Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree dhibee gaggabdoon wallaansoo walqabaa barattee hanga dhaabbata hundeeffachuu geesse
Liyaat Tamasgeen jedhamti. Dhalattee kan guddatte magaalaa Jimmaatti. Barnootashees kutaa tokkoo haaga kudha lamaatti achuma Jimmatti baratte.
Digirii jalqabaa ammoo ogummaa Baayomeedikaal Injinariingiitiin Yunivarsiitii Jimmaarraa eebbifamte. Amma dhaabbata dhuunfaashee qabdi.
Garuu bakka amma jirtu gahuuf qormaata gara garaa keessa dabarte. Liyaan dhukkuba gagabdoo (epilepsy) qabdi. Dhukkubni kun tasashee kuffisa.
Yoo ishee dhukkubuutti ammoo gara fayyummaasheetti deebi'uuf yeroo dheeraa waan itti fudhatuuf barnoonni jala darba ture. Ilaalchi barsiisonni tokko tokko dhukkubasheetiin walqabatee isheef qaban ammoo rakkisaa ta'uu dubbatti.
Namoonni akka waan dhukkubichi "daddarbuutti ykn abaarsa Waaqaa" ta'eetti yaadan jiraachuun rakkisaa ta'uu kaasti. Qormaata haala fayyaasheetiin walqabatee isheerra gaheenis yeroo barnootashee itti xumuruu qabdurraa boodatti haftee turte.
Shamarreen kun rakkoo fayyaatiin walqabatee qormaatashee mudatee fi bu'aa bayii keessa dabartee milkoofte akkasumas dhaamsa dubartootaaf qabdu turtii BBC waliin taasisteen dubbatteetti.
Yunivarsiitiin Jimma Instuutiin Teknoolojii ogummaa Baayoomeedikaal Injinariingii barsiisuudhaan dhaabbata hangafaa yoo ta'u barattoonnii fi barsiisonni muummee kanaa kalaqa waldhaansa fayyaa gara garaa gumaachuudhaan beekamu.
Yunivarsiitichi "waa'ee tokkoo tokkoon maashinaa bal'inaan barsiisa" kan jettu Liyaan, ogummaa fi dandeettii muummichaa argatteenis dhaabbata ofiishee dhaabdee hojjechuu irratti argamti.
'Namoonni akka waan daddarbuutti, abaarsatti ilaalan jiru'
"Ani nama dhukkuba gaggabdoo (epilepsy) qabudha. Sana biratti ammoo, dubara ennaa taatu rakkoon si mudata" jechuun rakkoon fayyaa isheen qabdu ulfaataa ta'uu ibsiti Liyaat.
"Yeroo baay'ee qormaanni kan na mudatu rakkoo fayyaakoon wal qabatuudha" kan jettu shamarreen kun, rakkoo fayyaa qabdurraa kan ka'e barsiisota tokko tokko waliinis waliigaluu akka hin dandeenyee fi dhiibbaan gara garaa irraa gahaa turuu himti.
Dhukkuba tasa nama kuffisu qabaachuusheetiin ammoo "hundas ta'uu baatu namni baay'een ilaalcha gaarii hin qabu. Gariin manatti hafuu akka qabdu, yookaan barachuu akka hin qabne, yookaan hojjechuun akka sirra hin jirannetti yaada. Altokko tokko akkati barumsa dhaabdu dhiibbaa sirratti taasisu. Qorumsi akkasii na mudateera" jechuun qorumsa keessa dabarte ibsiti Liyaat.
"Namni qulqullummaadhumaan garaasaarraa gaddee kan si gargaaru, akka maatiitti kan si kunuunsu jira. Yeroon kufuuf ka'u kan na waliin dhaabbatan hiriyoonnikoo baay'een akkan bakka kana gahu na godhan [jiru]" jechuun kan kaastu Liyaat, gama biraan ammoo namoonni hubannoo dogongoraa qabanis jiraachuu dubbatti.
"Akka waan dhukkubichi daddarbuutti, abaarsa akka ta'etti, ilaalcha gaarii hin taane namoonni qaban jiru. Namoonni sodaatan yookaan naannoosaaniitii si fageessuu barbaadan, ijoolleesaanii kan sirraa fageessan, namoonni duubarraan quba sitti qabanis jiru" jechuun ilaalcha dogongoraa namoonni isheef qaban yaadachiisti.
