Somaaliyaan daangaakoo cabsitee seente jechuun Mana-maree Nageenyaa UN irratti Itoophiyaa himatte

UNtti ambaassaaddara Somaaliyaa

Madda suuraa, UN

Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa ce'uun biyyashee seenuu Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti himatte.

Biyyoota ollaa walii taa'anii walqoccolaa jiran gidduutti taateen akkanaa wayita dabalamu, waldhibdeen jiru furmaata argachuu caalaa hammaachaa deemuu mul'isa.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa Somaaliyaa kan ta'an Abukar Dahir Osman loltoonni Itoophiyaa ''kallattiiwwan hedduun'' daangaasaanii cabsanii seenuu Mana Maree Nageenyaa jaarmiyaa addunyaa kanatti himataniiru.

Akka qondaala Somaaliyaa kanaatti loltoonni Itoophiyaa daangaasaanii cabsanii seenuu himatan kunneen qaama loltoota Gamtaa Afrikaan ramadamanii miti.

Loltoonni Afrikaa ergama nagaa eegsisuu fudhatanii Somaaliyaa keessatti ramadamanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti hoogganaman kan Itoophiyaan miseensa hedduu keessaa qabdu ATMIS jedhamu.

Aab Osmaan inumaa loltoonni Itoophiyaa seeraan ala daangaa Somaaliyaa seenuu qofa osoo hin taane ''humnoota Somaaliyaa waliin waldura dhaabbannaa hamaa keessa galaniiru,'' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa himannaa kanarratti hanga yoonaa homaa hin jenne.

Miidiyaan Somaaliyaa akka gabaasanitti loltoonni Itoophiyaa biyyattii seenan kumaan kan lakkaa'amaniidha.

Itoophiyaan waraana gosa lamadha kan ishiin Somaaliyaa keessaa qabdu.

Tokko Gamtaa Afrikaa jala kan sosso’u (ATMIS) yoo ta’u kan lammataa waliigaltee biyyoota lamaan kan bobba’edha.

Gamtaa Afrikaa jala yoo xiqqaate loltoota 3,000 akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan immoo loltuun Itoophiyaa 5,000 – 7,000 ta’u bakkeewwan Somaaliyaa adda addaa keessa qubateera.

Mootummaan Somaaliyaa waraanni gosa lamaanuu akka isaan bahan akka barbaadu aangawoonni biyyattii himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Oduun loltoonni Itoophiyaa garee Al-Shabaab adamsaa hayyama mootummaa Somaaliyaa malee daangaa Somaaliyaa qaxxaamuranii seenan jedhu gidduu kana ijoo dubbii ta'eera.

Jiraattonni kutaawwan bulchiinsaa Somaaliyaa Itoophiyaa waliin wal daangessan keessaa tokko taate, bulchiinsa Iraan, magaalaa Maatabaan, miseensota Raayyaa ittisaa Itoophiyaa meeshaa gurguddaa hidhatan kumaatamaan lakkaa’aman arguusaanii BBCtti himaniiru.

Bulchaan magaalaa Maatabaan loltoonni Itoophiyaa hidhattoota al-Shabaab hordofanii hayyama mootummaatiin ala daangaa Somaaliyaa ce’uu erga ibsanii booda, miseensonni Raayyaa ittisaa Itoophiyaa kun gara irraa dhufanitti deebi'uu isaanii BBC Somaaleetti dubbataniiru.

Erga Itoophiyaan bulchiinsa mataashee dandeesse fi beekamtii biyyummaa UN hin qabne- Somaalilaand waliin waliigaltee walhubannoo mallatteessitee hariiroon hariiroon Somaaliyaa fi Itoophiyaa rakkoo keessa galeera.

Akkaataa waliigaltee jalqaba bara 2024 mallattaa'e kanaan Itoophiyaan handaara galaanaa kiilomeetira 20 argatti, bakkasaa Somaalilaand beekamtii biyyummaa akka argattu bal'inaan odeeffamaa ture.

Bulchiinsa ofiin of bulchaa jirtu Somaalilaand akka qaama isheetti kan ilaaltu Somaaliyaan, gocha kana ''gocha birmadummaa fi daangaa biyyashee cabsuutti fudhachuun'' waliigalteen kun akka hojiirra hin oolle hojjetaa jirti.

Itoophiyaa fi Somaalilaand torbanoota dhufan keessa walga'uun waliigaltee walhubannoo mallatteessan kanarratti bal'inaan ni mari'atu jedhamee eegama.