Baankiin hojjettoota sobaan waan hojjataa jira of fakkeessan hojiirraa ari'e

Madda suuraa, Getty Images
Wells Fargo hojjettootasaa tokko tokko kanneen sa'aatii hojiitti akka waan hojjechaa jiran fakkeessanii gowwomsuuf kiiboordii kumpitarsaanii sochosaa turan erga himatee booda torban darban keessa hojiirraa gaggeessera.
Baankiin guddaan Ameerikaatti sadaffaa ta'e kun murteewwan kana galmee dalaalaa keessatti Abbaa Taayitaa To'ataa Industirii Faayinaansii (Finra)tti galmeessuun ibseera.
Dhaabbatichi dhimmi jedhame kun akkamitti akka adda baafame ykn hojii fageenyarraa hojjatamuun kan wal qabatu haata'uufi ta'uu dhiisuu ilaalchiisuun gaaffii dhiyaateef deebii hin kennine.
US keessatti baatii kana keessa seerri haaraan hojiirra kan oole yoo ta’u, innis waajjiraaleen hojjattoonnisaanii mana taa’anii hojjetan waggaa sadiitti al tokko sakatta’amuu qabu kan jedhudha.
Dubbi-himtuun Baankichaa, Laawurii Kight ibsa kennaniin, ''Wells Fargo dhaabbata hojjettoota ogummaa sadarkaa olaanaa kan qabatu yoo ta'u, amala naamusa hin qabne akkasi hin obsu,'' jedhan.
Dhaabbileen gurguddoon tokko tokkoos, erga yeroo weerara Covid kaasuun fagoorraa hojjachuun babal'ate booda, hojjetootasaanii hordofuuf meeshaalee ammaayyaa'oo ta’an fayyadamaa turaniiru.
Taajilliiwwan sunis tuxuqaa kiiboordiifi sochii ijaa kan hordofan yoo ta'u, marsariitiiwwan kum akka doowwataman ammoo suuraa kaasuudhaan olkaa'au.
Haata'u malee, kompitarri itti hojjatamaa akka jiruu fakkeessuu dabalatee, teknolojiin akka hojii hordoffii jalaa miliquun danda'amuutti cimeera.
Akka Amaazoon jedhutti, teknolojiiwwan kunneenis ji'a darbe keessa kumaatamaan gatii doolaara 10 gadiitti gurguramaniiru.
Galmeewwan himannaa kana keessatti, Weels Faargo'n hojjettoonni erga ''himannaan sochii kiiboordii fakkeessuudhaan sobaan hojii hojjachaa akka jiran gamaaggamee booda'' hojii gadhiisan ykn hojiirraa ari'amaniiru jedheera.
Bloomberg kan jalqaba waa'ee hojiirra ari'atamu hojjattoota kanneenii gabaases, tarkaanniif kanaanis namoonni hedduun midhamaniiru jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC gamasaatiin taateewwan jaha kan mirkanneessee yoo ta'u, isaan keessaayis hojjataan tokko erga himannaa kun irratti mirkanaa'een booda ofumaan hojii gadhiisuu hubateera.
Hedduun hojjattoota kanneenis kan dhaabbatichaa waggaa shanii gadi hojjataniidha.
Taateen kunis yeroo dhaabbileen hedduun, keessattuu kanneen indastirii faayinaansi irra hojjatan hojjattoonni isaanii gara waajjiiraatti akka deebi'aniif dhiibbaa taasisaa jiruuttidha.
Era weerarri Covid mudatee as manaa hojjachuun baratamaa kan dhufe yoo ta'u, lakkoofsi hojjattotaas hir'ifamee ture.
Ameerikaa keessattis, kanfaltii baatii darbe keessa taasifame keessaa kanneen %27 ta'an warra manaa hojjataniif kan kanfalameedha. Kunis kan bara 2020 yeroo walfakkaatuun yoo wal biratti ilaalamu bara sana %60 olitu manaa hojjataa ture.
Baankiin Wells Faargoo bara 2021'tti hojjattoota isaa irra caalaadhaaf haala itti manarraa fi waajiraa irraa itti hojjatan qopheessuu himee ture.