Yeroo barattu rakkoo fayyaa isheen qabdu arganii "barsiisonni baay'een hubatanii na gargaaraniiru. Gireediin akka na gargaaraniif barsiisotakoo gaafadhee hin beeku; gargaaramees hin beeku" jetti Liyaat.
Itti dabaluunis, "Yeroo daree barnootaa keessatti si dhukkubes namoonni si hubatan akkuma jiran, dhukkubsattuu taatee maliif baratta barsiisonni jedhanis baay'eetu jiru. Barnootarraa si baasuu kan barbaadanis si mudatu" jechuun qormaata sababa rakkoo fayyaasheetiin ishee mudate ibsiti.
"Kanaan duras dukkuboota biroo qaba. Epilepsy'n [dhukkubni nama kuffisu] kan na jalaqabe ergan guddaadheeti. Ka'umsisaa hin beekamu. Waldhaansa qaba. Qorichoonni yeroo dheeraadhaaf fudhataman jiru. Fayyuu danda'ama abdiin jedhu jira. Kanaafidha waldhaanamaa kan jirru; garuu abdiin [fayyuusaa] gadaanaadha. Qorichaan garuu to'achuun ni danda'ama. Beelaa fi aarii hin jaalatu" jechuun waa'ee dhukkubichaa ibsiti Liyaat.
Dhukkuba kanarratti gaddii fi gammachuun daangaa darbe, naasuun dhiibbaa qabaata. Sirnaa nyaataa sirreessuun qorichasaa haalaan fudhachuun barbaachisaa ta'uus akka furmaataatti dubbatti.
"Namni ilaalcha dogongoraa yeroo qabaatu yoo danda'ame barsiisuu, hubachiisuun" barbaachisaa ta'uu kan kaastu shamarreen kun, namoonni sababa gara garaan namoota dhukkuba kanaan rakkatan irratti jecha dhuka isaan buusu dubbachuurraa akka ofeegan gorsiti.
"Barsiisonni nama akkasii [dhukkubsataa] hin barsiisu, hin keessummeessuu jechuu otoo hin taane ofitti dhiyeessanii ni darba jedhanii jajjabeessuun, gorsuun, yoo barbaachise daree dabalataa isiniif kennina" jechuun abdii itti horuu qabu jechuun dhaamti.
Dhukkuba tasa nama kuffisu epilepsy irraa bayyanachuun yeroo dheeraa akka gaafatu kan kaastu shamarreen kun, barattoota haala kana keessa taa'anii barataniif haalli addaa isaan itti gargaaraman, jajjabeeffaman jiraachuun barbaachisaa ta'uus dubbatti.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa-WHO'n ibsutti, dhukkubni of nama wallaalchisuun kuffisu, epilepsy'n dhukkuba sammuu hamaa namarraa namatti hin daddabarre [chronic noncommunicable] kan umrii kamirattuu uumamuu danda'udha.
Akka idil-addunyaatti namoonni miliyoona shantama ta'an dhukkuba kana kan qabaman yoo ta'u dhukkuba narvii beekamoo ta'an keessaas isa tokkodha. Namoonni dhukkuba epilepsy qaban naannawaan dhibbantaa saddettamaa ammoo biyyoota galii gadaanaa fi giddugaleessaa qaban keessa jiraatu jedha WHO'n.
Namoonni dhukkubicha qaban kan biyyoota galii gadaanaa qaban keessa jiraatan dhibbantaan torbaatamii shan waldhaansa barbaachisaa hin argatani. Kutaalee addunyaa gara garaa keessatti namoonni epilepsy dhukkubsatanii fi maatiinsaanii hawaasaan akka moggaatti dhiibamanii fi qoollifataman ibsa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.
Ofwallaalchisuu, ro'imsiisuu yookaan sochii qaamaa to'annoon ala ta'e mudachuun amala dhukkubichaa keessaa ijoo ta'uu kan ibsu WHO'n sodaan, sirnaan hubatamuu dhabuun, hawaasaan moggaatti dhiibamuu fi qoodamuun xiinsammuu fi jireenya hawaasummaa namoota dhibee kana dhukkubsatanii hubuu kaasa.
