Gaafii ogeessonni fayyaa kaasaa jiraniin walqabatee hanga ammaa kan beeknu

Wallaanamtoota hakiimoota eeggataa jiran

Madda suuraa, BLH

Gaaffii mindaafi faayidaa ogeessoonniifi hojjattoonni fayyaa Itoophiyaa tibbana dhiyeessaan jiraniin wal qabatee, hidhaafi doorsisni itti fufuun hakimoonni intarnii fi reezidantoonni 1,000 caalan barnootaafi hojii dhaabuu qindeessitoonni sochii ogeeyyii fayyaa Itoophiyaa BBC'tti himan.

Ogeeyyiin fayyaa gaaffilee ijoo 12 tarreessuun ji'a tokkoof erga mootummaa gaafataa turaniin booda Caamsaa 13 irraa kaasee, lagannaa hojii gariin jalqabuun ni yaadatama.

Tajaajila hatattamaa, dahumsaa fi kutaa wallaansa xiyyeeffannoo addaa [ICU] irraan kan hafe wallaansa akka addaan kutan himanii kan turan yoo ta'u, sana hordofees hospitaala kutaalee biyyattii gara garaatti danqaan uumamee akka ture BBC'n gabaasee ture.

Torban lagannaan gartokkeen labsametti Caamsaa 19 ammoo mootummaan gaaffilee isaanii deebisuurra ogeeyyii doorsisuu fi hidhuu filate jechuun lagannaa hojii guutuu labsan.

Sochiicha hordufuunis ogeeyyii fayyaa 80 ol hidhammuu fi isaan keessaayis 19 hiikamuusaanii qindeessitoonni sochiichaa BBCtti himaniiru.

Hanga gaaffileen keenya 12'n deebi'ainifi ogeeyyiin fayyaa hidhamanis haalduree tokko malee hiikamanitti hojiitti akka hin deebine dubbatu qindeessitoonni sochichaa.

Lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa taasisaa jiraniin namooni yaala barbaacha dhufan, Finfinnee hospitaalota akka Tuqur Anbassaa, Paawuloos, Yakkaatit 12, Peexroosii fi Minilik, Oromiyaa keessaa ammoo Hospitaala Kolleejjii Meedikaala Adaamaa, Hospitaala barnootaa Salaalee, Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa, Hospitaala Riifaraalaa Asallaa fi Tigraayitti Hospitaala Riifaraalaa Ayidaritti danqamuu BBC'n odeeffateera.

Pirezidantii Waldaa Hakimootaa dabalatee ogeeyyiin 81 ol hidhamuu kan BBC'tti hime Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa-EHPM, amma ogeeyyiin fayyaa 19 ammoo hiikamuu ibseera.

Haata'u malee, doorsisnii fi hidhaan ammas itti fufuu kaasan. Akka boordichi BBC'tti himetti, "hakimoonni intarnii fi reezidantii waliigalaan 1,000 caalan barnootaafi hojii dhaabaniiru."

Keessumaa hospitaalota barnootaa [teaching hospitals] hakimoonni bakka hojii ramadamanitti kan hin argamne yoo ta'e, mooraa gadhiisanii akka bahan akeekkachiisuun, akkasumas doorsisuun gariin ammoo hidhaa turuu BBC'n gabaasuun ni yaadatama.

Sana hordofuun hospitaalota akka Tuqur Anbasaa, Paawuloos, Kolleejjii Hospitaala Adaamaa, Yunivasiitiiwwan akka Hawaasaa, Walqixxee fi Gondarfaa keessaa hakimoonni intarnii fi reezdantoonni mooraa lakkisanii bahaa turan.

Haalli kun ammoo erga torbanii asii hanqina ogeeyyii uumuun namoonni yaala barbaacha dhufan rakkoof saaxilamaniiru.

'Har'a garuu ganamarraa kaasanii tajaajila homaatuu hin arganne'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sochii lagannaa hojii ogeeyyii fayyaa kana hordofee dhaabbilee fayyaa mootummaa tokko tokko keessatti waldhaansi danqamuu BBC maddeen irraa odeeffateera.

Maddi BBC Hospitaala Tuqur Anbassaa irraa dubbise tokkoos, "jalqaba torbee, Wixata yeroo hunda namoonni yaala barbaadan baay'inaan dhufu. Keessumaa kutaalee biyyattii gara garaarraa riifarii kan dhufan baay'inaan waan jiraniif namni ni baay'ata.

