Keeniyaan araada alkoolii to'achuuf lakkoofsa mana dhugaatii hir'isuuf

Mootummaan Keeniyaa namoonni guyyuu dhugaatiirratti yeroosaanii dabarsan heddummaachuurraa kan ka'e lakkoofsa manneen dhugaatii hir'isuuf akka jirtu beeksise.
Manneen dhugaatii magaalota kutaa biyyaa keessa jiran hundinuu lakkoofsi isaanii akka hir'atuuf qajeelfamni ba'e hojiitti hiikamuuf jira.
Pireezidantii Itti Aanaa biyyattii kan ta'an Riigaatii Gaachaagwaa, qajeelfama bulchiinsonni giddu gala biyyaa torbee darbe labsan- ''Magaalaa tokkoof mana dhugaatii tokko,'' kan jedhu akka hojiirra oolu ajajaniiru.
Araada dhugaatii alkoolii hir'isuuf tarkaanfii mootummaan fudhataa jiru keessaa dhimmi ijoon kan biraan, iddoowwan bashannanaa galgala naannoo sa'aatii 11 hanga halkan sa'aatii shaniitti qofa banaa akka ta'an ajajaniiru qondaalli kun.
Tarkaanfiin mootummaa kun, namoonni gara alkooliiwwan qe'ee keessatti hojjetamanii fi keemikaalonni miidhaa qaqqabsiisan itti dabalamanitti fuulasaanii deebifachuuf sababa ta'uu mala jedhamee sodaatama.
Itti Aanaan Pireezidantii kun garuu, keessattuu gara giddu gala biyyaatti araadi alkoolii akka malee waan dabalaa jiruuf, tarkaanfiin hatattamaan akka fudhatamu ajajaniiru.
''Rakkoo kana dura dhaabbachuun dhaloota baraaruuf ammarraa tarkaanfii fudhachuu qabna. Kana hin goonu taanaan garuu akka hawaasa guutuutti rakkoo keessa jirra jechuudha,'' jechuun pireezidantichi walga'ii hooggantoota waliin gaggeessan irratti dubbatan.
Aab Riigaatii Gaachaagwaa akka jedhanitti, kutaalee biyyattii keessaa naannawa Maawunti keeniyaa jedhamutti manneen dhugaatii dargaggoonni araada alkoolii fi qoricha sammuu adoochaniin baduuf sababa waan ta'aniif, kanneen eeyyamni isaanii obba'e akka hin haaromsamneef dhorkaa kaa'aniiru.
Qondaalli kun baayyinni manneen dhugaatii dargaggoota balleessaa jiranii baayyina suuqiiwwaniin ol ta'uu eeruun, tarkaanfiin kun atattamaan hojiirra ooluu akka qabu ajajaniiru.
Poolisii fi bulchitootni kutaalee biyyaa manni dhugaatii fi bashannanaa kamiyyii sa'aatii 24 tajaajila akka hin kennineef akka dhorkan kan ajajan qondaalli kun, ''dhalooti akka badu har'a yoo eeyyamne bor ni gaabbina. Kanaafuu ammarraa tarkaanfii yaa fudhannu,'' jechuun dhaaman.
Keeniyaa keessatti lakkoofsi namoota araada dhugaatii alkoolii qabanii dabaluun alatti, dargaggoota hedduu balaaf saaxilaa jiraachuu isaati akka mootummaan tarkaanfii fudhatuuf kan dirqamsiise.












