Atakaaroo sirba qeenxee 'Furtuu' tibbana gadhiifamterratti Shukuriifi Hawwii gidduutti uumame

Hawwii Qanananii (bitaan), Shukurii Jamaal (mirgaan)

Madda suuraa, FB/Hawwii fi Shukurii

Tibbana sirbi qeenxee weellisaa Shukurii Jamaal baase ''Furtuu’’ jettu wal qabatee isaafi weellistuu Hawwii Qananii gidduutti atakaaroo kaasteetti.

Dhimma kanarratti BBC’n artistoota lamaanuu dubbiseera. Lamaan isaaniirraa akka iyyaafannetti walaloofi yeedaloon sirba kanaa kan nama Ibiraahim jedhamuu yoo tahu, akka sirbicha hojjettuuf jalqaba kan kennameef ammoo Hawwii Qananiif tahuu iyyaafanne.

Kana ta'uu ammoo Artist Shukurii Jamaalis, Hawwii Qananiis BBC’f mirkaneessaniiru.

Inumaayyuu Hawwiin sirba kana harmeeshee artist Ilfinesh Qannoo fi obboleettii ishee weellistuu Daangaa Qananii waliin shaakaluun irratti hojjechaa turuu himte.

Sirba kana baasuufis abbaa walaloofi yeedaloof, akkasumas mana muuziqaa isheef hojjeteef kaffaltii hunda xumurtee akka jirtu BBC'tti himte.

Shukuriin sirbichi akka miidhaguuf ogummaa isaan akka na gargaaruufi yaada naaf yaa kennuuf waraabee itti ergaan ture jette Hawwiin.

Hawwiifi Shukuriin hiriyyoota waliin hojjechaa turanidha. Sirba kana irratti maaltu mudatee gara wal dhabdeetti isaan geesse?

Dhugaan eessa jirti...?

Sirba kana irratti dhama’aa waanan tureef ni dhiiste seheen hojjedhee baase jedhe Shukurii Jamaal turtii BBC waliin taasiseen.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Daangaaf [obboleettii Hawwii] sirba haaraa bara darbe tokko kenneefii jennaan, Hawwinis Shukuriikoo anaafis hojjedhu jettee natti dhufte. Hawwii argadheetimoo siif waan akkamii sii hojjedhu jennaan kan akka Daangaaf hojjette sana na jette.

"Kan Daangaa ana miti kan hojjete. Hiriyyootakootu hojjete isaan waliin walittan isin fidan ishee jedhe,’’ jechuun akka itti dubbiin kun eegale BBCtti hime.

"Sirba Daangaa Qananii sana Ibiraahim [yeedaloo], Nimoonaa Kabbadaa fi Birhaan Zarihun hojjete waan taheef akka isheefis hojjetaniif wal isaan qunnamsiise.’’

Hawwiin dhugaadha! An sirboota ammayyaa malee walaloo sirboota aadaa barreessuuf dandeettii guddaa waan hin qabneef Shukurii gaafadhee jennaan Ibiraahim waliin wal nu qunnamsiise jette.

Ibiraahimis sirba amma bahe, 'Furtuu' jettu kana walaloofi yeedaloo isaa hojjetee 'sample’ isaa isheef akka ergeef himte.

Shukuriin ammoo sirbichi ‘sample’ isaa waan ana bira jiruuf Ibiraahim eeyyamsiisee ergeefii jedhe.

Itti dabaluun Hawwiin sirbicha fudhattee irratti hojjechaa turuufi innis bakka sirrachuu qabu Hawwiitti himaa akka miidhaguuf waliin hojjechaa turuu dubbata Shukuriin.

Kana gidduutti Hawwiin dhimmaaf gara Keeniyaa deemuun ji’oota muraasaaf Ibiraahim fa’aa waliin wal jalaa baduu himte.

Kana gidduutti ni dhiisteetti jedheen 'sirba kana qabattee waggaa tokkoof achumaan callisnaan walaloofi yeedaloo isaa sirreessee Amaanyi Afaroof erge. Innis walaloo amma namootni qoodaa jiran: "Dhiqattee dibattee yoo gad baatu manaa...