'Yeroon qorumsarraa itti dhorkameyyuu ture'
Hubannaan dogongoraa namoonni dhukkuba isheetiin walqabsiisanii isheef qaban "xiinsammuu irraatti garmalee ulfaataa ture. Inumaa yeroon qorumsarraa itti dhorkameyyuu ture. Qorumsarratti dhukkubsadheeni otoo hin taane, sababa dhukkubakootiin barachuun akka narra hin jiraanne natti himameetu. Barsiisonni akkasiis jiru. Ulfaataa ture" jechuun waan keessa dabarte yaadachiisti.
"Haata'uutii namoonni si jaalatan, deeggarsi maatii fi hiriyootakee akkasumas ni darba jedhanii yaaduun humna namaa kenna. Hojjedhee, naa milkaa'ee ilaalchi akkasii akka hin jiraannee agarsiisuun qaba yaadamni jedhus si keessatti uumama; boorees sitti hora" jechuun booreen kaleessa haala rakkisaa keessatti horatte milkaa'inashee har'aatiif karaa saaquu dubbatti.
Dhibee kanaan yeroo dhukkubsattu gara fayyaasheetti deebi'uuf yeroo dheeraa akka isheetti fudhatu kan himtu Liyaat, daftee gara barnootasheetti deebi'uun ulfaataa akka ture kaasti.
Sababoota gara garaa fayyaashee waliin walqabatee ishee mudateen yeroo silaa itti barnootashee goolabuu qabdurraa boodeetti akka hafte kan dubbattu shamarreen kun, haala kam keessattuu otoo abdii hin kutatiin barnootasheetti cichuu himti.
Qormaanni jireenyaa yeroo nama mudatu, "namoota biraa boodatti hafuun, gidduudhaan dadhabuun, afuura fudhachuun kan jirudha" kan jettu Liyaat, "waanti hundumtuu ni darba waan ta'eef abdii otoo hin kutatiin" cichoomuun barbaachisaa ta'uu himti. "Wantoonni na boochisan baay'eetu ture. Xiiqiin [yeroo sana] na qabe ammoo isaan mo'achuudhaaf" kaka'umsa akka isheetti uumee tures dubbatti.
Qormanni sun darbee ammoo maatiikeef hiriyootakee waliin haasoftee kolfita. Yeroon sun ni darbe galata Waaqayyoo jettee akka seenaatti haasofta. Kun ta'uu kan danda'u garuu yoo dabarte qofadha.
''Abdii kutattee haalicha keessatti hafnaan garuu yeroo dabartu itti gaabbita malee hin gammaddu. Milkaa'us milkaa'uu baatus haala [ulfaataa] keessatti cichanii deemuun" barbaachisaa ta'uu gorsiti shamarreen qormaata jireenyaa bal'aa keessa dabarte.
Sababa rakkoo fayyaa yeroo yerootti ishee mudachaa tureen barnootashee yeroo hin xumurre. "korsiiwwan akka haaraatti fudhadhe jiru" kan jettu Liyaat, adeemsichi nuffisiisaa akka ture dubbatti.
'Harmeekootu fakkeenya naaf ta'e'
"Matiinkoo daldaltoota. Harmeenkoo nama baay'ee jabduudha. Isheetu fakkeenya naaf ta'e. Hamma fedhe yoo qormaanni ishee mudate, galgala galata Waaqayyoo jetti. Yeroo nuti aarruyyuu ni darba jetti. Sanbata, ayyaana otoo hin jenne hojjetti. Nutti akka hin hir'anneef wareega guddaa baaste.
''Waan jalattuuf wareega baasuun, galata Waaqayyoo jechuun dirqama akka ta'e [nu barsiiste]. Qormaanni yeroo mara waan jiruuf, jabaatanii darbuu malee laaleffachuun akka hin hin barbaachisne [nu barsiisteetti]. Gama baay'een harmeenkoo fakkeenyakooti" jechuun ogummaa jireenyaa harmeesheerraa argatte dubbatti.
Harmeenshee Aganyehush Bayaabbil jedhamti. Obbolaa fi hiriyootasheetiin Aganyi jedhamtee waamamaa turte. "Manatti hundi keenyayyuu immaayyee jenneetu waamna" kan jettu Liyaat harmeenshee garuu "immaayyee jedhamtee waamamuu hin jaalattu" jechuun ibsiti. Harmeenshee Aganyi jedhamtee waamamuu waan jaalattuuf, "akka isheetti toluuf" jettee dhaabbatashee Aganyi Jeneraal Baayomeedikaal Injinariingi jechuun maqaa harmeeshiitiin akka moggaaste dubbatti Liyaat.
