Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Saal-qunnamtii gidduutti kondomii baasuun gudeeddii akka ta'e hin beekun ture"
Yeroo saal-qunnamtii raawwachaa jiranitti osoo michuu ofii hin beeksisiin dhoksaan kondomii baasuun akka yakkaatti akka ilaalamu baruun ishee " naasisuu" taatoon agarsiisa TV Love Island turte tokko dubbatte.
Saal-qunnamtii raawwachaa wayita jiran gidduutti michuu waliin raawwachaa jiran sana osoo hin beeksisiin kondomii baasuun afaan Ingiliffaatiin moggaasni 'Stealthing' jedhamu kennameeraaf.
Hiikni isaa ammoo osoo michuun saal-qunnamtii waliin raawwachaa jiran hin beekiin ykn irratti walii hin galiin kondomii baasuu jechuudha.
Taatoon beekamtuu gochi akkasii kun yakka ta'uu boodarra barte kun Megaan Baarten jedhamti. Megaan saal-qunnamtii gidduutti kondomii baasuun kun si'a ja'a akka ishee mudate dubbatti.
Michuun ishee tokko kondomiin tarsa'eeti jechuun irra deddeebiin sababa uumuun kondomii baafachuun akka osoo hin fedhiin ulfooftuufi ulfallee ofirraa baastu ishee dirqisiiseera.
Gochi akkasii kun "yakkaa akka ta'e hin beekun ture" jechuun dubbatti taatoon amma umuriin ishee wagga 30 ta'e kun.
"Dhimma kana michuukee waliin qofa dubbachuun waan sirri jiru natti fakkaata ture," jetti.
Akeekkachiisa: Barreeffamni kun qabiyyee dubbistoota tokko tokko gaddisiisu qaba'
Megaan gochi akkasii kun "sirrii akka hin taaneefi haqa-qabeessas akka hin taane" Podcast 'We Need to Talk' jedhamutti dubbatteetti.
Qopheessaan Podcas kanaa Pool Sii Biruunsan waa'ee yakka 'Stealthing' jedhamuyeroo itti himetti ture gochi michuushee gudeeduu ta'uusaa kan hubatte.
"Waa'ee 'Stealthing' (yeroo saal-qunnamtiitti jiran osoo michuu ofii hin beeksisiin ykn irratti waliif hin galiin kondomii baasuu) tasa dhaga'ee hin beeku" jetti Megaan.
"Yeroo saal-qunnamtii raawwachuu jalqabnetti kondomichi jira ture. Wanti tures gaariidha. Gara dhumaatti ta'e jedhee baafata. Kana godhee ammoo sababii inni dhiyeessu baqaqee ykn tarsa'eeti kan jedhudha." jetti.
"Baayyee rifaasisaa ture" jechuun itti dabaltee ibsiti.
Metiroopoliitaan Poolisiin jechi yeroo baayyee ('afaan Araadaatiin') 'Stealthing' jedhamu kun gocha seeraan akka yakka gudeeduutti ilaalamudha jechuun ibsa.
Namoonni baayyeen akka yakka ta'etti waan hin hubanneef, akkasumas baayyee waan hin gabaafamneef (rippoort) hin taaneef himanni kanarratti baratamaa miti.
Qorannoon Yunivarsiitii Kollejjiin Landan ((UCL) ji'a Onkoloolessaa keessa gaggeesse akka agarsiisutti, dargaggoota umuriin isaanii waggaa 18 -25 jiran kudhan keessaa tokkoo ol kan ta'an yeroo saal-qunnamtii raawwatanitti waliigaltee malee kondomii baasuun akka yakka miidhaa/haleellaa saalaa raawwachuutti hin ilaalan.
Daarektara dhaabbata miidhaa ijoollee ol adeemoofi dubartootarra gahu dhaabsisuuf hundeeffame 'End Violence Againist Women and Girls' jedhamuu kan ta'e Andiriyaas Simoon, saal-qunnamtiin waliigalteen kan jalqabamuu danda'u ta'ullee namichi marii malee dhoksaan kondomii yoo baase waliigaltee/hayyaama sana cabseera.
