Gosa dorgommii atileetiksii 'qoricha humna namaa kennan' fayyadamuun' itti jajjabeefamu

Tirii samuda laaboraatoorii farra qoricha sammuu namaa hadoochu kan tapha Landan bara 2012 Amajjii 19 bara 2012 Haarlow, UK keessatti gaggeeffame irratti saamuda atileetotaa ittiin qoratame.

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota darban kana keessatti qorichootni humna dabalan dirree atileetiksii keessatti ashaaraa gurraacha kaa'aniiru.

Sababa qorichoota dhorkaman kana fayyadamuutiinis Ispoortii keessatti namoonni maqaa guddaa qaban meedaaliyaa fi maqaa gaarii isaanii akka dhaban ta'aniiru.

Garuu gosti atileetiksii qorchoota kana fayyadamuu dhorkuu caalaa itti jajjabeeffamu akka jiru quba qabduu?

Gara dorgommiiwwan humna dabalataa barbaadanii baga nagaan dhuftan.

Ispoortiin dorgommii gosa hedduu of keessaa qabuu fi Caamsaa bara 2026 Laasveegaasitti adeemsifama jedhame kuni qorannoo qorichoota onnachiisoo kan irratti hin adeemsifamnedha.

Taphni kun yaada nama biizinasii Awustiraaliyaa Aron Disozu jedhamuu yoo ta'u, atileetonni qaama isaanii irratti waan barbaadan fayyadamuf mirga qabu yaadama jedhu kan qabudha.

Yaadni Disozu kun deebi'ee akka hojiirra oolu kan ta'e Fandii kaappitaalaa ilmi Pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Tiraamp Juniyerii fi biliyeenara Pete Tiiliini.

Dorgommiin kuni jalqaba kan labsame bara 2023 yoo ta'u, Rikardiiwwan addunyaa cabsuu fi badhasa hanga Doolaara Miliyoona tokkoo kan irratti argamudha.

Qindeessitoonni sagantaa kanaa akka jedhanitti, daaktuun Giriik Kiristiyaan Gikoomiiv dorgommii bishaan daakkii meetira shantamaa irratti rikardii addunyaa kan bara 2009 irraa hanga ammaa hin cabne dursee xumure. Rikardiin kuni garuu akka addunyaatti hin mirkanaa'u.

Dorgommii walfalmisiisaa kanarratti gama Dorgommii bishaan daakkiitiin Olompiyaaniin Biriitish Ben Pirood atileetii jalqabaa Biriitish dorgommii kanarratti qooda fudhate ta'eera.

Pirood BBCtti akka himetti dorgommii kanarratti qooda akka fudhatuuf kan isa kakaase badhaasa maallaqaa dorgommichi qabudha.

"Badhaasan dorgommii tokkicha kanarratti yoon moo'adhe argachuu danda'u dorgommii chaampiyoonaa irratti argachuuf waggoota 13 dorgommii daakkii irratti hirmaachuu nagaafata" jedhe.

Been Piraawud atileeti Biriteen taphoota falmisiisoo ta'a kana irratti hirmaate isa jalqabaa ta'eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Been Piraawud atileeti Biriteen taphoota falmisiisoo ta'a kana irratti hirmaate isa jalqabaa ta'eera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala nama ajaa'ibuun garuu dorgommiin onnachiistuudhaan dorgomamu kuni namoota hedduu biratti badaa hin beekamne.

Pirezedaantiin waldaa Atileetiksii Addunyaa, Lord Key, dorgommii kanarratti qooda fudhachuun 'Gowwummaadha' jechuun, atileetonni achirratti hirmaatan dorgommiiwwan irraa ugguramuu yeroo dheeraatiif saaxilamu jedhan.

Dorgommiin kuni dorgommii bilisaa fi fayya qabeessa ta'e kan miidhu kan jedhe Waldaan farra Doopingii Addunyaa, "Projektii hamaa fi itti gaafatamummaan hir'atedha" jechuun ibse.

Gama kaaniin weebsaayitii dorgommii Onnachiistuu kanarratti omishaaleen hormoonii si'eessan gurguramaa jiru jechuun qeequ.

Miidhaaleen cinaa qorichoota kana fayyadamuun qabu, miira gaarii dhabuu, mukaa'uu fi miira aarii fi dallansuu namarratti uumuudha.

Pirood omishaalee onnachiisoo kana fayyadamuun 'Balaa hamaa qaba' jechuun miidhaa inni fiduu malu nibeeka.

"Omishaalee kunneen irratti ilaalcha hawaasaa gaarii hin taanetu jira. Garuu kana fayyadami sana fayyadami jedhee namni ajaja naaf kennuu hin qabu. Wanti hundi filannoo kooti" jedha.

Atileetiksii Biriiten fuula miidiyaa hawaasaa irratti akka ibsetti, Prood dorgommii qorichoota humna namaa kennan kanarratti hirmaachuugf mallatteessuu isaatti hedduu gadduu ibseera.

"Dhaabbanni Atileetiksii Biriiten qooda fudhattoota kaan waliin dorgommii Ispoortii fayyaa qabeessa ta'e irratti ejjennoo jabaa qabna. Gocha Ben kana nibalaaleffanna" jechuun ibse.

Dhaabbanni Ispoortii UK atileetiksii biyyattii waliin qidnaa'uun, dhimma Ben kana saffisaan ilaalaa akka jiruu fi rakkoon fandii jiru furamee Ben dabalatee atileetonni kaan dorgommii qorichoota Onnachiisoo irraa bilisa ta'e qofarratti akka fuulleffatan akka godhu ibse.

Garuu dhaabbanni dorgommii ispoortii qorichoota onnachiisoo fayyadamuu dorgommii bara dhufuu irratti atileetonni hundi qorannoo fayyaa cimaa ta'e keessa darbu jedhe.

Qindeessitoonni dorgommichaa atileetonni dorgommii kanarratti hirmaatan badhaasaa fi boonasii gaarii akka argatanii fi kanneen rikardii fooyyessaniif ammoo badhaasa miliyoonaan lakkaa'amu akka kennamu himan.

Weebsaayitii isaanii irrattis "Atileetonni gosa dorgommii isaaniirratti gumaacha taasisaniif beekamtii fi beenyaa quubsaa akka argatan mirkaneessuufii barbaanna" jedhe.

Prood Raadiyoo BBC 5ti akka himettic "Yeroon sooromaa dhihaate dubbii guddaadha. Waggoota muraasa booda dhaabuun mala" jedhe.