Liyaat erga eebbifamtee baatee Jimmatti dhaabbata daldala meeshaalee waldhaansa fayyaa kan mataashee hundeessuun hojjechaa jirti. Erga hojii kana eegaltee ganna lamatti dhiyaachuu kan kaastu shamarreen kun meeshaalee waldhaansa fayyaa gurguruu, suphuu fi dhaabuu [instalment] hojjechaa jiraachuu dubbatti.
"Yaaluun qaba jedheen jalqabe. Yoon kufes kufe, yoon ka'es ka'e jedheen kaappitaala xinnoodhaanan eegale. Maatiinis na gargaaru. Ennaa ajajni jiraatu yoon maallaqa hin qabu ta'e, maatiirraa fudhadheen ergan meeshicha fichisiisee gurguree booda, maallaqicha deebisaaf" jechuun haala itti jalqabade himti.
Jimmatti dhaabbanni tajaajila akkasii kennu tokko qofa waan tureef hanqinni jiraachuu dubbatti. "Maamillis naaf baraa jira. Kibba Lixa Itoophiyaa waliin gahuufan hojjechaa jira" jechuun waa'ee hojii amma itti jirtuu himti Liyaat.
Maashinoota waldhaansa fayyaa gurguruuf suphuu cinaatti haala itti fayyadamasaa irartti tajaajila barsiisuu fi gorsuus akka kennan dubbatti Liyaan. Meeshaalee waldhaansa fayyaa kanaan dura Jimmatti hin argamne akkanni argamu gochuuf hojjechaa jiraachuus kaasti.
'Qormaanni hin eegamne baay'eetu mudatu'
Meeshaaleen waldhaansa fayyaa haaraan yeroo dhufan haala itti fayyadamaasaa akaksumas amalasaa baruun yeroo akka itti fudhatu kan kaastu shamarri kun, hojiin amma hojjechaa jirtus qormaata mataasaa qabaachuu dubbatti. Altokko tokko halkaniin maashina Finfinneedhaa feetee akka galchitu kan kaastu shamarreen kun, hanqina kaappitaalaa dabalatee qormaanni hojii keessatti ishee mudatu jiraachuu dubbatti.
Shamarreen kaleessa qormaata cimaa keessa darbuun har'a dhaabbata mataashee hundeessite kun, ofiisheerraa hafuun namoota lamaaf dhaabbataadhaan, kan biroo lamaaf ammoo bifa dhaabbataa hin taaneen akkasumas namoota meeshaalee fayyaa suphan afuriif ammoo bifa kontiraataan akka hojjetan carraa banuufii dubbatti.
"Qonna nan jaaldha" kan jettu Liyaat, "waggoota jahan dhufan keessatti maashina qonnaa oomishuudhaaf akkasumas alaa biyya keessatti galchuuf karoora" qabaachuus dubbatti.
"Dubara taatee, sana biratti ammoo umriidhaan [dargaggeettii] ennaa taatu waan hojjechuu dandeessu namatti hin fakkaatu. Fakkaatanii ammoo dubartootarraa namoonni fayyadamuu barbaadanis jiru. Dubartii yoo taate dhiiraaf waan biraa kan [dubartii ta'uu] waliin walqabatu wayii gochuu akka qabdutti namoonni yaadan jiru. Hojiidhaaf dhufanii wanta biraa kan barbaadan ni jiraatu. Qormaanni akkasii jira. Qormaata dhugaadhaan nama qunnamudha" jechuun qormaata imalasheerratti ishee mudate ibsiti.
Gaafa qormaanni akkasii mudatan "mirga ofii kabachiisuun akkuma jirutti ta'ee aaruu, gadduu dhiisuudhaan" qormaaticha bira obsaan darbuun barbaachisaa ta'uu gorsiti Liyaat.
Qormaanni "hin eegamne baay'een ni mudatu. Hojjettee yoo fiddes altokko tokko, dubartii yoo taate ofiikeen waan fidde namatti hin fakkaatu" kan jettu shamarreen kun kaayyoo ofiirratti xiyyeeffachuun cichoominaan kaayyoo ofii milkeessuun akka danda'an dubartootaaf dhaamti.