Kan miidhagu sihii kan maraatu ana…" kan jedhu itti dabalee hojjete jedhe Shukuriin.

Hawwiin Shukuriin kan sirreesse bakka walaloo: Na ilaalii, na ilaalimee… kan jettu yeedaloo ishee miidhagse malee kaan waan ani sirreesseefi walaloo dabaledha. Walaloo sirba kana %95 kanuma Ibiraahim jalqaba hojjetedha jette.

Shukuriin yeedaloo isaa akka jijjiireefi miidhaksee hojjetes himte.

Shukuriin sirba kana hojjechuu Hawwiin akka quba hin qabne himte. Shukuriinis Hawwi ni dhiistee? jedhee akka hin gaafanne dubbatte.

"Anas hin gaafanne, anis sirbicha hin laanneef. Akkan itti dhama’aa ture ni beeka. Shukuriifi ani hiriyyoota yeroo dheeraati. Hojii isaa hedduun jaaladha,’’ jette Hawwiin.

Namni sirba kana Hawwiif kenne Ibiraahim maal jedha?

Walaloo fi yeedaloon kan kiyya. Mata-dureen Furtuu jedha. Erga barraa’ee waggaa tokko taheera. Sirba kun itti yaadamee walaloo fi yeedaloon kan hojjetameef Hawwiifi. Shukuriin erga wal nu barsiisee aartii irraa waan bubbulteef isheen akka hojjettuuf isheef kenne.

Hojiin kun anaaf ishee qofa ilaallata. Weellisaa biraaf erguun waan hin barbaachisneef ishumaaf erge. Shukurii waliin hiriyaa waan tahaniif akka hojjetu barbaada ture.

Hawwiin sirba kana ana waliin hojjetaa turte, muuziqaa hundaaf itti hojjetame hundaaf kaffaltii raawwatteet sagalee kan ishe egalchuuf qofa ishee eegaa ture.

Sagalee galuuf Landanitti istuudiyoo Shukurii bira galtee jirti. Anaafis kaffaltee jirti. Achitti waan waliin jedhan beekuu baadhus Shukuriin sirba kana baasuuf waan na gaafate hin qabu. Waan naa kaffales hin qabu.

Anaaf Shukuriin sirboota hedduu waliin hojjetaa jirra. Hawwiis sirboota biraa jaha kennee isarrattis hojjechaa jirti.

Amma waan gochuu qabnu haamileen ishee akka hin cabne eegnee hojii kana caalu akka hojjettuuf ishee deeggaruu qabna. Ana birayyuu hojii baay’ee jira waan taheef isheef hojjedha jechuun Ibiraahim BBCtti hime.

Ibiraahim Mahaammad walaloo fi yeedaloo artistoota Oromoof hojjechuun beekama.

Shukuriin hojjechuu akkamiin barame?

Artist Amiin Huseen jedhamu bara darbe Landanitti konsartii qopheesse.

Shukuriin Amiin yoo na gaafatu "ani maallaqaafis uummatakoo waliin wal arguufis konsarticha irratti hirmaachuu nan barbaada, garuu dubartiis osoo itti dabaltee gaarii taha, Hawwii dubbisi jedhee jennaan Amiin Hawwiis afeere,’’ jedhe.

Hawwiin garuu anaaf Amiin Huseen duruma hiriyyoota waan turreef inni na afeereen Landan deeme jette.

Hawwiinis guyyaa lamaaf jettee Landan deemuufi erga achi geessee ammoo achumaan istuudiyoo Shukuriitti sirboota qabdu kaanis itti dabaltee hojjettee deebi’uuf torban tokkoof achi turuu BBCtti himte.

Yeroo kana Shukuriin Hawwii simatee gara istuudiyoo isaa fudhatee deemuu hima.

Hawwiin erga istuudiyoo gallee sirba akkamii hojjetta jedhee namni Beebii Masinqoo jedhamu[qindeessaa muuziqaa] na gaafatee jennaan amma sirba tokkon qaba. Erga isa xumurree warra kaan hojjennan jedheen jetti.