''Torbee darberraa kaasee lakkoofsi namoota waldhaansa barbaacha dhufanii hir'achuun jiraatus, namoonni heddutu mooraa hospitaala [Ispeeshaalaayizdii Tuqur Ambassaa] keessa ture,'' jedhan.

Ganamaan kaardii baafatanii waldhaansa eegaa turan kan jedhu maddi BBC kun, waldhaansa hatattamaa yoo hin taane, ''duraan dhukkubsattoonni ganama sa'aatii lamaafi walakkaan booda gara OPD deemu ture. Har'a garuu ganamarraa kaasanii tajaajila homaatuu hin arganne. Isaan booda walitti qabamanii gaafachuuf buulchiinsa deeman'' jedhan.

Tajaajilamtoonni yoo tajaajilli hin jirree akka demaniif akka itti himamu gaafachuuf walitti qabamuun bulchiinsa dubbiisuuf yaalanilleen eegdonni akkasaan hin seenne dhorkuu himan maddi kun.

Itti dabaluunis, sana hordofee Kolleejjii Saayinsii Fayyaatti mariin bulchiinsaa akka ture himan.

''Achiin hoji-geggeessaan hospitaalichaa gara namoota gamoo bulchiinsaa durratti walitti qabamaniitti dhaquun haala jiru hubachiisuun, yeroo marii goolaban akka deebii kennaniif itti hime. Laaqanaa booda ammoo walitti qabamuun eegaa jiru" jechuun waan mooraa keessatti arge BBC'tti himeera namni akka eenyummansaa hin baramne gaafate kun.

"Torbee darbeerraa kaasee tajaajiloonni hir'ataa dhufaniiru. Hakimoonni intarnii fi reezidantoonni waan hojii dhaabaniif, barnoonni waardiidhaan walqabutu kan namoota wallaanamaniin cinaa ta'uun baratan dhaabateera'' jedhan.

Kanaaf, ''hakimoota buleeyyiitu intarnii fi reezidantoota bakka bu'ee tajaajila hatattamaa, dahumsaa fi kutaa wallaansa xiyyeeffannoo addaa [ICU] hojjechaa jira. Sababa kanaan hojiileen baruufi barsiisuu gariin dhaabateera. Dhukkubsattoonni fooyyee qaban akka bahan taasifamaa turan'' jedhan.

Kanaan dura yeroo mooraa Tuqur Ambassaa seentu namni waan heddumaatuuf karaa darbinsaa hin argattu, sun amma hir'ateera kan jedhan maddi kun, keessumaa naannoon kutaa OPD [yaalamanii manatti deebi'uu] duwwaadha jedhu.

''Hakimoonni intarnii dhibba tokkoo ol ta'an torbaniin dura mooraa gadhiisanii bahaniiru. Duraan hakimoonni reezidantii mooraa keessatti baay'inaan argamu, amma isaanis hin jirani" jechuun dubbata ogeessi BBC'f waan arge qoode kun.

Dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin BBC'n bulchiinsa Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Tuqur Ambassaa dubbsuuf taasise ammaaf deebii hin arganne.

Akeekkachiisa yunivarsiitiin Hawaasaa baase hordofee doktaroota intarnii sagaltamaa olii fi reezidantoonni muummee gara garaa afur keessatti barataa turan Caamsaa 15 irraa eegalanii mooraa yunivarsiitii gadhiisanii bahaa akka turan BBC'n ogeessa yunivarsiitichaa tokko wabeefattee gabaasee ture.

'Humni guddaan hospitaalicha qabee jiru hakimoota intarnii fi reezidantoota'

Ogeessi BBC'n Hospitaala Kolleejjii Meedikalaa Adaamaa irraa dubbise akka himanitti, torban tokko erga lagannaa gartokkeen jalqabanii as wanti jijjiirame akka hin jirre ibsuun gara lagannaa hojii guutuutti seenuu himu.

Caamsaa 19 ganamarraa eegalanii hakimoonni interanii fi reezidantoonnii Hospitaala Kolleejjii Meedikalaa Adaamaa guutummaatti akka hojii dhaaban kaasu ogeessi kun.

"Hospitaala kanatti guyyaan dhukkubsataa gara kuma lamaati kan ilaalamu" kan jedhu ogeessi kun, "kan hospitaalicha qabee jiru humni guddaanis [hakimoota kanneen] akka ta'e beekamaadha" jechuun ibsa.

