Namicha qurxummii kiyyeessu saaphanasaa irratti reeffa daa'imaa argate

Hammuma lakkoofsi godaantota Awurooppaa galuu barbaadanii dabalaa adeemu lakkoofsi namoota galaana Meditaraaninyaanii irratti lubbuun darbus dabala.

Qondaaloti Gamtaa Awurooppaa kanneen hiyyummaa baqatan simachuu irratti rakkataa yeroo jiranitti arii'atamni immoo qarqara galaana Tuuniziyaa irratti godaannisa dhiisee darbaa jira.

Yeroo aduun naannoo qarqara galaanaarraa baqattu Osmaan Daabbeebii saaphanasaa galaanarratti diriirsuun maal as naa fidee dhufaa jedhee yaadda'a, sababinsaa yeroo hunda quruxummii qofa miti saaphannisaa kan guuru.

''Takka takka qurxummii otoo hin taane reeffan argadha. Yeroo jalqabaa baayyeen sodaadhe. Yeroo keessa garuu nan bare. Yeroo muraasa booda saaphana koo irratti reeffa argachuun akkanuma qurxummii argachuu tahe,'' jedha.

Kiyyeessaan qurxummii nama ganna 30 dhihoo kana reeffa godaantota 15 guyyaa sadii keessatti argachuu hima.

''Yeroo tokko reeffa daa'imaan argadhe. Daa'ima irra maaliif waan akkasii irra gaha? Anillee boo'aan ture. Ge'eessotaaf waan addaati jireenya jiraataniiru. Daa'imni garuu homaa hin aragine.''

Obbo Daabbeebiin bishaan qarqara magaalaa guddoo lammaffaa Tuuniziyaa Esfaaksitti waggaa 10 irraa qabee qurxummii kiyyeessaa ture.

Dur namoonni hojii akkasaaa hojjetan baayyeen turanillee amma garuu bidiruu isaanii daddabarsitoota namootaatti gurguraniiru jedha.

''Warreen namoota daddabarsan yeroo baayyee bidiruu narraa bituuf hamma qarshii amanamuu hin dandeenye naa kennaniiru, ani garuu nan dide.

Sababiinsaas namni tokko bishaan kana keessatti yoo dhidhime, ofiif waanin dhiifama godhu natti hin fakkaatu,'' jedha.

Akka Biiroon Eegumsaa Tuniziyaa Biyyaalessaa jedhutti ji'oota sadeen jalqaba bara kanaa qofa godaantoonni 13,000 bidiruu akkaan guute irraa buufamanii gara qarqara galaanaatti deebi'aniiru.

Bara kana Amajjii fi Guraandhala keessa qofa namoonni 24,000 tahan Tuuniziyaa irraa Xaaliyaan galuu UN beeksiseera.

Yeroo ammaa kana biyyattiin godaantota gara Awurooppaa adeemanii bakka ka'umsaa guddaa taatetti.

Kana dura godaantotaaf akka ka'umsaatti kan taajaajilu Liibiyaa turte amma garuu sababii buttaa fi haleellaa godaantota irra gahuun gara Tuniziyaatti dacha'an.

Tahus bidiruu torbee darbe qarqara galaanaa Giriikiitti dhidhimtee du'a namaoota 78fi achi buuteen dhabamuu namoota 500f sababa taate garuu Liibiyaarraa kaate.

Jalqabuma bara kanaa yeroo torbee lamaa keessatti reeffi namoota 200 galaana keessaa baafameera.

Bara 2014 kaasee namoonni 27,000 galaana Meditaraaniyaanii ce'uuf yaalan dhihdimanii hafaniiru.

Bara kana hamma ammaatti godaantonni 47,000 tahan Xaaliyaan kan galan yoo tahu kan bara darbe irraa dachaa sadiin dabaleera.

Hoggantuun Gamtaa Awuooppaa Arsalllaa Voon Der Leeyin yeroo Xaaliyaanii daawwatanitti deeggarsa maallaqa doolaara biiliyoona tokkoo waadaa seenaniiru.

Yoo qarshiin kuni ragga'eef tarkaanfii daddaabarasa namootaa ittisuuf taasifamu irrattii oola.

Balaan torbee darbe qarqara galaanaa Giriikitti qaqqabe tarkaanfiin tokko fudhatamuu akka qabu akeekeeera.

Haa tahu malee godaantonni baayyee galaana ce'uuf akkaan barbaaduu, warreen namoota daddabarsan immoo akkaan bu'aa qabeessa tahuuf fedhii qabaachuu irraa kana ka'e namoota bidiruu xiqqoo irratti namoota akka malee fe'amanii galaana ce'uuf yaalan dhaabsisuun rakkisaa tahuu mala.

Magaalaa Tuniziyaa Iseefaaks keessa godaantotni Afrikaafi Baha Giddugalaarraa dhufan gaaddisarraa daandirra walitti qabamanii jiru.

Gariin isaanii qarshiin isaan qaban kan daddabarsitoota namootaaf kaffalani dha. Kaani immoo nyaataafi iddoo bultiif illee waan kaffalan hin qaban.

Baayyeen godaantotaa paasportii isaanii gataniiru yookiin immoo jalaa hatameera. Paaspoortii kan hin qabne kan seeraan ala biyyaa bahanis jiru.

Baayyeen isaanii galaana ce'anii Awurooppaa galuun balaafamaa tahuusaa dhagahanillee balaa mo'atanii achi gahuu barbaadu.