Fidi na jedhee jennaan sirba [Furtuu] kanaan kana hojjennan jedheen. Qindeessaan muuziqaa sun sirba kana Shukuriin hojjeteera jedhee naaf bane jetti.

Animmoo gurbaan Afaan Oromoo waan hin beekneef isaaf hin galle taha malee Shukuriin akka naaf ilaaluufan itti ergaa ture malee anatu hojjetaa ture jedheen itti hime jette. Kanumaan Beebiin [qindeesichi] sirbicha bane jette.

"Gaafan dhagahu nan nahe. Walaloo i yeedaloon akkuma Ibiraahim hojjetetti jira. Garuu yeedaloo isaa xinnoo jijjiireera. Walaloo itti dabaleera. Beekamaadha Shukuriin bareechee hojjete.’’

Shukuriif bilbile jennaan hojii waan jiruuf naaf hin kaasne.

Achi ganama isaa naa bilbilee jennaan ‘’Shukurii akkan sirba kanatti haadhakoo fi miimmii [obboleettiikoo] waliin irratti hojjechaa ture beekta. Akkan istuudiyoofis akkan kaffalee xumureeru beekta. Akkamitti akkas na goota? jennaan ‘ati wagga tokkoof qabattee teesse. Ni dhiisteetta jedheen hojjedhe. Amma ani bareechinaan akkas jettaa? na jedhe.’

Sirba hojjechuu barbaaddu itti himtee jennaan qindeessaankoo waan ishees hin beekneef sirba Shukurii jedhee baneef. Animmoo sirba ''Furtuu‘’ kana masterii isaa hojjedhee biyyatti ergee [Mix] isaa hojjetameera. Qindeessaankoo ishee waan hin beekneef akkasumatti baneef’’ jedhe.

Hawwiin torban tokkoof Landan turuun sirbicha hojjetaa turan. Sirba Furtuu kanas hojjettee dhumarrti anaaf ergite jedhe Shukuriin. Gurbaan [qindeessaan] waraabuu jedhee na gaafatee jennaan gaarii taanaan waraabin jedhe.

Egaa dhumarratti naa bilbiltee jennaan Hawwii ani dhiisteetta jedheen beeka. Waa’ee maallaqaan wal qabatuun waan walii hin galleef dhiisuu natti himtee ture jedhe.

"Dhiise jennaan hojjedhe malee silaa nan dhiisaaf ture. An maatiishee [Artist Ilfinesh Qannoo] irraa waan dhalatteef hedduun kabaja.

"Anaanuu maatii gara aartiitti na fidedha. Ishee miidhuuf yaadee miti. Sirba baay’ees lafaa qabna. Ammas fuulduratti waliin hojjechuu dandeenya.’’

Sirba kanas osoo isheenis hojjettee baastes isheen dhiiraaf ani dubartiif gochuu dandeenya, kun biyya alaatti waanuma baramedha jedhe.

Hawwiin gochaa kanaan hedduu mufachuu ibsite. Namni walaloofi yeedaloo hojjeteef Ibiraahim bilbilee akkamitti sirban hojjedhee siif kenne dabarsitee kennite jennaan ‘situ kenneef’ jedheen deebiseef.

Kanumaan afur taanee Shukurii Jamaal, Hawwii Qananii, Ibiraahim fi Birhaan Zarihun] bilbilaan dubbanne. Ibiraahim Shukuriidhaan ani sirba kana yooman siif kenne? jedhee gaafachuu himte. Shukuriinis akka na hin eeyyamsiifneefi kaffaltii homaa Ibiraahimiifis akka hin kaffale hime jette.

Komiin Hawwii inni guddaan ergan hojjedhee xumuree kafaltii barbaadus ergan raawwadhee hojiikoo kana waggaa kudhanis yoon kaa’e kan isaa erga hin taanee hojjetee baasuun maaliif barbaachise kan jedhu kaasti.

Artistootni lamaauu guddina aartii Oromoo keessatti warra qooda guddaa qaban keessaati.