Himanni itti aanaan pirezidantii Sudaan Kibbaa wal waraansa akka kaasu sodaatamu maali?

Madda suuraa, Reuters
Itti aanaan pirezdantii Sudaan Kibbaa jalqabaa Riik Machaar yakka ajjeechaa, biyya ganuu fi yakka dhala namaa irratti raawwatan jedhaniin himataman.
Himannaan itti aanaa pirezidaantii kun biyyattii keessatti waraana wali waliini kaasuu danda'aa jedhamuun sodaa guddaa uumera.
Ministirri Haqaa biyyattii Jooseef Geengi Akech himannaan itti aanaa pirezdantii irratti baname haleellaa bara darbe ji'a Bitootessaa keessa isa irratti raawwatame irraa kan madde ta'uu ibsaniiru.
Daandiin guddaan gara mana jireenyaa isaa magaalaa guddoo Juubaatti geessu taankii fi loltootaan cufamee ture.
Humnoonni Machaariif amanamoo ta'an finciltoota Pirezidaantii Saalvaa Kiiriif amanamoo ta'an waliin lola waggaa shanii kan gaggeesan yoo ta'u, waliigaltee nagaa bara 2018 xumurame ture.
Machaar bara darbe Bitootessa irraa eegalee hidhaa manaa jala kan ture yoo ta'u, Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaa fi biyyoonni ollaa tasgabbiin akka ta'u waamicha dhiyeessan.
Waraanni biyya keessaa namoota 400,000 galaafate kun bara 2018 waliigaltee nagaatiin kan xumurame yoo ta'u, hariiroon Machaar fi Kiir gidduu jiru garuu hammataa dhufee, darbee darbee saboota lamaan gidduutti walitti bu'iinsi akka uumamu taasiseera.
Ministirri Boba'aa Put Kaang Chool fi Deettaan Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Lt. Jeneraal Gabri'eel Duhop La dabalatee namoonni biroo torba Machar waliin himataman jedhan Ministirri Haqaa Jooseef Geeng Akech ibsa kennaniin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hundi isaaniis michuu Machar kan turan yoo ta'u, yeroo wal fakkaataa keessatti hidhaman.
Ministirri kun shakkamtoonni 13 ammallee kan to'anno jala hin oolle akka jiran himan.
Kaaba baha magaalaa Naasir keessatti kaampii waraanaa keessa socho'aa akka turan kan amanamu yoo ta'u, loltoota 250 fi jeneraal tokko ajjeesuun isaanii ni yaadatama.
Akkasumallee Helikooptara qabeenya Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ta'e tokkottis ibiddi qabachuun balaliisaa ishees du'eera.
Ministirri haqaa kun, "Himannaan kun namoota yakka ummata Sudaan Kibbaafi hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwataniif ergaa ifa ta'e dabarseera.
Ejjennoo ykn dhiibbaa kamiiyyuu qabaatanis yakka raawwataniif ni gaafatamu."jedhan
Itti dabaluunis dhimmichi gara manneen murtiitti kan dhiyaate yoo ta'u, hanga murtiin irra ga'amutti falmii siyaasaa ykn dippilomaasiitiif banaadha jedhan.
Machaar haleellaa jedhame kana duuba jiraachuu fi dhiisuu isaanii ilaalchisee yaada hin kennamne.
Sudaan Kibbaa Sudaan irraa walabummaa kan argatte bara 2011 waraana waggoota dheeraa booda ture.