"Keessaayyuu ICU'tti nama maashinarra jiru gatanii deemuun waan nama rakkisuuf isaan namni muraasni tajaajilaa kan jirudha.

Isaanirraa kan hafe garuu dhukkubsataa waldhaansa hatattamaa, yaalii deddeebii, yaalii ciibsuu gara hospitaalaatti galchaa hin jirru. Yaalii deddeebiis guutummaatti dhaabneerra.

Gaaffii nagaadhaan otoo wallaansa kennanii gaafatan irraa "doorsifamuu, arai'amuu fi hidhamuun alatti bu'aan arganne hin jiru. Jijjiiramni tokkollee hin jiru" kan jedhu ogeessi kun, hospitaala sanatti hakimoonni intarnii naannawaa 40 fi reezidantoota 250 ol akka jiran kan kaasu ammatti guutummaatti tajaajila akka dhaaban ibsa.

Gaaffileen ijoo 12 ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa gaafataa jira "gaaffii daabbooti malee siyaasa tokko of keessaa hin qabu" jedhan. Murtoon mootummaan gaaffii isaanii deebisuu dhiisee ogeeyyii doorsisuu fi hidhuu filachuun murtee dogongoraa ta'uus kaasa.

Hospitaalli Paawuloosis bifuma walfakkaatuun hakimoonni intarnii fi reezidantootaa waliigalaan dhibba shan caalan hojii dhaabuu kan himan reezidaanttin BBC'n dubbise ammatti tajaajila hatattamaarraan kan hafe hojiin hojjetamu akka hin jirre himu.

Narsoota muraasaafi hakimoota buleeyyii muraasaan hojiin hojjetamu kun walLaansi akka baqaqsanii yaaluu kan ogeessa baay'ee barbaadan tokkollee hojjetamaa akka hin jirre ibsaniiru.

Hospitaalichatti walLaansa bal'aa taasisaa kan turan hakimoota intarniifi reezidantoota ganna tokkoo hanga shanii jiran baay'inaan dhibba shan caalan ammatti guutummatti barnootas hojiis akka dhaaban kaasu hakimni biraa BBC'n hospitaalichaa dubbise.

Kanaaf, haalli wal'aansaa amma qabatamaan jiru daran rakkisaa ta'uus dabaluun himu. Waanti kun haala kanaan itti fufnaan balaa guddaa geesisas jedhu.

Dubartiin miseensi maatii ishee hordoffii hospitaala Paawoloosii qaban akka himtutti mooraan sun baay'ee oneera jetti.

"Tajaajilli kennamaa jiru kan hatattamaati. Kutaan duraan sireen shan jaha qabus amma gara lama sadiitti deebi'eera. Namooni ciisanii walLaanaman kan ji'a tokkoo ola achi turanis ogeeyyiin isaan kanaan dura hin beekne akka isaan hordofaa jiran natti himaniiru" jechuun hospitaalichatti taajjabde BBC'tti himteetti.

Ogeeyyiin haaraa jedhaman kunneen ammoo buufata fayyaa gara garaa irraa keessumaa narsootaa fi deessistoota [midwifery] gara hospitaalota hanqinni ogeeyyii itti uumamee akka geessan narsoota achi jiran irraa odeeffachuu dubbatti dubartiin kun.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa turtii Caamsaa 19 miidiyaa biyyaalessaa waliin taasaniin namoonni yaala barbaadan sadarkaa biyyaalessaatti addaan citinsa tajaajilaa tokko malee waldhaansa argachaa akka jiran ibsanii turan.

Warreen ciisanii tajaajilamanis ta'ee warren deddeebi'anii walLaanaman danqaa tokko malee tajaajilli kennamaafii jiraachuus ibsuuN, rakkoon muraannsi turan jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Itoophiyaa, Dr. Maqdas Dhaabaa.

Hospitaalota baruufi barsiisuu muraasa keessatti addaan citinsi tajaajilaa akka mudate kaasuun, hakimoota buleeyyii fi narsoota waliin ta'uun rakkinicha furuu dandeenyeerra jechuun ibsanii turan Ministirri kun.

Har'a ammoo Ministeera Fayyaa Itoophiyaarraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin BBC taasise ammaaf hin milkoofne.