Kun ammoo akka gudeeduutti lakkaa'ama, yakka gudeeduutiinis himatamuu danda'a jedhu.
"Kondomii waliigaltee malee baasuun ( 'Stealthing' ) hangam akka babal'ateeru beekuun baayyee rakkisaadha. Sababiin isaa ammoo baayyeen miidhaa saalaa ykn yakka ta'uu isaa waan hin hubanneefidha," jedhu.
"Keessattuu dhiironni yeroo saal-qunnamtii raawwachaa jiranitti hayyama malee ta'e jedhanii kondomii baasuun yakka ta'uu hubachuu qabu. Dhiironni qaama dubartiirratti ajajuuf mirga qabna kan jedhu kan agarsiisu yoo ta'u, mirga dubartoonni qaamasaaniirratti ajajuu kan sarbudha," jechuun ibsan.
Bara darbe ji'a Waxabajjii keessa namni osoo saal-qunnamtii raawwachaa jiruu kondomii baafate tokko Yunaayitid Kingidam keessatti hidhaan waggaa afurii itti murtaa'eera.
Jiraataa Kibba Landan Biriikistan kan ta'e namni umuriin isaa waggaa 39 ta'e Gaay Mukeendii dubartii saal-qunnamtii waliin raawwachuuf hayyamtee turte irratti gidduutti osoo isheen hin beekiin kondomii kan irratti baafate.
Dhaddacharratti Mukendiin kana kan godheef yeroo dheeraatiif saal-qunnamtii waan hin raawwanneef akka ta'e ibsuun isaa gabaafamee ture.
Fiilmii walitti fufinsaan dhiyaatu bara 2020 'I May Destroy You' jedhamu BBCn hojjete keessatti yaadni kun kutaa afraffaa isaa keessatti ka'eera.
Taatoo jabduu fiilmichaa kan taate Arraabeellaa osoo saal-qunnamtii raawwachaa jiranii michuun ishee osoo isheen hin beekiin kondomii baafateera.
Arraabeelaan osoo Podcast irratti hin dhaga'iin dura gudeedamuu akka ta'e hin beektu ture. Fiilmichi seenaa dhugaarratti kan hundaa'edha.
Seenaa taatoo beekamtuu, barreessituufi qopheessituu fiilmii Miikeelaa Koohelin waabii godhachuun kan hojjetamedha.
Miidhaa/haleellaan saalaa gosa akka kanaa yaaddessaa ta'uun isaa kan calaqqisu afaan fayyadamnuutiinidha jedhu hoji-gaggeessaan dhaabbata 'Rape Crisis' kan damee Ingiliziifi Weels Siihoraa Bargimaan.
"Dhimmi 'Stealthing' jedhamu kun seera Ingiliziifi Weels keessatti gosa gudeeduuti," jedhu.
"Saal-qunnamtii raawwachuuf kondomii fayyadamanii ta'uu kan waliigalan yoo ta'eefi michuun isaanii osoo hin beeksisiin ykn osoo walii hin galiin dhoksaan yoo baasan hayyamni sun akka cabetti lakkaa'ama," jechuun ibsu.
Namoota gochi akkasii kun yaaddoo isaanitti ta'eef taatoon beekamtuu Megaan gorsa qabdi.
"Wantonni shakkitan yoo isin mudate, yaaddoo yoo isinitti ta'e hiriyyoota keessanitti himaa. Nama tokkotti himuun waliin taatanii buufata poolisii deemuu dandeessu," jetti.
"Dhimmi kun yoo kan isinitti cimu ta'es mana keessan keessa taatanii bilbila bilbiluu dandeessu. Haata'u malee, waan isinirra gahe namatti himuu qabdu. Sababiin isaas wanti isinirratti raawwatame haqa-qabeessaafi sirrii waan hin taanee," jechuun gorsiti.