Ajjeechaa Batteerratti 'qorannoo Maqiitti godhamutu gufate malee waliigalatti hin dhaabbanne'-Komishinii

Madda suuraa, Ethiopian Human Rights Commission
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa Obbo Battee Urgeessarratti qorannoon magaalaa Maqiitti qaamaan argamee gaggeessaa ture gufachuu beeksise.
Komishinichi magaalaa ajjeechaan kun itti raawwatetti namoota ijaan arganiifi ragaalee biroo qaamaan argamee sassaabaa akka ture ibsee, danqaalee mudataniin qorannoo achitti gaggeefamu adda kutuu BBCf mirkaneesseera.
Komishinichi ibsa gabaabaa kana kan kenne barruun Addis Istaandard qorannoon kun gufachuu ilaalchisee xalaayaa Komishinichi qaamota mootummaa naannoo Oromiyaatti erge argatee gabaasa baase hordofeeti.
Obbo Batteen Ebla 10, 2024 magaalaa Maqii keessatti rasaasni baayyeen itti dhukaafamee ajjeefaman.
Poolisiin magaalaa Maqii ajjeechaa isaanii kanaan namoota shakke to'achuu ibsee ture.
Ergasii garuu haala irra gahe ilaalchisee BBCn odeeffannoo argachuuf yaaliin irra deddeebiin godhe hin milkoofne.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hogganaan damee siyaasaa isaa Obbo Batteen qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefamuu ragaalee argachuu ibsa torbanoota dura baaseen beeksisee ture.
Ibsa isaa keessattis namootni ajjeechaa kana ijaan arganis ta'e ragaalee jiran ''mootummaan ta'e jedhee dhabamsiisaa jira'' jechuun komatee ture.
Addis Istaandard xalayaa pireezidantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee waajiraa akka Abbaa Alangaa, Poolisii Oromiyaa fi Bulchiinsa Godinaaf ergame jedharratti, ajjeechaan kun qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatamuu akeekeera jedha.
Komishinichi ajjeechaa kana qorachuuf gareesaa gara magaalaa Maqiitti ergee guyyoota sadii booda qorannoo achitti gaggeessuu adda kutuuf dirqamuu ibsuu xalayicharraa hubachuu barruun kun ibseera.
Daayireektarri damee hordoffiifi Qorannoo Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Obbo Yibeqaal Gizaaw xalayaan haala qorannoon isaanii itti danqame ibsu waajireelee naannoo Oromiyaa adda addaaf ergamuun dhugaa ta'uu BBCf mirkaneessaniiru.
''Qorannoo magaalaa Maqiitti qaamaan argamuun godhamutu adda cite malee qorannoon waliigalaa ajjeechaa kanarratti raawwatamu ammallee itti fufee jiraachuun hubatamuu qaba,'' jedhan Obbo Yibeqaal.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addis Istaandaard xalayaa isa qaqqaberratti sababoota ijoo qorannoon magaalaa Maqii keessatti gaggeefamaa ture akka adda citu taasisan ibsamuu gabaaseera.
Obbo Yibeqaal garuu qabiyyee xalayichaarrattis ta'e adeemsa qorannoo hanga ammaa jiruurratti odeeffannoo dabalataa kennuun ''adeemsa qorannoo ammallee hin xumuramiin jiruurratti dhiibbaa qabaa'' jechuun dubbachuurraa of qusataniiru.
''Bakkichatti qaamaan argamuun adeemsa ragaa walitti qabuutu adda cite'' kan jedhan Obbo Yibeqaal, qorannoon isaanii wayita raawwatamu bu'aansaa ifa akka godhamu dubbatan.
Akka Addis Istaandard gabaasetti, Komishinichi ragaaleen hidhamuufi qorattootnisaas magaalaa Maqii keessattii hojiisaanii wayita hojjetan qaamolee hin beekamneen hordofamaa akka jiran xalayicha keessatti ibseera.
Xalayichi ajjeechaan kun haala akkamiin qaamolee uffata dambii uufataniifi meeshaa hidhataniin akka raawwate ragaalee ijaan argan waabeffachuun katabeera.
Xalayichi ''Halkan qixxee naannoo sa'aa 6 tti namootni reenjerii uffatan, mallaayyoo diimaa kaawwataniifi meeshaa waraanaa hidhatan afur konkolaataa piikaappii abbaa gabbiinaa lamaa keessaa bu'an, duuba konkolaatichaa keessaa nama tokko buusan, nama san irra deddeebiin itti dhukaasanii deeman'' jedhaa akka gabaasa Addis Istaandard baaseetti.
Hakiimni reeffa Obbo Battee Urgeessaa arge tokko BBCf yaada kennee tureen qaamasarraa madaan sababa rasaasaan uumame 11 akka ture himeera.
Madaawwan kanneen keessaa ammoo shan mataa keessa akka ta'aniis ibsee ture.
Xalayaa jedhame kanaarratti Komishinichi ragaalee isaarraa kan hubate Obbo Batteen ''harki duubatti hidhamee mataa, laphee fi garaarra rasaasaan dhahamuudha.''
Komishinichi Ebla 10, 2024 namoota ijaan argineerra jedhan irraa odeeffannoo kana erga sassaabee booda, Ebla 11 namootuma kanaaf gaaffii dabalataa dhiyesseef qunnamuuf yoo yaalu hidhamuusaanii hubachuu xalayichi ibsuu Addis Istaandard gabaaseera. Sababni hidhamaniif ammoo ''nageenya isaaniif jedhameeti'' kan jedhu ta'uun ibsameera.
Komishinichi ergasii ragaaleesaa kana dubbisuurraa dhorkamuu, boodas sochiin hojjettootasaarra yaaddoon mudachuu ibseera.
''Namoota hin beekamneefi konkolaataadhaan ogeeyyiin qorannoo keenya hordofamaa turan, sochiin isaaniis danqameera.''
Komishinichi qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu ''mirga qorannoosaarratti danqaa uumuun fudhatama hin qabu'' jedhu akka kabajaniif gaafateera.
Ragaaleesaa hidhaa jiran dubbisuuf, mirgi namoomaasaaniis kabajamuu akka hordofuu danda'u gaafateera.
Komishinichi Ebla 12, 2024 qorannoosaa qaamaan magaalaa Maqiitti gaggeessu erga adda kutee booda, Ebla 17, 2024 ammoo xalayaa kana qaamolee mootummaa adda addaatti ergeera jedha Addis Istaandard.
Xalayicha irratti guyyoota 10 keessatti adeemsa jiru irratti mariyachuufi furmaatni akka kennamuuf, ta'uu baannan bu'aa qorannoosaatii ifa akka godhu ibseera jedhameera.












