane, daldalaafi wantoota biroonis kaan wajjin hojjachuun nageenya keessof wabii guutuu ta'uu baatullee, kan tasgabbeessufi gara fuulduraatti abdii kan horuudha jedheen amana.
"Lammaffaan, bulchiinsichi biyyoota ollaa wajjin waliin jiraachun tarkaanfii tarsiimoo guddaadha. Waliin wal-danda'nii jiraachuu, waliin guddachuun bilchina siyaasaa guddaadha jedheen yaada," jechuun Ertiraaf fayidaa akka qabu BBCtti himan Dr. Yoonas.
"Ertiraan haa haftuutii biyyoonni gurguddoon kaaniyyuu qophaa isaanii waanti godhan hin jiru. Gaanfa Afrikaa yoo ilaalle, gogiinsa, rakkoo nageenyafi rakkoolee biroo addumatti ammoo hiyyummaa hambisuuf tokkoomuu, walitti dabalamuufi wal-ta'uun barbaachisaadha. Ertiraanis kanarraa baay'ee fayyadamuu dandeessi," jechuun sochiin jijjiiramaa naannichatti gaggeeffamu kamiyyuu biyyoota naannichaa kan fayyadu akka ta'e ibsu Dr. Adaanan.
Ertiraan maalif amma gara IGADtti deebite kan jedhuuf ammoo naannichatti waggoota sadan darban jijjiiramoonni heddu mudachuu ibsuun "tokkoffaa Itoophiyaa keessatti siyaasni jijjiiramuurraa kan ka'e rakkina qofa osoo hin taane caraanis waan jiruufidha" jedhan.
Siyaasni addunyaa sababa waraana Yukireenifi Raashiyaan gareen uumamuufi fedhiin tarsiimoo Chaayinaa bal'ataa dhufuun ammoo barbaachisummaan Gaanfa Afrikaa akka dabalu taasiseera.
Itoophiyaafi Ertiraa gidduu muddamni yeroo dheeraf ture furamuunsaa biyyattiin IGADtti akka deebituuf carraa gaarii uumufi akka sababa ijootti kaasun, "dhiyeenya kana walitti dhufeenyi dippilomaasii Chaayinaafi Raashiyaa waliin cimsataa jiraachunshee qophaashee itti fufuu akka hin daneenye waan hubatteef gara gamtaa qaxanichaa [IGAD]tti deebi'uu kan barbaadde," jedhu.
Dabaluunis, "Carraan Galaana Diimaafi saamichi ji'oo istiraateejii taasifamutti Ertiraan fayyadamuu yoo feete, qophaashee deemun raawwachiisuu hin dandeessu…Pirezidaantin Keeniyaa haaran Wiiliyaam Ruutoo fedhii bifa haaran isaan qaban irraa kan ka'e ta'uu mala Ertiraan gara IGADtti kan deebite," jechuun ibsu Dr. Yoonas.
Akkuma ECOWAS fa'aa biyyoota IGAD keessatti paaspoortin tokko osoo jiraatee, suuta suuta diinagdee qofa osoo hin taane tokkummaan nageenyafi tasgabbii osoo uumamee hiyyummaa biyyoota kana keessatti dagaage furuun akka danda'amu amanu Dr. Yoonas.