Hojjettoonni komii foolii qaamaan imaltoota gurraacha xiyyaararraa buusan dhorkaman

Daandii Xiyyaara Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dhiironni sadii baatii Amajjii keessa xiyyaararraa buufaman Daandii Xiyyaara Ameerikaa mana murtiitti himataniiru

Hojjettoonni Xiyyaaraa Ameerikaa komiin foolii qaamaa erga dhihaate booda imaltoota gurraacha ta’an kanneen xiyyaararraa buusan akka hojiirraa boqotan taasifame.

Imaltoonni xiyyaara kanaa taateen Amajjii keessa mudate sababa loogii sanyummaan akka mudate eeruun baatii Caamsaa keessa dhimmicha mana murtii geessun himataniiru.

Ergaa Hogganaan Olaanaa Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa Roobart Isom wanti mudate fudhatama akka hin qabne ibsaniiru.

‘’Kanneen qooda fudhatan hojiirraa dhorkuu dabalatee akka gaafataman gochuutti jirra,’’ jechuu isaanii ibsi daandiin xiyyaarichaa baase mul’isa.

Daandiin xiyyaarichaa rakkoon akkanaa akka hin mudanne muuxannoo imaltoota gurraacharratti hundaa’un ‘’garee gorsu’’ akka eegalsiisu ibseera.

Himannaan baname namoonni dhiiraa sadii bakka tokko hin teenyeefi wal hin beekne imala Fiiniks, Arizonaa fi Niiw Yoork gidduu jiru keessaa nami gurraacha ta’e hundi xiyyaararraa buufamu himan.

Walumaagala imaltoonni saddeet xiyyaararraa buufamaniiru.

‘’Daandiin Xiyyaaraa Ameerikaa gurraacha waan taane qofaaf adda nu baase, nu qaanesse akkasumas nu xiqqeesse,’’ jechuun ibsa baasan keessa ibsan.

Dhiironni sadan kun xumurarratti teessuma xiyyaaraa isaaniirra deebi’anii akka taa’an eeyyamameeraaf.

Ergaa hojjettootaaf Hoogganaan Olaanaa daandii xiyyaarichaa erganiin ‘’waan imalarrati mudateen baay’ee mufachuu’’ isaanii ibsaniiru.

Imaanaa maamilli nurraa eegurraa hanqanne jechuun dhaabbilee mirga gurraachotaaf hojjetan waliin akka dalagan ibsan.

Kuni himannaa loogii jalqabaa Daandii Xiyyaaraa Ameerikaa mudate miti.

Dhaabbati waa’ee mirga gurraachotaaf falmu, NAACP, ’loogiifi kabajaa dhowwuun’ mul’ataa jira jechuun imaltoonni gurraachi Daandii Xiyyaara Ameerikaan akka hin imalle jedhee bara 2017 ibsee ture.

Waggaa itti aanu daandiin qilleensichaa jijjiirama taasisuu erga ibsee booda ajaja kana dhiisuun isaa ni yaadatama.